Pular para o conteúdo
Publicidade

Agradecimento pela família

Por Bíblia Online

Agradecer pela família é reconhecer a bênção mais preciosa que Deus nos concede. Os filhos são herança do Senhor — cada membro da família é presente divino a ser celebrado.

Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;

midhaan gadaamessaa,

eebba isaa ti.

Ilmaan dargaggumma’aan uumatanu,

akka daaya harka loltootaa keessa jirtuu ti.

Nami ilmaan akka daayaa mana guutate

gammaduu ti;

diinota ifii woliin

karra qacha’aa keessatti yennaa wol falme,

inni hin qaanowu.

Jaalala Waaqaa

Faaruu Daawitii.

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

keessi kiyya duudiin maqaa isaa woyyicha leellisi.

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

waan dansaa inni godhe mara hin dedhin.

nuuti ijoollee isaanii hin dhossinu;

marroo leellisa Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa,

marroo bilbaasa inni hujee,

dhaloota dhufutti hin hinna.

Ilmaan ilmaan isaanii

maanguddootaaf kallacha isaanii ti;

worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.

Ani mucaa kana akka naaf kennu waan isa gaafadheef, Mootiin Waan Maraa waan ani isa gaafadhe naaf kenne.

Galataa Fi Daadimannaa Phawuloosii

Ani yennaa isin qaabadhu maraa Waaqa galateeffadha;

Nuuti fuula Waaqa keennaa duratti, gammada marroo teessaniif nutti dhage’ameef Waaqa galateeffanna.

Ee, isin firri gosa biyya adda addaa

Mootii Waan Maraa leellisa’a;

ulfinnaa fi jabeenna isaalle leellisa’a.

Arjummaa dansa’aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubbaaa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa.

Guutummaa badhaadha ifii irraa inni nu maraa eebbisee, eebba irratti eebba dhibii dabalee nuu kenne.

Achiin duuba dubartooti qachaa Beeteelemii, Naa’oomiin, «Ka akkoo si kunuunsu adha sii kenne, guddinni Mootii Waan Maraatiif te’u. Israa’el keessatti maqaan muca’aalle ka beekkame te’u! Niitiin ilma keetii si jaalatti; ilmaan torba sii caalti. Amma ilma bara dullummaa teetii si soorachiisuu fi jiruu teeti haaressu sii deetteerti» jedhaneen.

Akkuma ani si leellifadhu,

worri jiru’uun jiru si leellifatan;

addatamummaa teeti

abbootiin ijoollee ifiititti hin himan.

Seja o primeiro