10 Milagres de Jesus na Bíblia: Lista com versículos e explicação
Os milagres de Jesus são muito mais do que demonstrações de poder sobrenatural; eles são sinais que confirmam sua divindade e missão. Ao longo dos Evangelhos, vemos Cristo curando enfermos, dominando a natureza e vencendo a morte.
Neste guia, selecionamos 10 milagres de Jesus na Bíblia, organizados com referências e uma breve explicação sobre o impacto espiritual de cada um deles.
Os principais milagres de Jesus nos Evangelhos
1. Transformação da Água em Vinho
Referência: João 2:1-11
Explicação: Ocorreu nas Bodas de Caná. Sendo o seu primeiro milagre público, Jesus demonstrou autoridade sobre a matéria e a natureza, revelando sua glória aos discípulos e abençoando a instituição da família.
Fuudhaa Fi Heeruma Qachaa Qaana’aa
Guyyaa sadeesso’oo qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessa fuudhaa fi heerumatti jiraayyu. Haati Yesuusiille achi jirtiiyyu. Yesuusii fi barattooti isaalle gara fuudhaa fi heeruma sanii waamamaneeran. Yennaa daadhiin woyni’ii dhumatte, haati Yesuusii, «Daadhii woyni’ii isaan duraa dhumatte» Yesuusiin jette.
Yesuus, «Aayyaa, waan huju natti himu’uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne» jedhee deebise.
Achiin duuba haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godha’a» jettee tajaajiltootatti hinte.
Yihudooti aadaa dhugeeffanna’aa ka ittiin ifi qulleessanu waan qabanuuf, okkotooti gugurdoon dhakaa irraa hujante jaan achi jirtiiyyu; tokko tokkoon isaanii gara litirii saddeettamaa haga litirii dhibbaa fi diddamaa qabuu dande’an. Yesuus tajaajiltootaan, «Okkotoota san bisaaniin guuta’a» jedhe. Isaanille haga afaanii guutane. Achiin duuba inni isaaniin, «Amma budduussa’aatii, itti gaafatamaa jilaatitti geessa’a» jedhe. Isaanille isaaf geessane. Itti gaafatamaan jilaalle bisaan daadhii woyni’ii te’e san fiixxisee ilaale. Tajaajiltooti worri bisaan budduusse beekanuu malee, inni daadhiin woyni’ii tun eessaa akka dhutte hin beenne; maarre inni waajibicha waamee, «Nami marti dursee daadhii dansaa namaa kennee, keessummooti untee quutteen duuba daadhii calcala namaa kenna. Ati ammoo daadhii dansittii haga ammaa tursite!» jedheen. Yesuus qachaa Qaana’aa ka lafa Galiila’aa keessatti bilbaasa qaraa kana huje; achitti ulfinna ifii mudhisee, barattooti isaalle isatti dhugeeffatane.
2. Cura do cego de nascença
Referência: João 9:1-12
Explicação: Jesus usa lodo para curar um homem que nunca havia enxergado. Este milagre prova que Ele é a Luz do Mundo e tem poder para restaurar o que nasceu com defeito.
Yesuus Namicha Ballaa Te’ee Dhalate Tokko Fayyise
Yesuus adoo ideemaa dabaruu, namicha ballaa te’ee dhalateeru tokko dhagge. Barattooti isaa, «Barsiisa’a, akka namichi kun ballaa te’ee dhalatu ka cubbuu huje eennu? Isuma mo’o worra isaa ti?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Inni yookiin worri isaa cubbuu hin hunye. Hujiin Waaqaa isa irratti akka mudhattuuf, inni ballaa te’e. Adoo guyya’aatuu, hujii ka ana ergee hujuu qanna; halkan nami tokkolle itti hujiisa hin dandeenne hin dhufa. Ani biyya lafaa keessa haga jiru, ifa biyya lafaa ti» isaaniin jedhe. Yesuus tana jedheen duuba, lafatti tufee hancufaan dhoqqeesse; dhoqqee san ila namichaatitti dibee, «Dhaqiitii haroo Siilo’aamiititti dhiqadhu» jedhe; «Siilo’aam» jechuun ka ergame jechu’u. Maarre namichi dhaqee, dhiqatee, dhaggaa deebi’ee dhufe.
Ollooti isaatii fi kolbaan tanaan dura isaa kadhatuun dhaggiteertu, «Namichi kun ka tee’ee kadhatuu motii?» jedhanee gaafatane.
Gariin, «Isuma» jedhane; ka dhibiin ammoo, «Waawwo’o, isa fakkaata malee, isaa moti» jedhane.
Namichi ammoo, «Ani isuma» jedhe. Isaan, «Ilti teeti attamiin banante ree?» jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, «Namicha Yesuus jedhamutti biyyee dhoqqeessee, ila tiyyatti dibee, akka ani gara haroo Siilo’aamii dhaqee dhiqadhu natti hime. Maarre anille dhaqee dhiqadhee, dhagguu dande’e» jedhe.
Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, «Ani hin beeku» jedhe.
3. Multiplicação dos pães e peixes
Referência: Mateus 14:13-21
Explicação: Com apenas cinco pães e dois peixes, Jesus alimentou mais de 5 mil homens. Este sinal revela Cristo como o Pão da Vida, aquele que supre todas as nossas necessidades.
Yesuus Nama Kuma Shanii Areere
Yesuus du’a Yohaannisii yennaa dhage’e, addee san lakkisee qofuu hobolo’oon addee qoommi’ii dhaqe. Kolbaan deemuu isaa yennaa dhageette ammoo, qachaa keessaa baatee miilaan isa hordotte. Yesuus qarqara abbaaya’aatitti hoboloo irraa bayee, yennaa gumii guddoo dhagge, isaaniif nayee dhibamoota isaaniille fayyise.
Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, «Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!» jedhaneen. Yesuus ammoo, «Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatanu kenna’aaf!» jedhe. Isaan deebisanee, «Nuuti xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa asii qanna» jedhane. Yesuus, «Sanuma gara kiyya as fida’a!» jedhe. Achiin duuba inni gumiin marra irra akka teettu ajaje. Xaltaa shanii fi qurxumii lama fuudhee, gara ol-gubba’aa ilaalee, galateeffatee xaltaa caccassee, barattootatti kennee, barattootille gumi’iif kennane. Isaan martinuu nyaatanee quufane; hambaa irraa hatte, kollonjoo kudhanii lama guutuu fuudhane. Worri nyaate dubarti’ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin, dhiirti gara kuma shanii ti.
4. Jesus acalma a tempestade
Referência: Marcos 4:35-41
Explicação: Com uma ordem, o vento e o mar se aquietam. O milagre ensina sobre a paz que excede o entendimento e a autoridade do Messias sobre a criação.
Yesuus Bubbee Cadhisiise
Yesuus gaafuma san galgala barattoota ifiitiin, «Ka’aa, gara abbaaya’aan gamaa buunaa» jedhe. Barattooti isaa gumii achi jirtu lakkisanee, akkuma inni duraanuu hoboloo keessa tee’eeruun Yesuus fuudhanee deemane; hobolooti dhibiille woliin deemane. Dedhuma bubbeen bubbittee, danbaliin bisaanii hobolo’otti dhangalaatee guutiisa geette. Yesuus hoboloo san keessa gara duubaatiin boraafatee rafeeraayyu. Barattooti isaa isa dammassanee, «Barsiisa’a! Yoo nu dhumannu womaa si hin dhibuu!» jedhane.
Yesuus dammaqee bubbee saniin, «Cadhisi!» jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille’een, «Sarmi!» jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te’e. Achiin duuba barattoota ifiitiin, «Maaf guddoo sodaattane? Haga ammaa dhugeeffannaa hin qaddanuu?» jedhe.
Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Ka bubbe’ee fi danbaliille isaaf ajajamanu kun eennu inni?» woliin jedhane.
5. Cura da mulher com fluxo de sangue
Referência: Marcos 5:25-34
Explicação: Uma cura que aconteceu pelo toque da fé. Jesus mostra que está atento ao sofrimento individual e que a fé é o canal para receber o milagre.
Dubartiin woggaa kudhanii lamaa dhiigi isi’ii jigaa rakkattu takkalle achi jirtiiyyu. Ogeessaan adoo cidhoommattuu guddoo rakkattee, waan qaddu maraa kanuma irratti fixxe. Dhibeen ammoo ittuma hammaatte malee hin goonne. Gurra Yesuusii yennaa dhageette, gumii san odduu, dudda isaa duubaan dhuttee woyaa isaa tuxxe. Isiin, «Woyuma isaalle yoo tuqe ani hin fayya» jedhaa gadhaa ifiititti yaadataa turte. Yennuma san dhiigi isi’ii lola’uu lakkisee, dhibee ifii irralle’ee akka fayyite itti dhage’ame.
Yesuus yennuma san hunni fayyittu isa keessaa akka baate beekee, gumii oddu’utti ifi irra garagalee, «Eentu woyaa tiyya tuqe?» jedhee gaafate.
Barattooti isaa, «Akka gumiin si dhiibiisatti jirtu adoo dhaggituu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» isaan jedhane. Yesuus ammoo nama isa tuqe dhaggiisaaf cinaa ifii ilaale.
Dubartittiin waan isi’iif godhame hubattee, sodaataa hollataa dhuttee miila Yesuusiititti jiddee, dhugaa jirtu maraa isatti hinte. Yesuus isi’iin, «Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle’ee fayyi» jedhe.
6. Libertação do endemoninhado Gadareno
Referência: Marcos 5:1-20
Explicação: Jesus liberta um homem dominado por uma legião de espíritos. É a prova clara de sua autoridade absoluta sobre o reino das trevas.
Yesuus Ayyaana Hamaa Namicha Tokko Keessaa Baase
Yesuusii fi barattooti isaa Abbaayaa Galiila’aatiin gama, gara biyya Gergeesa’aa dhufane. Akkuma Yesuus hoboloo irraa bu’een, namichi ayyaanni hamaan qabeeru tokko addee goda awwaalaa keessaa bayee gara isaa dhufe. Namichi kun irreensota odduu le’eera; eennulle wodaroo sibiilaatiille’een isa hidhuu hin dandeenne. Inni yennaa hedduu wodaroo sibiilaatii fi sibiila miilaatiin hidhamaa ture; ammoo wodaroo sibiilaa ifi irraa kukkutaa, sibiila miilaalle butuchaa ture. Kanaaf nami tokkolle gad isa qabuu hin dandeenne. Namichi yennaa maraa halkanii fi guyyaa odduu irreensotaatitti yookiin gaara gubbaa dhaqee iyyaa, dhakaalle’een ifi duguugaa ture.
Inni fago’otti Yesuus dhaggee, gara isaa fiigee, duratti jilbiiffatee, iyyee lallabee, «E! Yesuus Ilma Waaqa Ol Aana’aa! Maan na irraa qadda? Ani si kadhadhaa, magannee Waaqaa na hin rakkisin!» jedhe. Yesuus isaan, «Ati ayyaana hama’a, namicha kana keessaa bayi!» waan jedheeruuf, inni akkana jedhe.
Yesuus, «Maqaan keeti eennu?» jedhee isa gaafate.
Innille, «Maqaan kiyya duula; nuuti baca’a» jedhee deebise. Ammalle inni ayyaana hamaa bacaa san adaala godina saniitii akka hin baanneef, jabeessee Yesuus kadhate.
Yennaa san, adaala san roga gaaraa irra, booyyeen hedduun bobbaatee dheediisatti jirtiiyyu. Maarre ayyaanoti hamooti sun, «Booyyota sanitti akka galluuf itti nu ergi!» jedhanee Yesuus kadhatane. Innille akka isaan itti galanuuf eeyyame. Ayyaanoti hamooti namicha keessaa bayanee booyyota sanitti galane. Booyyoti hedduun ta haga kuma lamaaniititti laakkowantu sun, roga qile’ee irraa gad gara abbaaya’aa oriitee liqinfante.
Worri booyyee tissanu baqatanee, oduu tana worra qachaa keessaatii fi worra adaala saniititti odeessane. Namooti waan te’e kana ilaalu’uuf dhufane. Yesuus bira yennaa geyane, namichi duula ayyaana hama’aatiin qabamee ture sun woyaa uffatee, qalbiin deebitee achi te’eeruun dhagganee sodaatane. Worri dhaggane sun, waan namichi ayyaanni hamaan keessa ture sunii fi booyyoti maan akka te’ane kolba’atti odeessane. Achiin duuba isaan akka Yesuus adaala biyya isaaniitii deemuuf gaafatane.
Yesuus achii deemiisaaf adoo hoboloo yaabiisatti jiruu, namichi ayyaana hama’aan qabameeru sun, «Ani si woliin deema» jedhee isa kadhate. Yesuus ammoo didee, «Gara manaa keetii deebi’ii gali; waan guddoo attamii Goottaan akka si’iif godhe, attam akka inni si’iif arjoome worra keetiif himi!» isaan jedhe.
Maarre namichi deemee, biyya qachoota kudhan jedhantu keessatti, waan guddoo Yesuus isaaf godhe maraa odeesse. Worri dhage’ane martinuu jajane.
7. Ressurreição da filha de Jairo
Referência: Marcos 5:21-43
Explicação: Jesus demonstra que a morte para Ele é como o sono. Ele restaura a vida de uma criança, trazendo esperança para uma família desesperada.
Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartittii Woyaa Yesuusii Tuxxe
Yesuus deebi’ee hobolo’oon gara abbaaya’aan gamaa qaxxaamure. Yennaa inni qarqara abbaaya’aa jiru, gumiin guddoon isa biratti wolitti qabante. Bulchitoota Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa namichi tokko, ka maqaan isaa Yaayiroos jedhamu dhufee, yennaa Yesuus dhagge, miila isaatitti gad jigee, «Intalti tiyya diqqayyittiin dhukkuffattee du’iisa geetteerti. Akka isiin fayyituuf maganne’ee koyiitii harka keeti isii irra keyi!» jedhee jabeessee kadhate.
Achiin duuba Yesuus Yaayiroos woliin deeme. Namooti hedduun isa gula deemanee gara maraanuu isa dhiphisane.
Dubartiin woggaa kudhanii lamaa dhiigi isi’ii jigaa rakkattu takkalle achi jirtiiyyu. Ogeessaan adoo cidhoommattuu guddoo rakkattee, waan qaddu maraa kanuma irratti fixxe. Dhibeen ammoo ittuma hammaatte malee hin goonne. Gurra Yesuusii yennaa dhageette, gumii san odduu, dudda isaa duubaan dhuttee woyaa isaa tuxxe. Isiin, «Woyuma isaalle yoo tuqe ani hin fayya» jedhaa gadhaa ifiititti yaadataa turte. Yennuma san dhiigi isi’ii lola’uu lakkisee, dhibee ifii irralle’ee akka fayyite itti dhage’ame.
Yesuus yennuma san hunni fayyittu isa keessaa akka baate beekee, gumii oddu’utti ifi irra garagalee, «Eentu woyaa tiyya tuqe?» jedhee gaafate.
Barattooti isaa, «Akka gumiin si dhiibiisatti jirtu adoo dhaggituu, ‹Eentu na tuqe?› jettee gaafattaa?» isaan jedhane. Yesuus ammoo nama isa tuqe dhaggiisaaf cinaa ifii ilaale.
Dubartittiin waan isi’iif godhame hubattee, sodaataa hollataa dhuttee miila Yesuusiititti jiddee, dhugaa jirtu maraa isatti hinte. Yesuus isi’iin, «Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle’ee fayyi» jedhe.
Adoo Yesuus kana dubbatiisatti jiruu, namooti gariin mana Yaayiroosii bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii dhufanee, «Intalti teeti duuteerti. Yoona maaf barsiisaa rakkitta?» isaan jedhane. Yesuus ammoo, waan dubbatame san tuffatee, bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa saniin, «Hin sodaatin, dhugeeffadhu malee!» jedhe. Yesuus: Pheexroos, Yaaqoobii fi Yohaannisii obboleessa Yaaqoobii malee, nami tokkolle isa gula mana namichaa akka dhaquuf hin barbaanne. Gara mana bulchaa sanii yennaa geyane, Yesuus namoota caancanuu fi bowaa wiiccifatanu dhagge. Inni mana seenee, «Maaf caancitanee boottan? Intalti rafiisatti jirti malee, hin duune» isaaniin jedhe.
Isaan ammoo itti kollane. Achiin duuba inni isaan maraa gara alaa yaasee, abbaa, haadha intalaatii fi barattoota ifii sadiin fudhatee, addee intalti jirtu seene. Harka isi’ii qabee, «Xaliitaa quumii!» jedheen; akkas jechuun «Intala diqqayyoo! Ol ka’i!» jechu’u.
Intaltille yoosuma kaatee asii fi achi deente. Isiin intala woggaa kudhanii lamaa ti. Yennaa san isaan akka malee baaseffatane. Yesuus ammoo, akka isaan eennulle’etti hin hinne jabeessee seere. Achiin duuba «Waan nyaattu isi’iif kenna’a!» jedhe.
8. Jesus anda sobre as águas
Referência: Mateus 14:22-33
Explicação: Ao caminhar sobre o Mar da Galileia, Jesus mostra que não está sujeito às leis da física. O episódio também serve para tratar a fé e a dúvida no coração de Pedro.
Yesuus Bisaan Gubbaa Ideeme
Yennuma san inni adoo gumii geegessuu barattooti hoboloo yaabbatanee abbaayaa gamatti isaan dura akka bu’anu godhe. Yesuus gumii geegesseen duuba, daadimatiisaaf qofuu gara gaaraa ol baye. Yennaa galgalootte, inni qofuu achi jiraayyu; yennaa san hoboloon ammoo, qilleensi waan itti dhowuuf, qarqara irraa fagaattee, danbali’iin asii fi achi dadarbante. Halkan gara iyya lukku’uu ta lammeesso’ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe. Barattooti yennaa bisaan gubbaa ideemuun isa dhaggite ammoo, bararaxxee, «Kun ekera’a» jettee soda’aan iyyite. Yennuma san ammoo Yesuus, «Jabaadha’a! Wonni anaa, hin sodaatina’a!» jedhee dubbate.
Pheexroos deebisee, «Gootta’a, yoo si teete, bisaan gubbaa gara keeti akka dhufu na ajaji» jedheen. Yesuus deebisee, «Koy!» jedhe. Maarre Pheexroos hoboloo keessaa bayee, gara Yesuusii, bisaan gubbaa ideemiisa jalqabe. Qilleensa jabaa yennaa dhagge ammoo, sodaatee, lixiisaafille jalqabee jennaan, «Gootta’a, na fayyisi!» jedhee iyye. Yesuus yennuma san harka ifii diriirsee, isa qabee, «Ati nama dhugeeffannaa diqqo’oo! Maaf mante?» jedheen. Yennaa Yesuusii fi Pheexroos hoboloo yaabane, qilleensi cadhise. Worri hoboloo keessaa, «Dhugumaan ati Ilma Waaqaa ti» jedhee Yesuusiif sagade.
9. Cura do paralítico
Referência: Marcos 2:1-12
Explicação: Jesus cura o corpo, mas primeiro perdoa os pecados. Este milagre estabelece que sua missão principal é a reconciliação espiritual do homem com Deus.
Yesuus Namicha Nafa Laashowe Fayyise
Guyyaa diqqa’aan duuba Yesuus Qifirnaahoomitti deebi’ee gale; kolbaan akka inni galee mana jiru dhageette. Kolbaan hedduun haga manni dhiphatee, balbala duraan woliin addee dhabanutti wolitti qabante. Adoo Yesuus jecha Waaqaa isaan barsiisiisatti jiruu, jarri takka nama afur te’anee, namicha nafa laashoweeru tokko ba’atanee gara Yesuusii fidanee dhufane. Kolbaan waan heddatteef gara Yesuusii dhiyeessuu dadhabanee, addee inni jiru gubba’aan heellichoo manaa xaranee qowa baasanee, itillee woliinuu gad buusane. Yesuus dhugeeffannaa isaanii dhaggee, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, cubbuu teeti maraaf araarri kennameera» jedhe.
Barsiisoti Seera Muuse’ee ka achi tetee’aneeranu tokko tokko, «Namichi kun attam akkana dubbata? Kun Waaqa faanshessiisa! Waaqa tokkocha malee eennutti cubbuu namaaf araaramuu dande’a?» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
Yesuus yennuma san waan isaan yaadatane nyaba’aan beekee, «Isin maaf waan akkanaa kana yaadattan? Namicha nafa laashoween, ‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu’u moo yookiin, ‹Ol ka’ii, itillee teeti fudhadhuutii deemi› jechu’utti kaso’o? Ani Ilmi namaa lafa irratti baallii cubbuu namaaf araaramu akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha nafa laashoween, «Ani si’iin jedha, ol ka’i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deemi» jedhe.
Adoo isaan maraa dhagganuu, yennuma san namichi ol ka’ee itillee ifii fudhatee gad bayee deeme. Isaan martinuu guddoo baaseffatanee, «Waan akkanaa kana ijjumaa dhagginee hin beennu» jedhaa Waaqa leellisane.
10. Ressurreição de Lázaro
Referência: João 11:1-44
Explicação: O milagre mais impactante antes da crucificação. Ao ressuscitar alguém morto há quatro dias, Jesus declara: "Eu sou a ressurreição e a vida".
Du’a Alaazarii
Namichi Alaazar jedhamu tokko, ka Bitaaniyaa keessa le’u dhibame. Bitaaniyaan qachaa Maariyaamii fi obboleettiin isi’ii Maartaan le’anu. Maariyaamiin tun ta fiqiree miila Gootta’aatitti naxxee, rifeensa mataa ifiitiin miila isaa haxxe; Alaazariin dhibame sunille obboleessa isi’ii ti. Obboleettoti Alaazarii: «Gootta’a, nami ati jaalattu dhibameera» jedhanee Yesuusitti ergane.
Yesuus yennaa tana dhage’e, «Dhibeen tun, ulfinni Waaqaa akka mudhatuuf, Ilmi Waaqaalle akka ittiin ulfaatuuf teete malee, Alaazar du’ee akka hafuufii moti» jedhe.
Yesuus Maartaa, obboleettii isi’ii Maariyaamii fi Alaazar hin jaalataayyu. Akka Alaazar dhibame dhage’ulle, addee jiru san guyyaa lama oole. Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Me gara biyya Yihuda’aa deebinee dhandha» jedhe.
Barattooti isaan, «Barsiisa’a, dhikoo tana Yihudooti dhaka’aan si tumiisaaf barbaadaneeran; ati ammalle achi dhaqiisaaf yaadattaa?» jedhaneen.
Yesuus deebisee, «Guyyaan tokko saatii kudhanii lama qabaa motii? Maarre nami guyya’aan ideemu, ifa biyya lafaa tana waan dhagguuf hin gufatu. Nami halkaniin ideeme ammoo, sababa ifa hin qanneef hin gufata» jedhe. Yesuus tana jedheen duuba dabalee, «Alaazar jaalli keenna rafeera, ani ammoo dhaqee isa hin dammassa» jedhe.
Barattooti isaa deebisanee, «Gootta’a, inni yoo rafee jiraate, hin fayya» jedhane.
Yesuus akka Alaazar du’eeru dubbatte; isaan ammoo marroo hirriibaa dubbate seyane. Maarre Yesuus ifa tolchee, «Alaazar du’eera; ammoo akka isin dhugeeffattanuuf, ani achi waan hin jiraatiniif gammadeera. Amma ammoo ka’aa gara isaa dhandhaa!» isaaniin jedhe.
Toomaasiin Didimoos jedhamu barattoota dhibi’iin, «Kowaa me nuutille dhandhee, barsiisaa woliin duunaa!» jedhe.
Yesuus Du’aa Ka’iisaa Fi Jiru’u
Yesuus yennaa achi geye, Alaazar haga awwaalamee guyyaa afur akka te’e dhagge. Bitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloomeetira sadii fagaatti; Yihudooti hedduun Maarta’aa fi Maariyaam marroo du’a obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessiisaaf dhufaneeran.
Maartaan dhufa Yesuusii yennaa dhageette, gad itti baate; Maariyaam ammoo manumatti hatte. Maartaan Yesuusiin, «Gootta’a, adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du’uuyyu! Ammoo, ammalle waan ati gaafatte mara Waaqi akka sii kennu ani hin beeka» jette. Yesuus, isi’iin, «Obboleessi keeti du’aa hin ka’a» jedhe.
Maartaan deebittee, «Guyyaa muumme’ee yennaa du’aa ka’iisaa, akka inni du’aa ka’u ani hin beeka» jette.
Yesuus, «Du’aa ka’iisaa fi jiruun ana. Ka natti dhugeeffatu, du’ulle jiru’uun hin le’a; Ka jiru’uun le’uu fi natti dhugeeffatu marti hin du’u. Ati kana hin dhugeeffattaa?» isi’iin jedhe.
Isiin, «Ee Gootta’a, ati Ilma Waaqaa, Masiihii gara biyya lafaa dhufaaru akka teete ani hin dhugeeffadha» jetteen.
Yesuus Bowe
Maartaan kana jetteen duuba, dhaxxee obboleettii ifii Maariyaam qofuu waantee, «Barsiisaan as jira, si’ille waamiisatti jira» jetteen. Maariyaamiin yennaa tana dhageette, ariifattee isa dhaggiisaaf kaatee baatee gara isa dhaxxe. Yesuus adduma Maartaan isa itti dhaggite jiraayyu malee, yennaa san ollaa keessa hin seenneeyyu. Yihudooti isii jajjabeessiisaaf isii woliin mana keessa jiranu, yennaa Maariyaamiin ariifattee kaatee baatuun dhaggane, waan addee awwaalaa dhaxxee boottu seyanee, isii gula ka’ane.
Maariyaam addee Yesuus jiru geettee, akkuma isa dhaggiteen, miila isaatitti jiddee, «Gootta’a! Adoo ati as jiraattee, obboleessi kiyya silaa hin du’u» jetteen.
Yesuus bowiisa isi’iitii fi kolbaan isii woliin jirtulle attam akka bowiisatti jirtu yennaa dhagge, gadhaan isaalle gaddee, guddisee laaleffatee, «Eessatti awwaaltane?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Gootta’a, koyii ilaali» jedhanee deebisane.
Yesuus bowe. Yihudooti, «Attam akka inni isa jaalate ilaala’a!» jette. Isaan keessaa gariin ammoo, «Inni nama ballaa fayyiseera, silaa akka Alaazar hin duune dhoogguu hin dande’uuyyuu?» jedhane.
Yesuus Alaazar Du’aa Kaase
Yesuus ammalle guddisee laaleffatee, gara boolla awwaalaa dhaqe. Boolli awwaalaa sun goda dhakaan afaan irra keyameeru. Yesuus, «Dhakaa irraa kaasa’a!» jedhee ajaje. Maartaan, obboleettiin nama du’ee, «Gootta’a, inni haga du’ee guyyaa afur tureera. Amma ajoweera!» jetteen.
Yesuus isi’iin, «Yoo dhugeeffatte ulfinna Waaqaa akka dhaggitu, ani sitti hin hinnee?» jedhe. Maarre isaan dhakaa irraa kaasane. Achiin duuba Yesuus ol ilaalee, «Ee Abba’a, waan na dhageetteef, si galateeffadha. Akka ati yennaa mara naa dhageettu ani hin beeka; ammoo kolbaan as dhaabbattu tun akka ati ana ergite akka dhugeeffattuuf tana jedhe» jedhe. Tana jedheen duuba, Yesuus, «Alaazar, as bayi!» jedhee qoonqoo guddo’oon waame. Alaazarille harkii fi miilli isaa woyaa awwaalaatiin xaxamee, fuulli isaalle woya’aan maramee, gad baye. Yesuus, «Hiika’aatii lakkisa’a, deemuutii» isaaniin jedhe.
Conclusão
Os milagres de Jesus revelam sua autoridade sobre a natureza, as enfermidades, o mundo espiritual e até a morte. Eles não são apenas demonstrações de poder, mas sinais que apontam para sua identidade e missão.
Ao estudar esses milagres, é possível compreender melhor o papel de Jesus e a mensagem central do Evangelho.
Se este conteúdo ajudou você a entender os milagres de Jesus na Bíblia, compartilhe este artigo para que mais pessoas também conheçam esses ensinamentos.