Amor ao próximo
O amor ao próximo não é opcional — é mandamento. Amarás o teu próximo como a ti mesmo. A lei inteira se cumpre nesta palavra. O amor ao próximo é prova do amor a Deus.
Diinota Jaalachuu
Yesuus, « ‹Ollaa keeti jaaladhu, diinota keeti jibbi› akka jedhame dhageettaneertan. Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaaladha’a; worra isin miidhuufille daadimadha’a.
Ajaji kiyya kana: akkuma ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a.
Wol Jaalatuu
Beenyaa eennuulle hin qabaatina’a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te’uu ti; nami nama jaalatu Seera muummesseera.
Tokko tokkoon keenna akka nami dhibiin dhugeeffannaa ifiitiin jabaatu, dansaa isaatiif isa gammachiisuu qanna.
Waan hujjanu mara jaalalaan huja’a.
Akkuma nuuti isin akka malee jaalannu, jaalaltiin isin wolii fi worra dhibii maraaf qaddanu ittuma dabalantee akka fakkantu Goottaan godhu.
Tajaajila Waaqa Gammachiisu
Yennaa mara akka obboleeyyanii wol jaaladha’a! Keessummaa fudhattanee keessummeessiisa hin dedhina’a; sababille akkas godhiisaan namooti gariin adoo hin beekin ergantoota Waaqaa fudhatanee keessummeessaneeran. Akka isaan woliin hidhantanee jirtanuutitti, worra hidhameeru yaadadha’a! Akka isaan woliin rakkatiisatti jirtanuutitti, worra rakkinna fudhatiisatti jiru yaadadha’a!
Seera mootummaa Waaqaa akka Barreeffam Woyyichi, «Ollaa keeti akka ifi jaalattutti jaaladhu» jedhutti, yoo muummessitane dansaa gootane.
Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha’a.
Yoona worra Waaqaaf filatantane, woyyoontanee fi jaalatantane akkuma teetanetti naasuu, arjummaa, ifi gad qabiisa, qajeelumma’aa fi ossata uffadha’a. Wol dande’a; nami namatti quuqameeru yoo jiraate, woliif araarama’a; akkuma Kiristoos isiniif araarame, isinille woliif araarama’a. Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a. Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te’iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te’a.
Wol Jaaladha’a
Ergaan isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane, «Wol jaalatuu qanna» ta jettu tana.
Nami obboleessa ifii jibbu, nama nama ijjeese; nami nama ijjeese, jiruu bara baraa akka ifi keessaa hin qanne isinuu hin beettan. Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.
Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.
Waaqi Jaalala
Jaalota tiyya! Jaalaltiin Waaqa irraa waan teeteef, kowa’a wol jaalannaa! Nami jaalatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka. Waaqi jaalala waan te’eef nami hin jaalanne maraa, Waaqa hin beeku.