O adultério
O adultério é pecado grave que destrói alianças, famílias e vidas. A Bíblia condena firmemente a infidelidade conjugal e chama à pureza, fidelidade e santidade no casamento.
A lei de Deus
Não adulterarás. Quem comete adultério destrói a própria alma. A Palavra de Deus é clara e direta sobre este pecado.
«Hin gaarayyeeffatin;
« ‹Nami tokko niitii nama dhibi’ii yoo gaarayyeeffate, namichi gaarayyeeffatee fi namittiin inni gaarayyeeffate sun isaan lamaanuu ijjeefamanuu ti.
Niitii nama dhibi’ii bira geettee ifi hin batteessin.
Nami gaarayyeeffatu ammoo qalbii hin qabu;
nami gaarayyeeffatu marti ifi balleessa.
Nami gaarayyeeffatu ammoo qalbii hin qabu;
nami gaarayyeeffatu marti ifi balleessa.
Inni mada’aa fi salphinna hin dhaggata;
qaaniin ijjumaa isa irraa hin baddu.
Hinaaffaan abbaa manaa waan aarsituuf,
inni yennaa haluu bayu
marartii hin qabu.
Inni kaffaltii tokkolle hin fudhatu;
haga fedhe bacatulle,
kennansi aarii isaa hin qabbaneessu.
Nami ibidda boba’atti qabatee,
woyaan isaa adoo hin gubatin
hafuu dandeettu hin jiraa?
Yookiin nami kashila irra ijjatee,
miilli isaa adoo hin gubatin
hafuu dande’u hin jiraa?
Nami niitii namaa woliin rafulle akkasuma te’a;
nami niitii namaa tuqee
adoo hin adabamin hafu hin jiru.
Jesus ensina
Quem olhar para uma mulher com intenção impura já adulterou no coração. Jesus elevou o padrão da pureza.
Yesuus, « ‹Hin gaarayyeeffatin› akka jedhame dhageettaneertan. Ani ammoo isinitti hima: nami ila halcha’aatiin dubartii ilaale, gadhaa ifii keessatti isii gaarayyeeffateera.
Ani ammoo isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami niitii ifii lakkisu, akka isiin gaarayyeeffattu hin godha; nami isii fuudhelle hin gaarayyeeffata» jedhe.
Sababille Yaadi hamaan, ijjeesuun, gaarayyeeffatuun, sagaagaluun, hatuun, dharaan dhugaa bawuun, maqaa namaa balleessuun gadhaa namaa keessaa baya.
Inni deebisee, «Eennulle ka ibidda ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu, ibidda ifii dassee gaarayyeeffata. Akkasuma dubartiin abbaa manaa ifii jalaa baatee, nama dhibii heerumtu takka hin gaarayyeeffatti» isaaniin jedhe.
«Nami haadha manaa ifii lakkisee dubartii dhibii fuudhu maraa hin gaarayyeeffata. Akkasuma dubartii abbaan manaa lakkise ka fuudhu hin gaarayyeeffata.
Yesuusiin, «Barsiisa’a, dubartiin tun gaarayyeeffata irratti qabanteerti. Muuseen Seera keessatti dubartiin akkasii tun dhaka’aan tumantee akka duutu ajajeera. Ati amma maan jetta?» jedhane. Isaan sababa ittiin isa himatanu dhaggatiisaaf, Yesuus xaqariisaaf tana jedhane. Inni ammoo gad jedhee qubaan lafa irratti barreessuu jalqabe. Isaan ittuma deddeebi’anee gaafannaan, inni ol jedhee isaaniin, «Isin keessaa ka cubbuu hin qanne, dursee dhakaa isi’itti qolaansuu ti» jedhe. Achiin duuba inni ammalle gad jedhee lafa irratti barreesse. Isaan yennaa tana dhage’ane, jaarsole’een jalqabanee, tokko tokkoon, isaan martinuu bayanee deemane. Yesuus dubartittii achi dhaabbatiisatti jirtu woliin qofuu hafe. Inni ol jedhee isi’iin, «Dubartii tana, meet isaan? Nami sitti mure tokkolle hin jiruu?» jedhe.
Isiin deebittee, «Gootta’a, nami tokkolle hin jiru» jette. Yesuus, «Anille si’itti hin muru. Deemi; ammoo deebitee cubbuu hin hujin» jedhe.]
Armadilhas e consequências
Os lábios da mulher estranha destilam mel, mas o seu fim é amargo. Fuja da imoralidade — o adultério escraviza.
Hidhiin dubartii gaarayyeeffattuu nadhii coccossiti;
dubbiin isi’ii zayitii caalaa lallaatti;
dhuma irratti ammoo akka hargiisaa hadhootti;
akka shallaagaa qara lamaa
qara qaddi.
Miilli isi’ii gara du’aa deema;
ijjati isi’ii daandii
gara addee worri du’e jiru geessa.
Isiin karaa jiru’uu hin yaadattu;
karaan isi’ii daddaba’a;
ammoo isi’itti hin beekkamu.
Hidhiin dubartii gaarayyeeffattuu nadhii coccossiti;
dubbiin isi’ii zayitii caalaa lallaatti;
dhuma irratti ammoo akka hargiisaa hadhootti;
akka shallaagaa qara lamaa
qara qaddi.
Miilli isi’ii gara du’aa deema;
ijjati isi’ii daandii
gara addee worri du’e jiru geessa.
Isiin karaa jiru’uu hin yaadattu;
karaan isi’ii daddaba’a;
ammoo isi’itti hin beekkamu.
Amma ilmaan tiyya,
na caqasa’a;
jecha afaan kiyyaa irraa hin gorina’a.
Karaa keeti isii irraa fageessi;
qarqara balbala mana isi’iititti hin dhikaatin.
Yoo tana godhuu dhabaatte,
ulfinna keeti namoota dhibi’iif,
jiruu teetiille
nama marartii hin qannetti hin kennita.
Karaa keeti isii irraa fageessi;
qarqara balbala mana isi’iititti hin dhikaatin.
Yoo tana godhuu dhabaatte,
ulfinna keeti namoota dhibi’iif,
jiruu teetiille
nama marartii hin qannetti hin kennita.
Karra teetille alagaan hin fudhata;
eloon teetille mana ormaa hin duroonsiti.
Foon keetii fi nafi keeti yennaa dhumate,
muummee jiruu teetiititti hin aadda;
ati, «Hayii, ani maaf gorsa jibbe?
Gadhaan kiyya maaf qajeelfama tuffate?
Ani barsiisota tiyya hin caqanne;
gurra kiyya gara worra na gorsuu hin deebifanne.
Wolde’a kolba’aa duudii keessatti,
badii guddoo biraan baye» hin jetta.
Isiin jaalatantuu akka gadansaa,
biifa qabeettii
akka jiliba’aa
sii teetuu ti.
Harmi isi’ii yennaa mara
dheebuu si baasuu ti;
jaalala isi’iitiin
yennaa mara machowi.
Ilma kiyya,
maaf dubartii gaarayyeeffattu’uun machootta?
Maaniif qoma dubartii nama dhibi’ii hanqafatta?
Manni isi’ii gara du’aa,
daandiin isi’ii gara ekera’aa geessa.
Worri gara isi’ii dhaqu hin deebi’u
yookiin daandii jiru’uu hin dhaggatu.
Afaan dubartii gaarayyeeffattu’uu akka boolla qile’ee ti;
nami Mootii Waan Maraa abaare isii keessa bu’a.
Sagaagalummaa irraa fagaadha’a. Cubbuun dhibiin nami huju nafa namaa hin tuxxu; nami sagaagalu ammoo nafa ifii irratti cubbuu huja.
Wonni ani jedhu tana: yoona Ayyaanaan sooreffamaa le’aa malee, halchaa foonii hin muummessina’a! Halchaan foonii halchaa Ayyaanaatiin mormiti; halchaan Ayyaanaalle halchaa fooniitiin mormiti; halchaan lamaan tun waan wol mormituuf, waan jaalattanu godhiisaaf hin dandeettanu.
Hujiin foonii ta beekkante. Isiille: sagaagaluu, battummaa, baalagummaa, waaqota dharaa waaqonsuu, moruu, diinummaa, moromaa, hinaaffaa, mufii, ifi jaalatuu, wol dhabuu, wol fojuu, dhiibbaleessa te’uu, machii, sarbicha dhiitu’uu fi ta tana fakkaattu. Akkuma kanaan dura isinitti hime, ammalle itti deebi’ee isinitti hima: worri waan akkasii huju mootummaa Waaqaa hin dhaalu.
Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti.
Waaqi akka isin sagaagalummaa irraa fagaattanee woyyoontanu fedha. Nami duudiin haadha manaa woyyumma’aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti. Akka worra Yihudoota hin te’inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin.
Isin kolbaa Waaqaaf hin addatanne! Biyya lafaatiin jaalomuun diina Waaqaa akka nama gootu hin beettanuu? Tanaaf nami jaala biyya lafaa te’uu halchu, diina Waaqaa hin te’a.
Akka isiin cubbuu sagaagalumma’aa irraa deebituuf yennaa isi’iif kenneeraayyu; isiin ammoo deebi’uu didatte. Maarre ani akka isiin dhukkuffattee taqee irra ciittu godha, worri isii gaarayyeeffatulle hujii isi’ii hantuu irraa yoo hin deebi’in, ani rakkinna guddaa itti fida.