Pular para o conteúdo
Publicidade

A última palavra vem do Senhor

Por Bíblia Online

A última palavra pertence ao Senhor. Os planos do homem estão sujeitos à soberania de Deus. Ele rege toda a história e nenhum de seus propósitos pode ser frustrado.

Nami gadhaa ifiititti hin yaadata;

yaada san guutuu ka dande’u ammoo

Mootii Waan Maraa qofa.

Mootiin Waan Maraa waan mara sababa dadeef qaba;

worra hamaaleyyi’iifille inni guyyaa badi’ii qopheesseera.

Waaqi ilma namaatii motii, inni hin hollu;

yookiin akka namaa yaada ifii hin jijjiiratu.

Inni waadaa gale hin muummessa;

waan dubbatelle hin guuta.

Mootiin Waan Maraa deebisee, «Harki kiyya gabaaba’aa ree? Jechi kiyya akka te’uu fi hin teene ammuma hin dhaggita» jedhe.

jechi afaan kiyya keessaa bawu,

waan ani fedhe hujee,

waan ani itti ergelle

muummessu malee,

akkasumaan gara kiyya hin deebi’u.

«Ani Mootii Waan Maraa Waaqa nama maraa ti; wonni ani hin dandeenne jirtii ree?

«Ati waan mara godhuu akka dandeettu,

karoora keetille ka gufachiisu

akka hin jirre ani hin beeka.

Ol-gubbaa keessaa fi lafa irratti,

abbaaya’aa fi qilee isi’ii mara keessatti,

Mootiin Waan Maraa

waan fedhe mara godha.

Inni waan duudi’iin duraa jira; wonni duudiin isaan wol qaqqabatee dhaabbate.

Lafaa fi ol-gubbaan hin dabaran, jechi kiyya ammoo hin dabaru» jedhe.

Kunoo, guyyaan ani: Kunoo, guyyaan wonni kun marti teetu hin dhufa; dhugumaan guyyaan hin dhufa jedhee dubbadhe dhufiisatti jira.

Isin waan boru te’u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo’oof mudhattee deebitee badduu ti. Addee san, «Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona» jedhuu maltane.

Seja o primeiro