Publicidade

Agradecimento

Por Bíblia Online

O agradecimento é a linguagem natural do cristão. Em tudo dai graças! A gratidão a Deus transforma a perspectiva, fortalece a fé e produz alegria em todos os tempos.

Dar graças sempre

Em tudo dai graças, porque esta é a vontade de Deus em Cristo Jesus para convosco. A gratidão é atitude fundamental.

haala hundumaa keessatti Allaah galateeffadhaa; fedhiin Allaahan Al-Masiihi Iisaatti isiniif qabu kanaatii.

yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin Allaah Abbaa galateeffadhaa.

Nagaan Al-Masiihii kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa. Dubbiin Al-Masiihii baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Allaah galateeffadhaa. Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Iisaatiin hojjedhaa; isumaanis Allaah Abbaa galateeffadhaa.

Nagaan Al-Masiihii kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.

Dubbiin Al-Masiihii baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Allaah galateeffadhaa. Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Iisaatiin hojjedhaa; isumaanis Allaah Abbaa galateeffadhaa.

Gorsa Dabalataa

Warra dammaqanii galateeffatan taʼuudhaan duʼaa gochuutti jabaadhaa.

Waan hundumaa keessatti Allaah duratti duʼaa gochuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Allaahatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa.

Louvor e gratidão

Entrai pelas portas com ação de graças. Rendei graças ao Senhor porque Ele é bom e a sua bondade dura para sempre.

Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,

jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;

isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii.

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu;

faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.

Rabbii Allaahan, Allaah guddaadhaatii;

inni waaqeffatamtoota hundaa olitti Mootii guddaa dha.

Zabuurii Guyyaa Sanbataa Faarfatamu.

Rabbii Allaah, galateeffachuun, yaa Allaah Waan Hundaa Olii,

maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.

Jaalala kee ganamaan,

amanamummaa kees halkaniin labsuun,

Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna;

anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Allaaha nan argisiisa."

Ati Allaah koo ti; ani sin galateeffadha;

ati Allaah koo ti; anis sin leellisa.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;

jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Ammas yaa Allaah keenya, si galateeffanna;

maqaa kee ulfina qabeessa sanas ni jajanna.

Expressões de gratidão

Graças a Deus pelo seu dom inefável! A gratidão se expressa em oração, louvor e generosidade para com os outros.

Kennaa isaa kan ibsamuu hin dandeenye sanaaf galanni Allaahaf haa taʼu!

Isinis yeroo hunda akka arjoomtaniif karaa hundaan ni sooromfamtu; arjummaan keessanis karaa keenyaan Allaahaf galata fida.

Allaah karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!

Galata Galchuu

Ani yeroo hunda ayyaana Allaaha isa Al-Masiihi Iisaadhaan isinii kennameef waaʼee keessaniif Allaah nan galateeffadha.

Phaawulos Roomaa Daawwachuuf Hawwuu Isaa

Sababii amantiin keessan guutummaa addunyaa irratti odeeffamaa jiruuf, ani duraan dursee waaʼee hunda keessaniitiif karaa Iisaa Al-Masiihiin Allaah koo nan galateeffadha.

Isaan yoo Allaah beekan illee akka waaqeffamummaa isaatti ulfina hin kennineef; galatas hin galchineef. Garuu yaadni isaanii waan faayidaa hin qabne taʼe; qalbiin isaanii kan hin hubannes ni dukkanaaʼe.

Wanti hundinuu isa irraa dhufe; isumaan dhufe; isaaf dhufe.

Bara baraan ulfinni isaaf haa taʼu! Ameen.

" ‘ "Rabbii Allaahan si haa eebbisu;

si haa eegus;

Rabbii Allaahan fuula isaa siif haa ibsu;

garaa siif haa laafu.

Rabbii Allaahan fuula isaa gara keetti haa deebisu;

nagaas siif haa kennu." 

Ani garuu zabuurii galataatiin

aarsaa siif nan dhiʼeessa.

Ani wareegan wareege sanas nan baasa.

Anis, Fayyinni Rabbii Allaah biraa dhufa’ " nan jedha.

Galataa fi Duʼaa

Yaa obboloota, sababii amantiin keessan baayʼee guddachaa, jaalalli hundi keessan walii keessaniif qabdanis ittuma dabalaa jiruuf nu yeroo hunda waaʼee keessaniif akka malutti Allaah galateeffachuu qabna.

Galateeffachuu

Ani yommuu utuu gargar hin kutin halkanii guyyaa duʼaa koo keessatti si yaadadhutti Allaah akkuma abbootii kootii anis yaada qulqulluun isa waaqeffadhu sana nan galateeffadha.

duʼaa koo keessatti isin yaadachaa waaʼee keessaniif galateeffachuu hin dhiifne.

Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Allaah haa waaqeffannu;

Yaa Feeliksi kabajamaa, nu waan kana karaa hundumaa fi iddoo hundatti galata guddaadhaan ni fudhanna.

Innis yommuu isaan argetti, "Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!" jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan.

Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Allaahaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe. Adda isaatiinis miilla Iisaa irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.

Iisaanis akkana jedhee gaafate; "Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan? Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Allaahaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?" Iisaanis, "Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii" jedheen.

Akkuma inni ganda tokko seeneenis, namoonni lamxaaʼan kudhan isatti dhufan. Isaanis fagoo dhadhaabatanii, sagalee isaanii ol fudhatanii, "Iisaa yaa Gooftaa, nuu naʼi!" jedhan.

Innis yommuu isaan argetti, "Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!" jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan.

Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Allaahaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe. Adda isaatiinis miilla Iisaa irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.

Iisaanis akkana jedhee gaafate; "Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan? Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Allaahaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?" Iisaanis, "Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii" jedheen.

Galataa Fi Duʼaa

Ani yeroo isin yaadadhu hunda Allaah koo nan galateeffadha.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-