A fé vem pelo ouvir
A fé vem pelo ouvir, e o ouvir pela Palavra de Cristo. Quando a Palavra é proclamada, a fé nasce nos corações. Ouvir a Deus é o primeiro passo para crer e seguir.
A fé vem pelo ouvir
A fé vem pelo ouvir, e o ouvir pela Palavra de Cristo. Quem ouve a Palavra crê e obtém a salvação eterna.
Worra Yihudootaatii fi Yihudoota hin te’in odduu garaagarummaan hin jirtu; Waaqi Goottaa nama maraa ti; worra isa waammatu maraaf eebba guddaa kenna. Sababille Barreeffam Woyyichi, «Nami maqaa Gootta’aa waammatu mara hin fayya» jedha.
Ammoo yoo itti hin dhugeeffatin attam waammatuu dande’a? Marroo isaa adoo hin dhage’in attam itti dhugeeffatan ree? Adoo nami itti hin lallabin attamiin dhage’uu dande’an ree? Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande’a ree? Barreeffam Woyyichi, «Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!» jedha. Ammoo worra garii malee marti isaanii Oduu Gammadaa hin fudhanne. Isaayaasinuu, «Gootta’a, eentu waan nuuti jenne dhugeeffate?» jedha. Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage’iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti.
Ani waan tokko callaa beekuu barbaada: isin Seera eeggatiisaan moo, yookiin Oduu Gammadaa dhageettanee itti dhugeeffatiisaan Ayyaana Woyyicha fudhattane?
Isinille ergaa dhuga’aa, Oduu Gammadaa ta fayyinna keessanii yennaa dhageettane Kiristoositti dhugeeffattanee, Chaappaa Ayyaana Woyyicha waadaa galame te’een mallatteeffantaneertan. Ayyaanni waan Waaqi kolbaa ifiitiif waadaa gale fudhatiisa keenna hin mirkaneessa. Ulfinna Waaqaatiif galata galchinuu ti.
«Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage’u ka na ergelle’etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du’a irraa gara jiru’uu tareera; isatti hin murantu.
Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du’ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage’anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage’u jiru’uun le’a.
Abbaan na erge yoo isa harkise malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande’u; anille guyyaa muumme’ee du’aa isa hin kaasa. Raagoleen, ‹Nami martinuu ka Waaqi barsiise hin te’a› jedhanee barreessaneeran. Ka Abbaa dhage’uu fi ka isa irraa baratu marti gara kiyya dhufa. Ka Waaqa biraa dhufe qofattuu Abbaa dhaggeera male, nami tokkolle Abbaa dhaggee hin jiru. Ani dhugaa isinitti hima; nami dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba.
Ouvir e obedecer
Felizes os que ouvem a Palavra de Deus e a praticam. Quem tem ouvidos ouça o que o Espírito diz.
Inni ammoo deebisee, «Worri jecha Waaqaa dhage’ee ajajamuuf caalaa ka badhaadhe!» jedhe.
Nami gurra dhage’u qabu dhage’uu ti» isaaniin jedhe.
Achiin duuba inni, «Gara biyya lafaa duudii dhaqa’aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba’a.
Maarre raagi Isaayaas dubbatte isaan irratti muummoweera; wonni raagamelle,
«‹Isin caqasiisa hinuma caqattan, ammoo hin hubattanu,
ilaaliisa hinuma ilaaltan, ammoo ijjumaa hin dhaggitanu,
qalbiin isaanii waan sigiddeef,
gurri isaanii hin dhage’u,
ilti isaanii dunuunfatteerti,
maarre isaan ila isaaniitiin hin ilaalanu,
gurra isaaniille’een hin caqasanu,
qalbii isaaniitille’een hin hubatanu, hin deebi’anulle’e,
anille silaa isaan hin fayyisaayyu› jedhe.
«Ammoo ilti teessan waan dhaggituuf, gurri keessanille waan dhage’uuf isin ka badhaatane.
Waan Nama Batteessu
Achiin duuba Yesuus gumii gara ifii waamee, «Caqasa’aatii hubadha’a:
Gara kiyya kowa’a!
Gurra keessan gara kiyya deebifadha’a;
akka jiraattanuuf na dhage’a’a!
Jaalala kiyya ka bara baraa ka Daawitiif waadaa galeen,
gondooroo bara baraa isin woliin hin godha.
Maarre inni anaan, «Gara kolbaa tanaa dhaqiitii, ‹Isin caqasiisa hinuma caqattan, ammoo hin hubattanu, ilaaliisa hinuma ilaaltan, ammoo ijjumaa hin dhaggitanu› jedhiin» jedhe. Achiin duuba inni anaan, «Qalbii kolbaa tanaa cufi; gurra isaanii duuchi; ila isaaniille cufi; yoo akkas hin te’in, ila ifiitiin ilaalanee, gurra ifiitiin dhage’anee, qalbii ifiitiin hubatanee, deebi’iisaan hin fayyan» jedhe.
Akkasuma dhossaa Kiristoosii, ka ani marroo isi’iitiif hidhamee jirulle lallabiisaaf akka dandeennu, Waaqi ergaa ifiitiif akka karaa nuu banu daadimadha’a.