Ajuda ao próximo
Ajudar o próximo é mandamento de Deus e expressão prática da fé. A Bíblia ensina que a fé sem obras é morta — e que servir ao menor dos irmãos é servir a Cristo.
sababille ani beelowee na nyaachittaneertan; dheebodhee na obaattaneertan; keessummaa te’ee na fudhattaneertan; daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertan› jedhe. Yennaa san balchooleen, ‹Gootta’a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne?
« ‹Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne? Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?› jedhaneen. Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!› isaaniin jedhe.
Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffatiisaaf barbaadu hin dhooggatin» jedhe.
Akkasuma akka kolbaan hujii dansaa teessan dhaggitee Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru ulfeessitu, ifi keessan nama duudii duratti ifuu ti» jedheen.
Namaaf kenna’a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa’aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi’iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe.
Jennaan kolbaan, «Yoona nuuti maan tolchinu ree?» jettee Yohaannis gaafatte Inni deebisee, «Nami uffana lamaan qabu ka womaa hin qanneef kennuu ti; ka sagalee qabulle worra hin qanne woliin qoodamuu ti» jedhe.
Waan qaddanu mara gurgura’aatii beesee worra hiyyeeyyi’iif kenna’a. Subba beese’ee ka hin dulloonne qopheeffadha’aatii beesee teessan addee hattuun hin dhaqqannee fi biliin hin balleessine ol-gubba’atti maffadha’a. Addee beeseen teessan jirtu gadhaan keessanille hin jiraata» jedhe.
Ajaji kiyya kana: akkuma ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a.
Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu.
Jecha Goottaa Yesuusii, ‹Ka fudhatu caalaa ka kennu ka eebbifame› jedhe qaabatiisaan, harka keennaan hujaa, hiyyeeyyii qarqaaruu akka malle ani isinitti mudhiseera» jedhe.
Phawuloos tana dubbatee fixeen duuba, isaan woliin jilbiiffatee daadimate. Isaan duudiin bowaa morma isaatitti maratanee sunqatane. Keessattuu inni isaaniin, haganaa achii deebitanee na hin dhaggitanu waan jedheef guddoo gaddane; achiin duuba isaan haga hobolo’oo isa woliin deemane.
Kolbaan Waaqaa wo dhaddee yennaa rakkatu waan qaddanu isaan woliin qoodama’a; keessummoota fudhadha’a.
Nuuti worri dhugeeffanna’aan jajjaba teene, ba’aa worra dadhaboole’ee ba’atuu qanna malee, ifi gammachiisuu hin qannu.
Ba’aa wolii ba’adha’a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan.
Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata’aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti.
Nami martinuu bu’aa worra dhibi’iille ilaaluutii malee, bu’aa ifii callaa hin ilaalin!
Obboleeyyan tiyya! Nami tokko, «Ani dhugeeffannaa qaba» jedhee, hujii dansa’aan dhugeeffannaa ifii yoo hin mudhisin, maan isaa baati? Dhugeeffannaan akkasii sun isa fayyisuu hin dandeettii? Obboleeyyan yookiin obboleettoti, waan uffatanuu fi nyaatanu hin qanne yoo jiraatane, isin keessaa nami tokko, waan le’ii isaaniitiif barbaachisu adoo hin kenniniif, «Nageyaan deema’a, hin boojjatina’a, quufa’a!» yoo jedheen, maan isaaniif baati? Maarre dhugeeffannaan hujii dansaa hin qanne ta duute.
Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree?
Nami hiyyeessaaf gadhaa laafu
akka waan Mootii Waan Maraatiif liqeessee ti;
Mootiin Waan Maraa gatii isaaf hin kaffala.
Worri hiyyeeyyiin yoomille lafa irraa hin dhabamu. Tanaaf, ani obboleeyyan teeti Israa’elootaaf, worra hiyyeeyyi’ii fi worra rakkataa lafa teeti keessaatiif akka kennitu si ajaja.