Publicidade

Aliança

Por Bíblia Online

A aliança é o modo como Deus se relaciona com seu povo. Da aliança com Noé à Nova Aliança em Cristo, Deus se compromete com amor e fidelidade irrevogáveis.

Alianças com Israel

Deus firmou aliança com Abraão, Moisés e Davi. No arco-íris, na lei, nas promessas — Ele é o Deus da aliança.

Achiin duuba Waaqi Nohii fi ilmaan isaa ta isa woliin jirtuun, «Kunoo ani isinii fi sanyii teessan worra isiniin duubaa woliin gondooroo tiyya hin gondoora; akkasuma dada lubbuu qabu ka isin woliin jiru mara, sinbirroota mara, horii mara, bineensota mara, waan isin woliin hoboloo guddittii san keessaa bayane mara woliin gondooroo tiyya hin gondoora. Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi’iitiin lafa irraa deebi’ee akka hin balleessineef, bisaan badi’ii ijjumaa deebi’ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora. Gondooroo ani isinii fi dada lubbuu qabu ka isin woliin jiruuf, dhaloota dhufu maralle’ee gondoore tanaaf beessisa kana kenna: ani hiituu tiyya duumensa keessa keya; hiituun tunille beessisa Gondooroo anaa fi biyyaa lafaa oddu’utti te’e hin teeti.

Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi’iitiin lafa irraa deebi’ee akka hin balleessineef, bisaan badi’ii ijjumaa deebi’ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora.

ani hiituu tiyya duumensa keessa keya; hiituun tunille beessisa Gondooroo anaa fi biyyaa lafaa oddu’utti te’e hin teeti.

Gaafas Mootiin Waan Maraa Abraam woliin gondooroo gondoorate, «Ani lafa tana laga Gibxi’iitii jalqabee haga laga guddicha Efraaxiisiititti sanyii teetiif hin kenna. Latti tun lafa Qenootaa, lafa Qeniizotaa, lafa Qadimonootaa, Heetotaa, Pheriizotaa, Refaa’otaa, Amoorotaa, Kana’aanotaa, Girgaashotaatii fi Yibusootaa ti» jedhe.

Achiin duuba Abraam fuulaan lafatti gombifame; Waaqille isaan «Gondooroo ani si woliin gondooru tana: Ati abbaa gosa biyya adda addaa heddu’uu hin teeta. Maqaan keeti haganaa achi, Abraamhin jedhamu, ani abbaa gosa biyya adda addaa heddu’uu waan si godhuuf, maqaan keeti, Abrahaam jedhama. Ani sanyii hedduu sii hin kenna. Isaan gosa biyya adda addaa hin te’an; isaan keessaa gariin mootota hin te’an.

«Ani si’iif Waaqa te’ee, si’iin duuballe sanyii teetiif Waaqa te’iisaaf Gondooroo tiyya anaa fi si wodhakka’atti, dhaloota si’iin duuba jiranu, sanyii isaanii wodhakkaalle’etti Gondooroo haga bara baraa godhee, jabeessee hin gondoora. Lafa ati amma alagaa itti teete, lafa Kana’aanotaa mara si’ii fi sanyii teetiif haga bara baraa hin kenna; ani Waaqa isaaniille hin te’a» jedhe.

Ammalle Waaqi Abrahaamiin, «Atii fi sanyiin teeti, dhalooti si’iin duubaalle gondooroo tiyya eegadha’a. Gondooroon tiyya ta anaa fi si wodhakka’atti, dhalooti si’iin duubaalle eegatuu qaddanu, Isin keessaa dhiirti martinuu haqanqabaa qabatanuu tika jedhu. Isin haqanqabaa qabadha’a! Kunille gondooroo anaa fi isin wodhakkaa jirtuuf beessisa hin te’a.

Woggaa kudhanii arfeesso’ootitti Kador-Laaomerii fi mootoleen isa woliin gurmaayane loltoota ifii woliin dhufanee, worra Refaa’iimii addee «Ashitaarot-Karnaayim» jedhantutti, worra Zuziimii addee «Ham» jedhantutti, worra Emiimii addee «Dirree Kiriiyataayim» jedhantutti,

Amma isin guutumatti naaf yoo ajajantane, gondooroo tiyyalle yoo eegatane, gosa biyya adda addaa mara keessaa kolbaa irra caalaa jaalatantane hin teetan. Latti duudiin tiyya teetulle,

«Meessaa keessan abbaayaa diintuu irraa haga abbaayaa Filisxeemotaa, goomolee irraa haga laga Efraaxiisii hin godha. Ani kolbaa lafa san keessa leetu harka keessanitti dabarsee hin kenna; isinille ifi duraa isaan hin ariitan. Isaan woliin yookiin waaqota isaanii woliin woli hin gondooratina’a.

Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse’een, «Kunoo, ani Gondooroo si woliin godhataara; kolbaa teeti mara duratti biyya lafaa irratti kolbaa lafa irra jirtu mara keessatti baasa tanaan qara te’ee hin beenne hin godha. Kolbaan ati odduu leetu, baasa ani Mootiin Waan Maraa sii godhu hin dhaggiti.

Muuseen midhaan adoo hin nyaatin, bisaanille adoo hin unin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Mootii Waan Maraa woliin achi ture. Inni jechoota Gondooro’oo, ajajoota kudhan dhakaa baxxicha irratti barreesse.

Muuseen midhaan adoo hin nyaatin, bisaanille adoo hin unin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Mootii Waan Maraa woliin achi ture. Inni jechoota Gondooro’oo, ajajoota kudhan dhakaa baxxicha irratti barreesse.

Inni gondooroo isin woliin gondoore, ajaja ifii kudhan ka akka isin eegattanuuf isin ajaje san lasse; achiin duuba dhakaa baxxicha lama irratti barreesse.

Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa akka te’e beeki; inni Waaqa addatama’a; worra isa jaalatuu fi ajaja isaa eegatanuuf haga dhaloota kumaatitti gondooro’oo fi jaalala ifii ka bara baraa hin eega.

Alianças renovadas

O povo renovava a aliança diante do Senhor. A fidelidade de Deus permanece mesmo quando o povo falha.

Yennaa kolbaan Israa’elii laga Yordaanosii bu’iisaaf addee qubatanee ka’ane, hayyooti Saanduqa Gondooro’oo ba’atanee isaaniin dura deemane. Lagi Yordaanosii yennaa midhaan galchanu guutee danbala’a; hayyooti Saanduqa Gondooro’oo ba’ataneeranu laga Yordaanos geyanee akkuma faanti miila isaanii bisaan tuxxeen, bisaan gaara irraa gad yaa’u dhaabbatee, fagaatee haga qachaa Adaamii ka qachaa Zaaretaanii biraatitti eelee tuulame. Bisaan gara Abbaayaa Arabaayii dabaree gara «Abbaayaa Sooddaa» jedhantuutitti yaa’u ijjumaa cite. Tanaaf kolbaan gara Yeriko’oo gamatti buute. Israa’el duudiin lafa godduu irra deemaa yennaa bu’anu, hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba’atteertu, haga kolbaan marti laga Yordaanosii buututti, laga Yordaanosii wodhakkaa lafa godduu irra dhaabbatteertiiyyu.

Jijjiirama Yoyaadaan Godhe

Hayyichi Yoyaadaan akka isaan kolbaa Mootii Waan Maraa te’anu, Mootii Waan Maraatii fi mooticha wodhakka’atti, mootichaa fi kolbaa wodhakkaalle’etti gondooroo gondoore.

Mootichi Mootii Waan Maraa hordofiisaaf ajaja isaa, seerata isaatii fi seera isaa gadhaa tokkochaan, lubbuu ifii takkatti’iin eegatiisaaf, gondooroo kitaaba kana keessatti barreenfante jabeessiisaaf, utubaa bira dhaabbatee Mootii Waan Maraa duratti gondoore. Achiin duuba kolbaan marti gondooroo sanitti wolii galane.

Maarre yennuma san Yehoraam Samaariya’aa bayee, loltoota Israa’elii mara wolitti qabe. Mootii Yihuda’aa Yoshaafaaxille’etti ergee, «Mootiin Mo’aabii na irratti waan ka’eef, isa loliisaaf na woliin hin dhaxxaa?» jedhee gaafate.

Yoshaafaax deebisee, «Ani si woliin hin dhaqa; ani akkuma keeti; kolbaan tiyya teeti; fardoon tiyyalle teeti;

Maarre Yonaataan, «Diinota Daawitii irratti Mootiin Waan Maraa muraa kennuu ti» jedhee sanyii Daawitii woliin gondooroo godhate.

Yonaataan akka ifi jaalatu Daawiti waan jaalatuuf, Daawiti ammalle akka isaaf kakatu godhe.

Mootiin Waan Maraa Muuse’een, «Kolbaa Israa’elii keessaa akaakoon Aaronii hayyichaa, ilmi Ele’azaarii Fiinehaas marroo tiyyaaf waan hinaafeef, ani hinaaffaa tiyyaan akka isaan hin fixanneef, mufii tiyya isaan irraa deebiseera. Tanaaf, akka ani Gondooroo tiyya ta nageyaa isa woliin gondooradhu, Fiinehaasitti himi. Inni ana Waaqa ifiitiif waan hinaafeef, kolbaa Israa’eliitiifille gumaa cubbu’uu waan kenneef, Gondooroon hayyummaa bara baraa isaaf, isaan duuballe sanyii isaatiif hin teeti» jedhe.

Muuseen Mootii Waan Maraa woliin dubbatiisaaf Dunkaanii Woldeenna’aa yennaa seene, qadaaddaa Saanduqa addee gumaan araara cubbu’uu irra keyamu ka dada ol-gubbaaa ta koola qaddu lamaan wodhakkaa jiru gubba’aa qoonqoo isatti dubbattu dhage’e. Mootiin Waan Maraa isatti dubbate.

Uleen Aaronii Quunxite

Mootiin Waan Maraa Muuse’een, «Israa’elootatti himiitii, sooressitoota gosa abbootii isaanii ta durii irraa ulee tokko tokko wolumatti ulee kudhanii lama fuudhiitii, ulee nama tokko tokkootuu irratti maqaa isaa barreessi. Sooressi gosa abbootii isaanii ta durii tokko ulee tokko waan qabuuf, ulee gosa Lewwi’ii irratti maqaa Aaronii barreessi. Uloota san fuudhiitii, addee ani si’iin itti wol dhaggu, Dunkaanii Woldeenna’aa keessa Saanduqa Gondooro’oo dura keyi. Achiin duuba uleen nama ani fileeruu hin quunxiti. Akka kanaan gungumiisa Israa’elootaa ta isaan yennaa mara si irratti gungumanu si irraa kuta» jedhe.

Maarre Muuseen kanuma Israa’elootatti hime; sooreyyiin gosa Israa’eliille akka gosa gosa ifiititti ulee tokko tokko, wolumatti ulee kudhanii lama isatti kennite; uloota san keessaa takkattiin ulee Aaronii ti. Achiin duuba Muuseen uloota san dunkaanii dhugaa bayaa keessaa Mootii Waan Maraa dura keye.

Boruyyaa, Muuseen gara dunkaanii dhugaa bayaa yennaa ol seene, uleen Aaronii ta maqaa gosa Lewwi’iitiin dhikaatte, quunxitee, daraartee, midhaan muka, «Almond» jedhamuu buutteertiiyyu. Achiin duuba Muuseen uloota san mara Mootii Waan Maraa duraa fuudhee Israa’eloota maratti mudhise. Isaan uloota san ilaalanee, sooreyyiin tokko tokkoon isaaniituu ulee ifii fudhatane. Mootiin Waan Maraa Muuse’een, «Worra finqila’aaf beessisa akka teetu, ulee Aaronii Saanduqa Gondooro’oo duratti deebisi. Tun isaan na irratti gungumanee akka hin dhumanne gooti» jedhe. Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe.

Ehud Israa’eloota Rakkinna jalaa Baase

Israa’elooti ammalle Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; waan kanaaf Mootiin Waan Maraa mootiin Mo’aabii Egloon akka Israa’eloota injifatu hunna kenneef. Egloon mootota Amoonotaatii fi Amaaleqootaa ede’atee, Israa’eloota lolee, qachaa meexxi’ii qabate.

Nova Aliança

Eis que dias vêm em que farei nova aliança. Jesus é mediador de uma aliança superior, fundamentada em melhores promessas.

«Barri ani kolbaa Israa’eliitii fi Yihuda’aa woliin gondooroo haareya godhadhu hin dhufa. Gondooroon tun ta akka gondooroo yennaa abbootii isaanii biyya Gibxi’ii keessaa baasiisaaf, harka qabee isaan sooresseetii moti; ani abbaa manaa isaanii te’ulle isaan gondooroo tiyya waan diiganeef ani dudda isaanitti gale. Gondooroon ani bara san kolbaa Israa’elii woliin godhadhu ta asii gad jirtu tana: ani seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya; gadhaa isaanii keessalle’etti hin barreessa. Ani Waaqa isaanii hin te’a; isaanille kolbaa tiyya hin te’an. Ani yakkaa isaanii isaaniif hin araarama; cubbuu isaaniille deebi’ee isaanitti hin laakkowu; isaan marti diqqa’aa haga gudda’aatitti na waan beekanuuf, haganaa achi nami tokko ollaa ifii yookiin fira ifii, Mootii Waan Maraa beekijedhee hin barsiisu» jedha.

«Mootiin Waan Maraa, Guyya’aa fi halkan yennaa ifii eegatanee akka te’anuuf, seerata ani murteesse, isin keessaa eennulle yoo diiguu dande’e qofa, tajaajilaa kiyya Daawitii fi Lewwoota hayyumma’aan na tajaajilanu woliin gondooroon ani gondooradhe diigamuu dandeetti; Daawitille sanyii barcumaa mootummaa isaa dhaaltu hin dhaggatu.

Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te’ee du’e.

Worri waamamane dhaala bara baraa ka waadaan galameef akka fudhatanu, Kiristoos Gondooroo Haareyaaf wodhakkicha. Yennaa Gondooroo duraa jala jiranu san cubbuu hujane irraa bilisa baasiisaaf wodoo te’ee du’e.

Amma ammoo, gondooroon Yesuus wodhakkaa namaatii fi Waaqaa itti te’e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma Gondooroo Qaraa caaltu, tajaajilli isaaf kennamelle caala’a.

Daadimata Muumme’ee

Waaqi Abbaan nageyaa, ka dhiiga gondooroo bara baraatiin, tissee hoole’ee guddicha, Goottaa keenna Yesuus du’aa kaase, fedhii isaa akka muummessitanuuf waan dansaa maraan isin hidhachiisu; waan isa gammachiisulle, karaa Yesuus Kiristoosiitiin nu keessatti hujuu ti. Ulfinni haga bara baraa Yesuus Kiristoosiif te’u! Ameen.

Tajaajiltoota Gondooroo Haareyaa akka teenuuf ka dandeetti nu’uuf kenne isa; gondooroon tun ta Ayyaana Woyyichaati malee, ta seera qube’een barreeffameetii moti. Seerri qube’een barreeffame du’a fida; Ayyanni Woyyichi ammoo jiruu kenna.

Amma kun fakkeenna; dubartooti lamaan sun fakkeenna gondooroo lamaanii ti. Takkattiin ta ijoolleen isi’ii garbummaa keessatti dhalatte Aggaari; isiin fakkeenna gondooroo Gaara Siina’aa irratti gondoorantee ti. Aggaariin Gaara Siina’aa ka biyya Arabaa keessa jiruun fakkeeffante sun, fakkeenna Yerusaalemii amma kolbaa ifii woliin garbummaa keessa jirtuu ti. Yerusaalemiin ol-gubbaaa ammoo bilisoontu’u; isiin haadha teenna.

Fidelidade da aliança

A aliança de Deus é eterna. Ele não quebra seu pacto nem altera o que saiu dos seus lábios.

Jaalalli bara baraa

ka Mootii Waan Maraa ammoo

bara baraa haga bara baraatitti,

worra isa sodaatu woliin hin jiraata;

balchummaan isaalle

ijoollee ijoollee isaa woliin hin jiraatti.

Kunille worra gondooroo isaa eegatanuu fi

worra ajaja isaa muummessiisaaf qaabatanuuf te’a.

Mootiin Waan Maraa, «Gondooroon ani isin woliin godhadhu: ayyaanni kiyya ka ani isiniif kennuu fi jechi kiyya ka ani afaan keessan keessa keyu, afaan keessan keessaa, afaan ijoollee teessanii keessaa, afaan ijoollee ijoollee teessanii keessaalle’ee adhaa jalqabee haga bara baraa hin dhabamu» jedha.

Ani Gondooroo nageyaa isaan woliin hin godhadha; akka isaan nageyaan goomolee keessa le’anee, gongomaa keessa ciisanu, bineensota badda’aa lafa isaanii keessaa hin balleessa.

Mootiin Waan Maraa ifiifuu si’iin dura hin deema; si wolille’een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.

Bulchaan dhibiin sun woggaa torbaaf kolbaa hedduu woliin gondooroo hin godha; inni gamisa woggaa torbaatitti ciinca’aa fi kennansi midhaanii akka hafu godhee, addee ciinca’aatii fi kennansa midhaan sanii, battummaa badii fiddu Galma Waaqaa keessatti akka jiraattu hin godha; tunille adabbiin bulchaa san irratti laffante haga muummottutti teeti» jedhe.

«Mootichi kibbaa hin jabaata; abbootii duulaa isaa keessa ammoo, tokko isa caalaa jabaatee hin bulcha; mootummaan isaalle mootummaa guddoo hin teeti. Woggoota diqqo’oon duuba mootichi kibbaa, mooticha kaabaa woliin wolii galan. Intalti mooticha kibbaa, wolii galtee isaanii jabeessiisaaf mooticha kaaba hin heerumti; isiin ammoo hunna ifiitiin turuu hin dandeettu; innii fi hunni isaalle jabaattee hin leetu; tanaaf isiin, dhirsi isi’ii, worri isii gara biyya sanii geessee fi abbaan isi’ii hin ijjeefaman.

Mootiin kaaba sun waan fedhe hin godha; ka isa ifi irraa dhooggatiisa dande’u hin jiru. Inni lafa Israa’elii bisilee hin qabata, isii balleessiisaafille hunna hin qabaata.

«Inni loltoota mootummaa ifii duudii woliin duuliisaa hin yaadata; mootii kibbaa woliin wolii galtee nageyaa hin godha; mootummaa san balleessiisaaf, intala ifii mooticha kibbaa hin heerumsiisa; ammoo yaadi sun isaaf hin te’u yookiin isa hin qarqaaru.

«Ani ila halcha’aatiin gara durraa akka hin ilaalle

ila tiyya woliin gondooroo gondooradheera.

Qarummaan dubartii gaarayyeeffattuu,

ta jechoota gammachiisuun nama qaxafattu

jalaa si baachi.

Dubartiin tun dhirsa dargagumma’aan

heerumte lakkittee,

waadaa Waaqa duratti galte deeteerti.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-