Arca de noé
A arca de Noé é história de salvação e fidelidade. Deus instruiu Noé a construir a arca para salvar sua família e os animais do dilúvio — exemplo supremo de obediência e fé.
Waaqi Nohiin, «Latti hunnaan wolitti ka’iisaan waan guutanteef, ani isaan mara lafa irraa balleessiisaaf murteeffadheera. Ati muka dansaa irraa hoboloo guddittii huji; keessa isi’iititti kolloo kolloo baasi! Keessaa fi duuballe’een leyyaa lafa keessaa dhaggamuun duuchi! Dheerinna isi’ii meetira dhibba tokkoo fi soddomii sad, badhinna isi’ii meetira diddamii lama, hojjaa meetira kudhanii sad godhi. Hoboloo guddittii san heellichoo itti godhi; heellichoo oddu’utti saantimeetira afurtamii afur addee duwwaa lakkisi; cinaa irratti balbala godhi. Hoboloo san hojjaa isi’ii jala, jiddu’uu fi gubbaa tolchii addee saditti gargar qoodi!
Mootiin Waan Maraa Nohiin, «Dhaloota kana keessaa ati callaan balchaa akka teete waan dhaggeef, atii fi maatiin teeti gara hoboloo guddittii tanaa seena’a.
Bisaan badi’ii jalaa bayiisaaf Nohii fi niitiin isaa, ilmaan isaatii fi niitoleen isaanii gara hoboloo gudditti’ii seenane. Hori’ii fi bineensi qulqulluu te’anee fi qulqulluu hin te’in, sinbirrootille, wonni lafa irra lowulle martinuu, lama lama, kormaa fi dhalaan, akka Waaqi ajajetti, gara Nohii dhufanee woliin hoboloo guddittii san seenane. Guyyaa torbaan duuba bisaan badi’ii dhufe.
Worri seenanelle, akkuma Waaqi isa ajajetti, kormaa fi dhalaa dada maraatiiyyu; achiin duuba Waaqi balbala hobolo’oo itti cufe.
Bisaan badi’ii guyyaa afurtama lafa irratti roobuma roobee, lafa irra guutee, hoboloon lafa irraa ol kaate. Bisaan lafa irraa guddoo ol ka’ee, hoboloon guddittiin sun bisaan irra deente.
Waaqi waan dadamee lafa irra le’u, nama, horii, waan lafa irra lowanuu fi sinbirroota haxowee balleesse; isaan lafa irraa haxowamanee badane. Nohii fi waan isa woliin hoboloo guddittii keessa jiru qofattuu hafe.
bisaan laana laana gad dhidhatuu jalqabe. Guyyaa dhibbaa fi shantamaan duuba lafa irraa dhidhate. Hoboloon guddittiin sun ji’a torbeesso’oo keessa, guyyaa kudhanii torbeesso’oo, gaara Araaraatii gubbaa dhuttee teette.
Guyyaa afurtamaan duuba Nohi qowa hobolo’otti baaseeru san banee, harraaqessa erge; harraaqessi sun haga bisaan lafa irraa gogutti asii fi achi ka’aa ture. Achiin duuba Nohi bisaan lafa irraa akka gad dhidhate ilaaliisaaf saphaliisa erge. Ammoo bisaan ammalle lafa duudii irra waan jiruuf, addee itti tee’u dhabee, gara hoboloo guddittii sanii deebi’ee gara isaa dhufe; inni harka ifii gad baasee qabee, hoboloo guddittii sanitti ol seensise. Guyyaa torba tureen duuba, ammalle saphaliisa hoboloo guddittii keessaa erge. Saphaliisi sun kichuu baala ejersaa afaan ifiititti qabatee, galgaluma san deebi’ee gara isaa dhufe. Akka kanaan Nohi akka bisaan lafa irraa gad dhidhateeru beeke. Achiin duuba Nohi guyyaa torba dhibii turee, saphaliisa erge; saphaliisi eega san gara isaa hin deebine.
Nohi dhalatee woggaa dhibba jaa fi tokkeesso’otti, ji’a tokkeesso’oo keessa, guyyaa tokkeesso’oo, bisaan lafa irraa goge; Nohille heellichoo Hoboloo gudditti’ii irraa kaasee, ilaale; irri lafaalle akka gogeeru dhagge.
Achiin duuba Waaqi, Nohiin, «Niitii teeti, ijoollee teetii fi niitii ijoollee teetii woliin hoboloo keessaa bayi. Dadi lubbuu qabanu ka si woliin jiranu martinuu sinbirrooti, horiin, bineensoti, worri lafa irra lowanu martinuu, lafa irratti horanee akka heddatanu, si woliin akka bayanu godhi» jedhe.
Achiin duuba Waaqi Nohii fi ilmaan isaa ta isa woliin jirtuun, «Kunoo ani isinii fi sanyii teessan worra isiniin duubaa woliin gondooroo tiyya hin gondoora; akkasuma dada lubbuu qabu ka isin woliin jiru mara, sinbirroota mara, horii mara, bineensota mara, waan isin woliin hoboloo guddittii san keessaa bayane mara woliin gondooroo tiyya hin gondoora. Ani ijjumaa dada lubbuu qabu bisaan badi’iitiin lafa irraa deebi’ee akka hin balleessineef, bisaan badi’ii ijjumaa deebi’ee lafa akka hin balleessine, ani isin woliin gondooroo tiyya hin gondoora.
ani hiituu tiyya duumensa keessa keya; hiituun tunille beessisa Gondooroo anaa fi biyyaa lafaa oddu’utti te’e hin teeti.
Nohi marroo waan ilaan hin dhagginee yennaa Waaqi ifi eeggachiise, Waaqa sodaatee maatii ifii fayyisiisaaf hoboloo guddittii dhugeeffanna’aan huje. Sababa dhugeeffannaa isaatiif biyya lafaatitti yakkaan murante; innille balchummaa dhugeeffanna’aan dhaggantu dhaale.
Ayyaanoti mana hidha’aa keessa jiranu sun, bara Nohi hoboloo guddittii ijaarrate adoo Waaqi ossataan isaan eegiisatti jiruu worra ajajama didane. Worri bisaan badi’ii irraa hafe, nama saddeet ka hoboloo guddittii keessa seene qofa. Bisaan kun fakkeenna cuuphama amma isin fayyisuu ti; cuuphami kunille xurii nafaa dhiqatiisa adoo hin te’in, gaaffii wodanaa qullicha dhaggatiisaaf gara Waaqaa dhikaattu. Innille karaa du’aa fi ka’a Yesuus Kiristoosiitiin isin fayyisa. Kiristoos amma gara ol gubba’aa dhaqee maddii midda Waaqa Abba’aatitti tee’eera; ergantooti Waaqaa, worri baallii qabuu fi hunnooti, baallii isaa jala jiran.
Akkuma bara Nohiititti te’e, dhufi Ilma Namaalle akkasuma hin te’a. Bara san bisaan badi’iitiin dura, haga Nohi hoboloo guddittii seenetti, namooti nyaataa, unaa, fuudhaa, heerumaalle turane; haga bisaan badi’ii dhufee mara isaanii haree deemetti isaan womaa hin beenne. Maarre dhufiis Ilma Namaalle akkasuma hin te’a. Yennaa san nami lamaan fichaa keessa hin hujata; tokkochi hin fudhatama, tokkochi hin hafa. Dubartooti lamaan woliin daakuu daakan; takkattiin hin fudhatanti, takkattiin hin hatti.