Pular para o conteúdo
Publicidade

Aniversário de idoso

Por Bíblia Online

O aniversário de um idoso é celebração de uma vida longa e cheia de experiências com Deus. A Bíblia honra os cabelos brancos como coroa de glória e prova da fidelidade divina.

Rakkoo Hedduu Keessaa Waan Baaseef Galata Waaqaaf Dhikaatu

Mootiin Waan Maraa dansaa waan te’eef,

inni haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf,

isa galateeffadha’a.

Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana;

itti gammannee firinxiindhuu ti.

Leellisa Mootii Waan Maraatiif Dhikaatu

Daawiti akka maraata’aa te’ee, Abiimelek dura waan dhikaateef, Abiimelek isa ariinaan, yennaa achii deeme faaruu Daawiti faarfate.

Ani yennaa mara Mootii Waan Maraa hin leellisa;

isa saadiisille yennaa mara afaan kiyyaa hin bu’u.

Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya;

wontee tiyyalle’e;

ani isatti addadha.

Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef,

ani faaru’uun isa hin galateessa.

Gammada worri dhibiin

midhaanii fi woynii ifii irraa dhaggatu caalaa,

ati na gammachiitteerta.

Ati daandii jiru’uu natti hin mudhitta;

gammadi guutuun fuula keeti dura,

wonni haga bara baraa nama gammachiisu

harka keeti middicha keessa jira.

Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha;

isiille dhaggatuu barbaada:

bara jiruu tiyyaa mara

mana Mootii Waan Maraa keessa akka le’u,

dansummaa isaa akka dhaggu,

Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti

akka isa barbaadadhu.

Qaroolee akka teenu,

barri jiruu teennaa

gabaabaa akka te’e akka beennu nu barsiisi.

Arriin kallacha ulfinnaa ti;

isiin jiruu balchumma’aatiin dhagganti.

Ulfinni dargaggootaa jabeenna isaanii ti;

ulfinni maanguddootaalle arrii isaanii ti.

Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,

hunna ifii hin haareffatan.

Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;

hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.

«Amma kunoo, Waaqi akkuma woggaa afurtamii shaniin dura Israa’elooti goomolee keessa deemiisatti adoo jiranuu Muuse’etti dubbate eegee na jiraachiseera. Amma ani nama woggaa saddeettamii shanii ti. Ani akkuma gaafa Muuseen na erge sanii jaba’a. Ani adhalle loliisaaf, bayiisaa fi galiisaafille akkuma durii jaba’a.

« Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu!

« Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu!

« Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!jedhiin.

Jaala kiyya! Akkuma lubbuun teeti tolte, akka fayyaa teetuu fi wonni maraa si’iif tolu hin daadimadha.

Seja o primeiro