Aprender
Aprender é vocação do discípulo. Jesus disse: aprendei de mim. A Bíblia convida a aprender com humildade, perseverança e disposição — sentados aos pés do Mestre.
Aprender de Jesus
Tomai sobre vós o meu jugo e aprendei de mim. O Espírito Santo nos ensinará todas as coisas e nos recordará tudo.
Waanjoo kiyya fuudha’aatii ba’adha’a, ana irralle’ee baradha’a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan. Waanjoon kiyya kaso’o, ba’aan tiyya sallo’o» jedhe.
Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema’aatii maqaa Abba’aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha’a. Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa’a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.
Jajjabeessaan Ayyaanni Woyyichi, ka Abbaan maqaa kiyyaan ergu, waan mara isin hin barsiisa; waan ani isinitti hime maralle isin hin qaabachiisa.
Yesuus deebisee, «Wonni ani barsiisu ka na erge biraa dhutte malee, barsiisa kiyyaa moti.
Ayyaanni isin Kiristoos irraa fudhattane ammoo isin keessa hin jiraata; inni waan isin barsiisuuf, eennulle akka isin barsiisuuf hin barbaachisu. Inni waan mara isin hin barsiisa; wonni inni barsiisulle dhuga’a, dharti keessa hin jirtu. Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi isin barsiisetti Kiristoosiin jiraadha’a!
Ensino e sabedoria
O temor do Senhor é o princípio do saber. A disciplina do Senhor forma o caráter e abre caminhos de entendimento.
Qarummaan jalqabaa,
Mootii Waan Maraa sodaatiisa;
gowwooleen ammoo,
qarumma’aa fi gorsa tuffatti.
Ilma kiyya, qajeelcha Mootii Waan Maraa hin tuffatin;
xixicha isaalle hin jibbin.
Abbaan ilma itti gammadu akkuma qajeelchu,
Mootiin Waan Maraalle nama jaalatu qajeelcha.
Ani karaa qarumma’aa si barsiiseera;
daandii qajeelaa irra
si sooresseera.
Nami qajeelfama jaalatu,
beekkumsa jaalatta;
nami xixicha jibbu ammoo gowwa’a.
Nami ijoollee ifii akkuma adabu, Mootiin Waan Maraa Waaqi keetille akka si adabu gadhaa keeti keessatti beeki.
Comunidade de aprendizado
Ensinem e aconselhem-se mutuamente. A igreja é escola de Cristo — onde todos ensinam e todos aprendem juntos.
Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a.
Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara’a.
Isaan guyyuma guyya’aan Galma Waaqaa keessaa fi mana kolba’aa keessatti, Oduu Gammadaa ta Yesuusii Masiihiicha te’ee, barsiisiisaa fi lallabiisa hin lakkinne.
Waan isiniif te’u mara adoo hin hamburin, wolde’aa fi mana keessan irra deemaa, lallabee akka barsiise isin hin beettan.
Waan na irraa barattane, waan na irraa fudhattane, waan na irraa dhageettanee fi waan ani hujuun dhaggitane maraa isinille tolcha’a! Waaqi abbaan nageyaa isin woliin hin jiraata.
Ati ammoo waan barnoota sirrii te’een wolii galu barsiisi.
Ouvir e praticar
Ensina-me a fazer a tua vontade. Guia-me pela tua verdade. O verdadeiro aprendiz pratica o que ouviu do Mestre.
Ati Waaqa kiyya waan teeteef,
fedhii teeti akka muummessu na barsiisi.
Ayyaanni keeti dansaan
daandii qajeelaa irra na sooressuu ti.
Ee Mootii Waan Maraa,
karaa keeti akka beeku na godhi;
daandii teeti na barsiisi.
Ati Waaqa fayyisaa kiyya waan teeteef,
dhugaa teetiin na sooressii, na barsiisi;
ani yennaa mara addii si godhadha.
Mootiin Waan Maraa dansa’aa fi
balchaa waan te’eef,
inni cubbaaleyyii daandii ifii barsiisa.
Inni worra gad ifi qabu haqaan sooressaa,
karaa ifiille isaan hin barsiisa.
Mootiin Waan Maraa,
«Ani karaa ati deemu’uu malte
si hubachiisee si barsiisa;
si gorsa; si toowadha.
Halkan lubbuun tiyya si dharraati;
ayyaanni kiyyalle si dharra’a;
yennaa ati lafatti murtu,
kolbaan biyya lafaa irra leetu
balchummaa hin baratti.