Pular para o conteúdo
Publicidade

Agradecimento pela vida

Por Bíblia Online

Agradecer pela vida é reconhecer que cada respiração é dom de Deus. Toda criatura que tem fôlego louve ao Senhor — porque Ele nos formou e nos sustenta com amor.

Wonni hafuura baafatu martinuu

Mootii Waan Maraa leellisanuu ti!

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Waaqa Fayyisaa Leellisuu

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Ee lubbuu tiyya

Mootii Waan Maraa leellisi!

Ani bara le’ii tiyyaa mara

Mootii Waan Maraa leellisa;

haga jiru mara Waaqa kiyyaaf

faaruu leellisaa hin faarfadha.

Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;

gadaamessa haadha tiyyaa keessatti

sittuu na dade.

Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,

ani si leellisa;

hujiin teeti waan maade’ee ti;

anille tana miidhassee beeka.

Ani yennaa addee dhossa’aatitti dadame,

qilee gadaamessaa keessatti dadame;

lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.

Gadhaa haadha tiyyaa keessatti,

adoo ani dhiigaatuu,

ilti teeti na dhaggite;

dhaladhee barri jiruu tiyyaa

laakkowamiisa adoo hin jalqabin,

guyyooti naaf yaadamane marti

kitaaba keeti keessatti barreeffamane.

Ani bara jiruu tiyyaa mara

Mootii Waan Maraatiif hin faarsa;

ani haga jiru mara

Waaqa kiyya faaru’uun hin leellisa.

Yaadi gadhaa kiyyaa isa gammachiisuu ti;

ani Mootii Waan Maraatiin hin gammada.

Mootiin Waan Maraa akka Waaqa te’e beeka’a;

ka nu dade isa; nuutille ka isaa ti;

nuuti kolbaa isaa ti; hoolota inni tiffatu.

Galateeffataa gara karra isaa,

leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena’a;

isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa’a.

Ee Waaqa, jaalalli keeti ka bara baraa

attam attam ka gatii guddoo qabu!

Kolbaan marti gaaddisa koola keetii jalatti baqatti.

Isaan sagalee bacaa mana keetii nyaatan;

ati laga keeti gammachiisaa irraa

bisaan isaaniif kennita.

Ati madda jiru’uu ti;

nuuti ifa keetiin ifa dhaggina.

Daadimata Galataa

Faaruu Daawitii ta eebba manaatiif Faarfante.

Ee Mootii Waan Maraa, ati qilee keessaa na baattee,

diinoti kiyya na irratti akka hin gammanne waan gooteef,

ani guddisee si galateeffadha.

Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

akka na qarqaartuuf gara keetti iyyee,

atille na fayyitteerta.

Ee Mootii Waan Maraa,

ati lubbuu tiyya boolla awwaalaa keessaa baatteerta;

akka ani boollatti gad hin buune na hamburteerta.

Waaqa Muraa Haqaa Muruuf Galata Dhikaate

Sooressa faarfattootaatiif, faaruu Daawitii ta akka yoyyoma faaruu, «Du’a ilmaa» jedhantee beekkantutti faarfatante.

Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si leellisa;

baasa ati goote mara hin odeessa.

Ani sitti gammadee hin burraaqa;

Waaqa Ol Aana’a,

ani faaruu leellisaa maqaa keetiif hin faarsa.

Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba’aaf galata galcha’a.

Eebba Ayyaantumma’aa Ka Kiristoosiin Dhaggamu

Waaqi Abbaan Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ka Kiristoosiin eebba Ayyaana ol-gubbaaa maraan nu eebbise, galatoomuu ti!

Kennaa isaa ta hagana hin jedhanneef, Waaqi galatoomu.

Mootummaa ifaa keessatti worra woyyicha woliin dhaala akka qoodattanu, Waaqa Abbaa isin geessiselle gammadaan galateeffadha’a. Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaalatamee akka gallu nu tolcheera. Nuuti Ilma isaatiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhagganneerra.

Ol Aantummaa Kiristoosii

Kiristoos Waaqa ilaan hin dhagganneef fakkeenna dhugaamessa. Inni angafa waan dadame maraa ti. Sababilleen wonni ol-gubbaaa fi lafa irra jiru, wonni mudhatuu fi hin mudhanne, hunnootii fi bulchitooti ol-gubbaaa, dura aantole’ee fi worri baallii qabanu duudiinuu isaan dadamane. Waaqi waan duudii karaa isaatii fi isaaf dade. Inni waan duudi’iin duraa jira; wonni duudiin isaan wol qaqqabatee dhaabbate.

Nyaattee yennaa quutte, lafa dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kenne saniif isa leellifadhu.

Goottaa kiyya! Haajaa kiyya fudhattee,

lubbuu tiyya wodatte.

Ani gaarota jalatti,

lafa balbalti haga bara baraa

natti cufantetti gad bu’e.

Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya ati ammoo,

jiru’uun qilee keessaa na baatte.

Yennaa jiruun tiyya na dadhaddetti,

Mootii Waan Maraa kiyya,

ani gara keeti daadimadhe;

Galma woyyicha keeti keessalle’ee

daadimata kiyya naa dhageette.

Seja o primeiro