Publicidade

Alimento

Por Bíblia Online

O alimento é provisão de Deus para o corpo e a alma. Jesus disse: Eu sou o pão da vida. A Bíblia ensina a receber com gratidão, partilhar com generosidade e confiar no Provedor.

O pão da vida

Jesus disse: Eu sou o pão da vida. Quem vem a mim nunca terá fome. O alimento espiritual sacia plenamente.

Yesuus isaaniin, «Sagaleen jiru’uu ana; ka gara kiyya dhufu ijjumaa hin beelotu; ka natti dhugeeffatu ijjumaa hin dheebotu.

Sagalee badduuf hin hujina’a; sagalee jiruu bara baraatiif jiraattuuf ammoo huja’a. Waaqi Abbaan, chaappaa ifii ka ittiin mirkaneessu waan isa irratti godheeruuf, Ilmi Namaa sagalee san isiniif hin kenna» jedhe.

Yesuus ammoo, «Barreeffam Woyyichi, Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla’aan hin le’ujedha» jedhee deebise.

Worri balchummaa beelotuu fi dheebotu gammaduu;

Waaqi isaan hin quussa.

Dursa’aatii mootummaa Waaqaatii fi balchummaa isaa barbaada’a; tun martinuu isiniif hin kennanti.

«Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina’a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu?

Akkuma daa’immaan reef dhalatte aanan barbaaddu, isinille gara fayyinnaa akka ittiin guddattanu aanan Ayyaanticha hin caamolamin dharra’aa.

Provisão divina

Deus provê alimento em abundância. Ele multiplica pães e peixes, enche os famintos e supre toda necessidade.

Yesuus daabboo xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubbaaa ilaalee, Waaqaaf galata galchee, caccassee, kolba’aaf akka qoodanu barattootatti kekenne. Isaan martinuu nyaatanee quufanee, hambaa irraa hatte barattooti kollonjoo kudhanii lama fuudhane.

Inni worra dheebote dheebuu baasa;

worra beelotelle waan dansa’aan quussa.

Mana kiyya keessa sagaleen akka jiraattuuf kudhan keessaa tokko guutumatti gootaraa kiyyatti galcha’a! Ani foddaa ol-gubbaaa banee, eebba irraan dhangala’u yoo gad isiniif jissuu dhabaadhe na ilaala’a!

Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa teessaniille hin fakkansa.

Nami arjaan hin durooma;

nami dheebuu nama baasulle

ifille’eef dheebuu hin baya.

Dubbiin dansaan akka nadhii dammaa ti;

namatti mi’ootti;

lafee namaatiifille fayyinna kenniti.

Nahimiyaan, «Dhaqa’aatii sagalee filante nyaadha’a; untoo mi’oottuulle una’a! Worra hin qannelle’eef irraa qooda’a! Guyyaan kun guyyaa Mootii Waan Maraa keennaaf woyyoomeeru; gammadi Mootii Waan Maraa isiniif kennu jabeenna keessan waan te’eef, hin gaddina’a!» jedhe.

Gratidão e moderação

Nada trouxemos para o mundo e nada levaremos. Tudo o que fizerdes, fazei para a glória de Deus — inclusive comer e beber.

Nuuti waan tokkolle finnee gara biyya lafaa hin dhunne; waan tokkolle isii keessaa fuunee deemiisa hin dandeennu. Ammoo woya’aa fi sagalee yoo qabaanne sun nu hin geetti.

Maarre yennaa nyaattanulle te’e yennaa untanu, yookiin waan gootanu mara ulfinna Waaqaatiif godha’a.

Guyyaa guyya’aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle’etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu’uun areerrataa, Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaayyu. Goottaalle guyyuma guyya’aan worra fayyanu isaanitti dabale.

Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage’ee yoo balbala naaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille na woliin nyaata.

Nami waan mara nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka waan ficha’atti dhaabamu qofa nyaatu ka waan mara nyaatu irratti hin murin; sababille Waaqi isalle ifitti qabateera.

Yoona marroo nyaataatii yookiin marroo unto’ootii, marroo guyyaa jilaatii yookiin marroo baatii laakkowu’uu, yookiin marroo Sanbata ulfeessu’uutiif eennulle isinitti hin murin. Isaan kun waan gara duraa dhufuuf akka gaaddiddu’uu ti; dhugaan ammoo Kiristoos keessa jirti.

Inni nami jecha afaan Mootii Waan Maraa keessaa bawuun malee, sagalee qofaan le’uu akka hin dandeenne si barsiisiisaaf, inni si beelessee gad si qabe; achiin duuba mannaa abbootiin teetii fi atille hin beenne si nyaachise.

Dada bisaan keessa leetu mara keessaa ta koolaa fi solloqqee qaddu mara nyaadha’a. Dada bisaan keessa leetu ta koolaa fi quncee hin qanne mara hin nyaatina’a. Isaan isin biratti battii te’anuu ti.

Waaqi, «Ani biqiltuu midhaan buuttuu fi midhaan sanyii ifi keessaa qabu buuttu ta lafa irraa duudii akka nyaattanuuf isinii kenneera.

Wonni jiraatee tacho’u martinuu sagalee isiniif te’anuu ti. Akkuma duri biqiltuu magariisa akka sagalee isiniif te’anu kenne, amma waan kana mara sagalee akka isiniif te’anu kenneera. Ammoo jiruun dhiiga keessa waan jirtuuf, foon dhiigi keessa jiru ammalle hin nyaatina’a.

Torbaan sad haga dabartutti ani sagalee dansaa hin nyaanne; foonii fi daadhii woyni’ii afaaniin hin qanne; waan iffatanulle fuula yookiin mataa hin iffanne.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-