Pular para o conteúdo
Publicidade

amor de Deus

Por Bíblia Online

O amor de Deus é a maior realidade do universo. Ele nos amou com amor eterno, incondicional e sacrificial — e nada no mundo pode nos separar desse amor.

Amor eterno

Deus amou o mundo de tal maneira que deu o seu Filho. Seu amor é de eternidade a eternidade — nunca falha.

Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.

Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi’iituu Kiristoos addee teenna du’eera; kunille jaalalli Waaqi nu’uuf qabu attam attam guddaa akka te’e mudhisa.

Du’alle te’ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te’ee bulchitooti ol-gubbaaa, wonna amma jirulle te’ee wonni dhufu’uuf jiru, hunnootalle yoo te’e, wonna gubbaa jirulle te’ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te’e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande’ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.

Mootiin Waan Maraa fagoo irraa natti mudhatee, «Ani Jaalala bara baraatiin si jaaladheera; tanaaf gadhi laafummaa tiyya sitti mudhiseera.

Faaruu Galataa

Mootiin Waan Maraa

dansaa waan te’eef,

isa galateeffadha’a;

jaalalli isa ka bara baraa ti.

Mootiin Waan Maraa

mararti’ii fi araaraan ka guutame,

ka aari’iif hin ariifannee fi ka jaalala guddaa qabu.

Ee Gootta’a, ati ammoo,

Waaqa mararaa arja’a;

aari’iif hin ariifattu;

jaalalli keeti ka bara baraatii fi

addatamummaan teetille baca’a.

Jaalalli keeti ka bara baraa

jiruu waan caaluuf,

arrabi kiyya si leellisa.

Natureza do amor divino

Deus é amor. O amor é paciente, benigno. O amor do Pai nos adota como filhos e nos transforma à sua imagem.

Waaqi Jaalala

Jaalota tiyya! Jaalaltiin Waaqa irraa waan teeteef, kowa’a wol jaalannaa! Nami jaalatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka. Waaqi jaalala waan te’eef nami hin jaalanne maraa, Waaqa hin beeku.

Akka nuuti jiruu isaan dhaggannuuf, Waaqi Ilma ifii tokkochuma san gara biyya lafaa ergiisaan, jaalala ifii nu’uuf mudhise. Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaalanne, inni ammoo nu jaalatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma’aa akka te’uuf erge. Jaalota tiyya! Waaqi akkana yoo nu jaalate, nuutille wol jaalatuu qanna.

Nuuti jaalala Waaqi nu’uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra.

Waaqi jaalala; nami jaalalaan jiraatu Waaqaan jiraata, Waaqille isaan jiraata.

Waan Waaqi dursee nu jaalateef nuutille hin jaalanna.

Ijoollee Waaqaa

Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.

Ajaja Haareya

Jaalota tiyya! Ani ka isiniif barreessaaru, ajajuma dullacha dur jalqabaa jalqaddanee isin qaddanu san malee, ajaja haareyaa moti. Ajaji dullachi jechuma isin dhageettane. Te’uu malee, dukkanti dabariisatti, ifi dhugichi ifiisatti waan jiruuf, Kiristoosii fi isin biratti dhugaa ka te’e, ajaja haareya isiniif barreessa.

Waaqa jaalachuu jechuulle ajaja isaatiif ajajamiisa; ajaji isaalle ulfaata’aa moti.

Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju.

Expressões do amor de Deus

O Senhor nos ama com alegria e canta sobre nós. Queni a mim vem, amará; e quem me ama, o Pai o amará.

Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si woliin jira;

hunni isaa injifannoo sii kenniti;

inni guddoo sitti hin gammada;

jaalala ifiitiin jiruu teeti hin haaressa;

inni faaru’uun si’itti hin gammada» hin jedhan.

Ani worra na jaalatu hin jaaladha;

worri na barbaadatu na hin dhagga.

Ati na duratti gatii guddo’oo fi

ulfinna waan qadduuf,

ani waan si jaaladhuufille addee teeti kolbaa,

addee lubbuu teetii gosa biyya adda hin kenna.

Ee Waaqa, Galma keeti keessatti,

jaalala keeti ka bara baraa yaadanna.

Worra si beekuuf, jaalalli keeti ka bara baraa,

worra gadhaa-qajeelaaatiif

balchummaan keeti irraa hin citin.

Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le’a malee, ani ifiif hin le’u. Le’ii amma fooniin le’ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le’a.

Waaqi mararti’iin dureessaa ammoo, jaalala guddaa nu jaalate irraa ka ka’e, yakkaa teennaan yennaa nuuti duuneerruuyyuu, inni Kiristoosiin gara jiru’uu nu fide. Isin badhaadha Waaqaatiin fayyitaneertan.

Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Ayyaana Woyyichaalle isin duudii woliin jiraattu.

Goottaan gadhaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara ciniinnatee ossiisa Kiristoosii isin qajeelchuu ti.

Seja o primeiro