Pular para o conteúdo
Publicidade

Amor verdadeiro

Por Bíblia Online

O amor verdadeiro vem de Deus. Não é emoção passageira — é decisão, sacrifício e compromisso eterno. O perfeito amor lança fora o medo e nunca deixará de existir.

Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.

Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha’a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a. Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan» jedhe.

Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi’iituu Kiristoos addee teenna du’eera; kunille jaalalli Waaqi nu’uuf qabu attam attam guddaa akka te’e mudhisa.

Du’alle te’ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te’ee bulchitooti ol-gubbaaa, wonna amma jirulle te’ee wonni dhufu’uuf jiru, hunnootalle yoo te’e, wonna gubbaa jirulle te’ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te’e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande’ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.

Nami nama jaalatu, waan hantuu isa irratti ijjumaa hin godhu; tanaaf, nama jaalachuun Seera guutu’u.

Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. Jaalalli dhuga’atti malee, hammeennatti hin gammadu. Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.

Jaalalli ijjumaa hin badu; ammoo raaga dubbatiisalle yoo te’e, hin hafa; afaan haareyaan dubbatiisalle yoo te’e, hin hafa; beekkumsalle yoo te’e, hin hafa.

Waaqi jaalala waan te’eef nami hin jaalanne maraa, Waaqa hin beeku.

Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalaltiin guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalaltiin isaa guutu’uu moti.

Waaqa jaalachuu jechuulle ajaja isaatiif ajajamiisa; ajaji isaalle ulfaata’aa moti.

Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama,

Seja o primeiro