Amor
O amor é o maior mandamento e a essência de Deus. Deus é amor. Nós amamos porque Ele nos amou primeiro. O amor cristão é sacrificial, incondicional e eterno — refletindo o coração do Pai.
Deus é amor
Deus é amor. Quem permanece no amor permanece em Deus. Nós amamos porque Ele nos amou primeiro — com amor eterno.
Waaqi Jaalala
Jaalota tiyya! Jaalaltiin Waaqa irraa waan teeteef, kowa’a wol jaalannaa! Nami jaalatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka. Waaqi jaalala waan te’eef nami hin jaalanne maraa, Waaqa hin beeku.
Waaqi Jaalala
Jaalota tiyya! Jaalaltiin Waaqa irraa waan teeteef, kowa’a wol jaalannaa! Nami jaalatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka.
Waaqi jaalala waan te’eef nami hin jaalanne maraa, Waaqa hin beeku.
Nuuti jaalala Waaqi nu’uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra.
Waaqi jaalala; nami jaalalaan jiraatu Waaqaan jiraata, Waaqille isaan jiraata.
Biyya lafaa tana irratti akkuma Kiristoos le’e waan leeneef guyyaa mura’aa ifi-addii hin qabaanna; akka kanaan jaalaltiin Waaqaa nu keessatti guutanteerti. Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalaltiin guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalaltiin isaa guutu’uu moti.
Nuuti jaalala Waaqi nu’uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra.
Waaqi jaalala; nami jaalalaan jiraatu Waaqaan jiraata, Waaqille isaan jiraata.
Waan Waaqi dursee nu jaalateef nuutille hin jaalanna.
Waan Waaqi dursee nu jaalateef nuutille hin jaalanna. Eennulle «Ani Waaqa hin jaaladha» jedhaa, obboleessa ifii ammoo yoo jibbe, inni dharaamessa; obboleessa ifii ka ilaan dhaggu ka hin jaalanne, Waaqa ilaan hin dhaggine jaalatuu hin dande’u.
Jaalota tiyya! Waaqi akkana yoo nu jaalate, nuutille wol jaalatuu qanna.
Eennulle Waaqa ijjumaa hin dhaggine; yoo wol jaalanne Waaqi nu keessa hin jiraata, jaalaltiin isaalle nu keessatti guutuu teeti.
Nami Waaqa jaalatu, obboleessa ifiille jaalatuu qaba, ajaja jedhu Kiristoos nu’uuf kenneera.
Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna. Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree? Ijoolle! Dubbi’iin yookiin afaan calla’aan adoo hin te’in, huji’ii fi dhuga’aan wol jaalannuu ti.
Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna. Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree? Ijoolle! Dubbi’iin yookiin afaan calla’aan adoo hin te’in, huji’ii fi dhuga’aan wol jaalannuu ti.
Nuuti obboleeyyan teenna waan jaalanuuf du’a keessaa gara jiru’uutitti akka dabarre hin beenna. Nami nama hin jaalane du’a keessatti hafa.
Wol Jaaladha’a
Ergaan isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane, «Wol jaalatuu qanna» ta jettu tana.
Ijoollee Waaqaa
Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.
Waaqa jaalachuu jechuulle ajaja isaatiif ajajamiisa; ajaji isaalle ulfaata’aa moti.
Amor de Deus
Deus prova o seu amor em que Cristo morreu por nós. Deus amou o mundo de tal maneira que deu o seu Filho unigênito.
Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi’iituu Kiristoos addee teenna du’eera; kunille jaalalli Waaqi nu’uuf qabu attam attam guddaa akka te’e mudhisa.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu.
Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu.
Akkuma Abbaan kiyya na jaalate anille isin jaaladhe; jaalala kiyyaan jiraadha’a. Akkuma ani ajaja Abbaa kiyyaa eegadhe jaalala isaatiin jiraadhu, isinille ajaja kiyya yoo eegattane, jaalala kiyyaan hin jiraattan.
Ajaji kiyya kana: akkuma ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a.
Marroo Ayyaana Woyyichaatiif Addii Kennante
Yesuus deebisee, «Isin yoo na jaalattane, ajaja kiyya hin eeggattan.
«Nami na jaalatu, nama ajaja kiyya fudhatee eegatu. Abbaan kiyya ka ana jaalatu hin jaalata; anille isa hin jaaladha, ifille isatti hin mudhisa» jedhe. Yihudaa nama biyya Keriyootii adoo hin te’in, Yihudaan dhibiin, «Gootta’a, biyya lafaatitti adoo hin te’in, attamiin nu’utti ifi mudhitta?» jedhe.
Yesuus deebisee, «Nami na jaalatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaalata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena. Nami na hin jaalanne Jecha kiyya hin eegatu. Jechi isin dhageettanu kun, ka Abbaa na ergeeti malee, kiyyaa moti.
Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha’a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a. Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan» jedhe.
O maior mandamento
Amarás ao Senhor de todo o coração e ao próximo como a ti mesmo. Estes são os maiores mandamentos — neles se resume toda a lei.
Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’iin, qalbii teeti takkatti’iin jaaladhu›. Ajaji guddichi duraa isaa kana. Lammeessoolle isuma fakkaata: ‹Ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu›.
Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’iin, qalbii teeti takkatti’iin jaaladhu›. Ajaji guddichi duraa isaa kana. Lammeessoolle isuma fakkaata: ‹Ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu›. Ajaja lamaan kana irratti Seerri Muuse’eetii fi barsiisi raagotaa marti hundeeffamaneeran» jedhe.
Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!› isaaniin jedhe.
«Waan namooti akka isiniif godhanuuf barbaaddanu isinille akkasuma isaaniif godha’a: Seerri Muuse’eetii fi raagoti kanuma barsiisan.
Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaaladha’a; worra isin miidhuufille daadimadha’a.
Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’iin, qalbii teeti takkatti’iin, hunna teeti takkatti’iin› jaaladhu. Ajaji guddichi lammeesso’oo, ‹Nama mara akka mataa keetii jaaladhu› ka jedhu kana. Ajaji guddichi isaan lamaan kana caalu ka dhibiin hin jiru» jedhe.
O amor que não falha
O amor é paciente, é benigno. Tudo sofre, tudo crê, tudo espera, tudo suporta. O amor jamais acaba.
Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu.
Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. Jaalalli dhuga’atti malee, hammeennatti hin gammadu. Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.
Yoona dhugeeffannaan, addi’ii fi jaalalli, isaan sadiinuu jabaatanee jiraatan; isaan kana keessaa ka caalu ammoo jaalala.
Yoona dhugeeffannaan, addi’ii fi jaalalli, isaan sadiinuu jabaatanee jiraatan; isaan kana keessaa ka caalu ammoo jaalala.
Yoona dhugeeffannaan, addi’ii fi jaalalli, isaan sadiinuu jabaatanee jiraatan; isaan kana keessaa ka caalu ammoo jaalala.
Raaga dubbatiisaaf kennaa qabaadhee, dhossaa duudii beekee, beekkumsa duudii qabaadhee, dhugeeffannaa guddoo ta gaara adde’ee buqqittu qabaadhee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, ani womaa moti.
Teetuu malee Barreeffam Woyyichi,
«Waan ilti namaa hin dhaggin,
Waan gurri namaa hin dhage’in,
Waan gadhaan namaa hin yaadatin
Waaqi worra isa jaalatanuuf qopheesseera» jedha.
Waan hujjanu mara jaalalaan huja’a.
Waan hujjanu mara jaalalaan huja’a.
Amor inseparável
Nada poderá nos separar do amor de Deus. Nem morte, nem vida, nem anjos — absolutamente nada.
Du’alle te’ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te’ee bulchitooti ol-gubba’aa, wonna amma jirulle te’ee wonni dhufu’uuf jiru, hunnootalle yoo te’e, wonna gubbaa jirulle te’ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te’e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande’ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.
Du’alle te’ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te’ee bulchitooti ol-gubba’aa, wonna amma jirulle te’ee wonni dhufu’uuf jiru, hunnootalle yoo te’e, wonna gubbaa jirulle te’ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te’e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande’ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.
Jaalalli keessan dhugaamessa te’uu ti. Waan hantuu jibba’a; waan dansaa jabeessa’aa qabadha’a;
Jaalalli keessan dhugaamessa te’uu ti. Waan hantuu jibba’a; waan dansaa jabeessa’aa qabadha’a;
Jaalalli keessan dhugaamessa te’uu ti. Waan hantuu jibba’a; waan dansaa jabeessa’aa qabadha’a; Akka obboleeyyanii o’isa’aatii wol jaaladha’a; ulfinna woliif kenniisaaf wol doggoma’a.
Akka obboleeyyanii o’isa’aatii wol jaaladha’a; ulfinna woliif kenniisaaf wol doggoma’a.
Wol Jaalatuu
Beenyaa eennuulle hin qabaatina’a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te’uu ti; nami nama jaalatu Seera muummesseera.
Viver no amor
Revesti-vos de amor, que é vínculo da perfeição. O amor cobre multidão de pecados e edifica a comunidade.
Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a.
Wol dande’a; nami namatti quuqameeru yoo jiraate, woliif araarama’a; akkuma Kiristoos isiniif araarame, isinille woliif araarama’a. Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a.
Durummaa ulfinna isaatiin keessi keessan karaa Ayyaana isaatiin akka jajjabaatu hunna akka isiniif kennu daadimadha. Karaa dhugeeffanna’aatiin Kiristoos gadhaa keessan keessa akka qubatu ani hin daadimadha. Ani akka isin jaalalaan hiddaa fi hundee qabaattanu daadimadha.
Yennaa mara worra ifi gadi qabu, worra qajeela’aa fi ossaameyyii te’a’a. Jaalalalle’een wol dande’a’a.
Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaa jaalatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaaladha’a. Inni wolde’a kiristaanaa karaa Jecha ifiitiin bisaaniin dhiqee qulqulleessee, Waaqaaf woyyoonsiisaaf tana godhe.
Jaalalli keessan beekkumaa fi hubanti’iin ka guutame te’ee ittuma akka guddatuuf hin daadimadha. Waan irra caalu qorattanee akka beettanuu fi yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu qulliyye’ee fi komii malee akka dhaggantanuuf ani tana godha. Akka kanaan jiruun teessan midhaan balchumma’aa, ka Yesuus Kiristoosiin dhaggamuun ta guutante teetee, ka ulfinnaa fi galata Waaqaaf dhaggisiittanu hin teetan.
Seerri duudiin Jecha, «Akkuma ifi jaalattu nama jaaladhu!» jedhuun wolitti qabama.
Goottaan gadhaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara ciniinnatee ossiisa Kiristoosii isin qajeelchuu ti.
Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha’a.
Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha’a.
Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha’a.
Expressões de amor
O amor há de ser eterno como o grande Rei. Como a esmeralda reluz, assim brilha o amor que vem de Deus.
Jibbi lola kaasa;
jaalalli ammoo yakkaa mara golla.
Mararti’ii fi addatamummaa ijjumaa hin lakkisin;
morma keetitti hidhadhu;
gadhaa keeti keessatti qabadhu.
Achiin duuba ati Waaqaa fi nama duratti
fudhatamaa fi maqaa dansaa hin dhaggatta.
Bisaan guddaan
ibidda jaalalaa dhaanfuu hin dande’u;
lolaan haree hin dande’u.
Nami tokko qabeenna mana ifii mara
jaalalaaf yoo kenne,
ijjumaa hin tuffatama.
Obboleeyyan Waajibitti’ii
Faaruu Galataa
Mootiin Waan Maraa
dansaa waan te’eef,
isa galateeffadha’a;
jaalalli isa ka bara baraa ti.
Ani waan si addadhuuf,
ganama ganama bari’iin
jaalala keeti ka bara baraa natti lallabi.
Lubbuun tiyya gara keeti waan yaadduuf,
karaa ani irra deemu’uu male na barsiisi.
Isin worri isaaf woyyoontane marti,
Mootii Waan Maraa jaaladha’a.
Mootiin Waan Maraa worra addatamaa hin eega;
worra kooru ammoo ijjumaa hin adaba.
Ati na duratti gatii guddo’oo fi
ulfinna waan qadduuf,
ani waan si jaaladhuufille addee teeti kolbaa,
addee lubbuu teetii gosa biyya adda hin kenna.
Isin ammoo diinota keessan jaaladha’a, waan dansaalle isaaniif godha’a. Nu’uuf deebisan jettanee adoo hin yaadin liqeessa’a. Tana yoo gootane gatii guddoo hin dhaggattan, ijoollee Waaqa Ol Aana’aalle hin teetan. Inni worra galata hin qannee fi dabaaleyyi’iifille arja’a.