Ajuda
Deus é nosso auxílio e socorro em todo tempo. Ele não dorme nem cochila. O Senhor é nosso ajudador — não precisamos temer o que o homem possa nos fazer.
Qarqaarsi kiyya ka ol-gubba’aa fi lafa dade,
Mootii Waan Maraa biraa dhufa.
Waaqi addee itti baqannu;
inni hunna teenna;
yennaa rakko’oo inni guddoo nu qarqaara.
Dhugumaan Waaqi qarqaarsa kiyya;
Goottaan irkuu jiruu tiyyaa ti.
Mootiin Waan Maraa balchoolee hin baasa;
yennaa rakkinnaa addeen isaan itti baqatanu isa.
Isaan Mootii Waan Maraatitti waan baqatanuuf,
inni isaan qarqaaree, isaan baasa;
inni harka worra hamaaleyyi’ii irraa
isaan baasee, isaan hambura.
Ee Goottaa fayyisaa kiyya,
na qarqaariisaaf ariifadhuu koy.
Ee Waaqa fayyisaa keenna,
ulfinna maqaa keetiitiif jedhii nu qarqaar;
maqaa keetiif jedhii nu baasi;
cubbuu teennalle nuu araarami.
Iyya tiyya waan dhage’eef,
Mootiin Waan Maraa leellifamu.
Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya;
wontee tiyyalle’e;
ani isatti addadha.
Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef,
ani faaru’uun isa hin galateessa.
Mootiin Waan Maraa adoo na hin qarqaarre teetee,
silaa ani ariiti’iin du’eera.
Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keeti,
ka harka keeti middicha qabee,
‹Hin sodaatin; ani si qarqaara› jedhu.
Wontee teeti ta fayyinnaa naa kenniteerta;
qarqaarsi keeti guddaa na godheera.
«Isin worri ba’aa ulfaattuu ba’atee dadhabe marti, gara kiyya kowa’a, ani isin foorfachiisa.
Ani Abbaa hin gaafadha, innille Jajjabeessaa dhibii, ka haga bara baraa isin woliin jiraatu isiniif hin kenna.
Akkuma kana Ayyaanni dadhabbii teenna nu qarqaara; attam akka daadimannu nuuti waan hin beenneef, Ayyaanni ammoo aaduu dubbi’iin himantee hin dandeenneen nu’uuf daadimata. Waaqi gadhaa namaa qorqorulle, yaadi Ayyaanaa maan akka te’e hin beeka; sababille Ayyaanni akka fedha Waaqaatitti kolbaa Waaqaatiif daadimata.
Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu;
hubantii teetitti hin irkatin.
Karaa keeti maraan isa beeki;
inni daandii teeti si’iif hin qajeelcha.
Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata’a.