Publicidade

Agradecimento a Deus

Por Bíblia Online

Agradecer a Deus é louvor, adoração e reconhecimento da sua soberania. Dai graças ao Senhor porque Ele é bom — a sua misericórdia dura para sempre!

Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti;

faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti.

Galateeffataa gara karra isaa,

leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena’a;

isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa’a.

Arjummaa Mootiin Waan Maraa Kolbaa Ifiititti Mudhise

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Inni dansaa waan te’eef,

haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf,

Mootii Waan Maraa galateessa’a!

Ati Waaqa kiyya; ani si galateeffadha;

ati Waaqa kiyya; ani si saadadha.

Faaruu galataa

Mootii Waan Maraatiif faarsa’a;

kiraara guddichaan Waaqaaf faarsa’a.

Ani faaru’uun maqaa Waaqaa hin leellisa;

galatalle’een isa ulfeessa.

Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya;

wontee tiyyalle’e;

ani isatti addadha.

Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef,

ani faaru’uun isa hin galateessa.

Amma, Waaqa keenna, si galateeffanna; maqaa keeti ulfaataa hin leellifanna.

Maarre daadimataan, gaaffi’ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa’a malee waan tokkolle’eef hin yaadina’a.

Galataa Fi Daadimannaa Phawuloosii

Ani yennaa isin qaabadhu maraa Waaqa galateeffadha;

Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji’iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha’a.

Jiru’uu Fi Dhugeeffannaa Worra Tasalonqe’ee

Nuuti daadimata keenna keessatti isin qaabataa, yennaa duudii marroo isin maraatiif Waaqa galateeffanna. Waaqa Abbaa keennaa duratti hujii dhugeeffannaa teessanii, jaalalaaf jettanee attam akka dadhaddanee fi addiin isin Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti qaddanu attam jadduu akka teete hin qaabanna.

Waaqa Galateeffachuu

Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin badhaadha ifii waan isinii kenneef ani yennaa maraa isa galateeffadha.

Ammoo Waaqa Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin injifachaa nu’uu kennuuf galanni te’u!

Waaqa yennaa mara karaa Kiristoosiitiin injifattoota nu godhee, nu qajeelchuu fi beekkumsa marroo Kiristoosiitiif qannu akka uddowaa foolee dansaa qabuu, addee mara akka dhaqqassinnu nu godhuuf galanni te’uu ti.

Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa teessaniille hin fakkansa. Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa.

Faaru’uu fi faaruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille’een woliin dudubbadha’a; faaru’uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha’a. Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba’aaf galata galcha’a.

Abbaa Manaatii Fi Haadha Manaa

Ulfinna Kiristoosiitiif jedha’aatii woliif ajajama’a.

Yesuus xaltaa shanii fi qurxummii lamaan fuudhee gara ol-gubbaaa ilaalee eebbise. Achiin duuba xaltaa daabbo’oo san caccassee, kolba’aaf akka qoodanu barattoota ifiititti kekenne. Inni qurxummii lamaan sanille akka nama mara geettuuf kukkute. Nami maraayyuu nyaatee quufe. Barattooti isaa hambaa daabbo’ootii fi qurxummi’ii kollonjoo kudhanii lama mijuu fuudhane.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-