Publicidade

Anjos

Por Bíblia Online

Os anjos são seres celestiais criados por Deus para servir, adorar e executar seus propósitos. A Bíblia revela anjos mensageiros, guerreiros e protetores ao longo de toda a história redentora.

Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju’uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin.

Ergamaan Gootta’aa ammoo dubartootaan, «Hin sodaatina’a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka. Inni as hin jiru; akkuma duraan dubbate du’aa ka’eera. Addee reeffi isaa keyame kowa’aa ilaala’a.

Ani Abbaa kiyya yoo gaafadhe, Inni yoosuma ergantoota duula kudhanii lama caalu naa erguu hin dande’u sitti fakkaataa?

Ergantichi Waaqaa isi’iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan.

Ergantichi Waaqaa ammoo, «Hin sodaatina’a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessiisaaf dhufe.

«Ulfinni ol-gubba’atti Waaqaaf te’u, lafalle’etti worra inni jaalatuuf nageenni te’u» jedhanee Waaqaa galateeffatane.

Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi’u ergantooti Waaqaa hin gammadan» jedhe.

Isa ol bayiisatti jiru, ila hin caffatin adoo ilaaliisatti jiranuu, namooti lamaan ka woyaa adii uffataneeranu cinaa isaanii dhaabbatanee, «Isin namoota Galiila’aa, maaf asi dhaabbatanee gara gubba’aa ilaaltan? Yesuusiin isin duraa gara ol-gubba’aa fudhatame kun, gara ol-gubba’aa bayaaruun akkuma dhaggitane akkanuma deebi’ee hin dhufa» jedhane.

Tajaajila Waaqa Gammachiisu

Yennaa mara akka obboleeyyanii wol jaaladha’a! Keessummaa fudhattanee keessummeessiisa hin dedhina’a; sababille akkas godhiisaan namooti gariin adoo hin beekin ergantoota Waaqaa fudhatanee keessummeessaneeran.

Jaalala Dhugicha

Afaan namootaatii fi ergantoota Waaqaatille’een dubbadhee, jaalala qabaachuu yoo dhabe, ani akka bilbila iyyuu yookiin akka sibiila qilillisuu ti.

Dhossaan dhugeeffannaa teennaa mama tokko malee guddo’oo; tanaaf,

«Inni foon uffatee mudhateera;

dhugaa akka te’e Ayyaanaan mirkaneeffameera.

Ergantoota Waaqaatitti mudhateera;

kolbaa biyya lafaatiif lallabameera.

Biyya lafaa duudi’itti dhugeeffatameera;

ulfinnaan gara ol-gubba’aa fudhatameera» jedhamee himameera.

Qoonqoo ajaja gudda’aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du’e, dursee hin ka’a; achiin duuba nuuti worri adoo hin du’in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta’aan wolde’iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena.

Nami injifatulle akkuma isaanii woyaa adii hin uffata; anille Abbaa kiyyaa fi ergantoota isaa duratti dhugaa hin bayaaf; maqaa isaalle kitaaba jiru’uu keessaa hin haqu.

Du’alle te’ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te’ee bulchitooti ol-gubba’aa, wonna amma jirulle te’ee wonni dhufu’uuf jiru, hunnootalle yoo te’e, wonna gubbaa jirulle te’ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te’e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande’ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-