Amigo
O amigo verdadeiro é dádiva rara de Deus. Ele ama em todo tempo, fala a verdade em amor, aconselha com sabedoria e permanece fiel nas adversidades da vida.
Amizade verdadeira
Há amigo mais chegado que um irmão. Em todo tempo ama o amigo. O perfume e o incenso alegram o coração — assim o conselho doce do amigo.
Jaaloti gariin nama balleessiti;
jaaloti obboleessa caalaa
namatti dhikaatanulle ammoo hin jiran.
Jaalli yennaa mara si jaalata;
obboleessille yennaa rakko’ootiif dhalata.
Fiqire’ee fi qayyi nama gammachiisan;
gammachiisiis jaalaalle
gorsa dansaa isaa irraa madda.
Akkuma sibiilli sibiila cabbu,
namille nama cabba.
Jaalala dhokate caalaa,
xixicha mudhatu woyya.
Sunqaa diinaatii mannaa,
jaalli si madeessu woyya.
Jaalota teetii fi jaalota abbaa keetii hin lakkisin;
yennaa rakkinnaa mana obboleessa keetii hin dhaqin;
obboleessa fagoo jiruu mannaa,
ollaa dhikoo jiru woyya.
Nami qaroo woliin ideemu qaroo hin te’a;
waa’elli gowwa’aa ammoo hin farra.
Lammeessoo
Nama aarammeessa jaala hin godhatin;
nama dafee aarutti hin maxxanin.
Ati isa irraa barattee,
tiyyoo isaa keessa seenta fa’a.
Nami hedduun, «Nuuti worra addatama’a» ifiin jedhan;
nama addatamaa ammoo eentu dhaggatuu dande’a?
Durummaan jaala hedduu namaa fiddi;
hiyyeessi ammoo jaala ifiituu dhaba.
Jesus, o amigo
Já não vos chamo servos, mas amigos. O maior amor é dar a vida pelo amigo. Jesus é o amigo que nunca falha.
Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu. Waan ani isin ajaje yoo gootane isin jaalota tiyya. Haganaa achi garboota tiyya isiniin hin jedhu, sababille garbichi waan goottaan isaa godhu hin beeku. Ani waan Abbaa kiyya irraa dhage’e mara waan isinitti himeeruuf, jaalota tiyya isiniin jedheera.
Ajaji kiyya kana: akkuma ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a. Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu.
Jaalota tiyya! Waaqi akkana yoo nu jaalate, nuutille wol jaalatuu qanna. Eennulle Waaqa ijjumaa hin dhaggine; yoo wol jaalanne Waaqi nu keessa hin jiraata, jaalaltiin isaalle nu keessatti guutuu teeti.
Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna. Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree? Ijoolle! Dubbi’iin yookiin afaan calla’aan adoo hin te’in, huji’ii fi dhuga’aan wol jaalannuu ti.
Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqa dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma’atti laakkowante» jedhu muummowe; innille jaala Waaqaa jedhame.
Akka obboleeyyanii o’isa’aatii wol jaaladha’a; ulfinna woliif kenniisaaf wol doggoma’a.
Companheiros de fé
Dois são melhores do que um. Os companheiros de fé se fortalecem mutuamente e caminham juntos com o Senhor.
Eloo ifiitiif bu’aa dansaa waan dhaggatanuuf, tokko te’uu irra lama te’uu woyya. Tokko yoo jige, kuun ol kaasa; yoo jige, ka ol isa kaasu, nama hin qanneef ammoo aanne’e.
Jaalala Kolbaa Waaqaa
Faaruu Daawitii Ta Ittiin Ol Bayanu
Kolbaan Waaqaa
tokkumma’aan yennaa woliin leetu,
attam attam dansa’a;
attam attam nama gammachiisa!
Tokkummaan tun
akka zayitii ejersaa ta gatii guddo’oo
ta mataa irraa areeda irra gad yaatu,
areeda Aaronii irra,
haga handaara woyaa isaa gad yaatuu ti.
Tokkummaan tun
akka fixeensa gaara Hermoonii,
ka gaarota Xiyoonii irratti bu’uu ti;
eebbi jiruu bara baraa
achi irratti akka dhaggamu
Mootiin Waan Maraa ajajeera.
Ani worra si sodaatu maraaf,
worra ajaja keeti eegatu maraaf jaala.
Yonaataan akka lubbuu ifii isa waan jaalateef, isa woliin gondooroo godhate.
Hin gowwoomina’a. «Hari’aan badduun amala dansaa balleessiti».