Publicidade

Admiração

Por Bíblia Online

O temor do Senhor é o princípio da sabedoria. A admiração reverente por Deus é a postura que produz conhecimento, obediência e bênção na vida do crente.

Gorsa Dargaggeeyyi’iif Kenname

Qarummaan jalqabaa,

Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

gowwooleen ammoo,

qarumma’aa fi gorsa tuffatti.

Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

Woyyicha san beekiisi hubantii dhaggatiisa.

Mootii Waan Maraa sodaatiis qarummaa nama barsiisa;

ulfinna dhaggatiisaan dura gad ifi qabiisatti jira.

Qabeenna guddaa hogaa qabuu mannaa,

qabeenna diqqaa qabaatanee

Mootii Waan Maraa sodaataa le’iisa woyya.

Mootii Waan Maraa sodaatiis

waan hantuu jibbiisa;

ani kooraa fi bondhooriisa,

karaa hama’aa fi dubbii micciirantuu jibba.

Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiis

karra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan.

«Ani qaro’o!» ifiin hin jedhin;

Mootii Waan Maraa sodaadhu;

waan hantuu irraa fagaadhu.

Kun nafa keetiif fayyaa,

lafee teetiifille jabeenna hin te’a.

Miidhagiis nama soba;

dansummaan hin baddi;

dubartiin Mootii Waan Maraa sodaattu ammoo hin leellifanti.

Amma wonni marti dhage’anteerti; muummeen waan maraa tana waan teeteef, Waaqa sodaadhu; ajaja isaa eeggadhu; hujiin namaa guddittiin tana.

Qarummaan jalqabaa

Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

worri ajaja isaa hordofu hubantii dansaa qaban;

kolbaan haga bara baraa

Mootii Waan Maraa saadatu’uu malte.

Gammada Nama Balcha’aa

Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti;

nami Mootii Waan Maraa sodaatu,

ka ajaja isaatiin guddoo gammadu

ka gammade.

Gatii Nama Waaqaaf Ajajamuu
Faaruu Ittiin Ol Bayanu

Nami Mootii Waan Maraa sodaatu marti,

ka karaa isaa ideemu ka gammade.

Ilti Mootii Waan Maraa ammoo worra isa sodaatu,

worra jaalala isaa ka bara baraatitti addatu ilaalti.

Waaqi nu hin eebbisa;

kolbaan lafa irraa marti isa hin sodaatti.

Isin worra maqaa kiyya sodaattanuuf ammoo aduun balchummaa isiniif fidduu fi ta koolli isi’ii fayyinna ifi keessaa qabu isiniif hin baati; isin akka waatolee gooree keessaa gad baatee hin burraaxxan.

Waaqa Sodaadhu

Ammalle, ee Israa’el, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti sodaatiisa, karaa isaa mara irra deemiisa, isa jaalatiisa, gadhaa keeti tokkochaa fi lubbuu teeti takkatti’iin isa tajaajiliisa malee, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maan si irraa barbaada? Wonni dansaan akka sii teetuuf, ajajaa fi seerata Mootii Waan Maraa ka ani adha sii kennulle akka eegatu malee maan si irraa barbaada?

Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofa’a; isa sodaadha’a; ajajoota isaa eegadha’a; isaaf ajajama’a; isa tajaajila’a; isatti maxxana’a.

Worri deeysiittootaa sun Waaqa waan sodaataneef, tokko tokkoo isaaniitiif maatii kenne.

Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu’uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa’a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa’a goona.

Waan isaan isin irraa dhaggachu’uuf malane, kenna’aaf; ka gibirri maleef gibira, ka qaraxi maleef qaraxa, ka sodaan malteef sodaa, ka ulfinni maleef ulfinna kenna’a.

«Nami jaala ifii ka rakkatteef marartii dhabu,

Waaqa waan mara dande’u sodaatiisa lakkiseera.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-