Arrependimento
O arrependimento é a porta da graça. A Bíblia declara que Deus não deseja a morte do ímpio, mas que se converta e viva. Arrependei-vos, pois o Reino dos Céus está próximo.
Chamado ao arrependimento
Arrependei-vos, porque o Reino dos Céus está próximo. Quem se arrepende e confessa encontra restauração e perdão.
Yennaa sanii jalqabee Yesuus, «Mootummaan Waaqaa waan dhikaatteef, cubbuu teessan irraa deebi’a’a!» jedhee lallabiisa jalqabe.
Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha’a.
Dhaqa’aatii Barreeffama, ‹Ani marartii barbaada malee ciinca’aa moti› jedhu hiikkaan maan akka te’e qorqora’aatii hubadha’a. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf dhufe malee, balchoota waamiisaaf moti» jedhe.
Inni, «Barri muummaweera, mootummaan waaqaa dhikaatteerti, cubbuu irraa deebi’aatii Oduu Gammadaatitti dhugeeffadha’a!» jedhe.
Waawwoo! Ani isinitti hima, isin martinuu yoo cubbuu teessan irraa deebi’uu dhaddane, akkuma isaanii hin baddan.
Ani cubbaaleyyii gara cubbuu irraa deebi’iisaa waamiisaaf malee, balchootaaf hin dhunne» isaaniin jedhe.
Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama’a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan.
Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi’aatii, gara Waaqaa dacha’a’a.
Bara durii waan kolbaan wollaalchaan goote, Waaqi itti hin laakkonne; amma ammoo kolbaan addee mara jirtu duudiin, akka cubbuu irraa deebitu ajaja.
A graça do arrependimento
Os que eu amo, eu repreendo e disciplino. Arrepende-te! Deus não quer que nenhum se perca — mas que todos cheguem ao arrependimento.
Ani worra jaaladhu duudii hin xixa, hin adaballe’e. Tanaaf jabaadhu, cubbuu irralle’ee deebi’i.
Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi’uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.
Ani du’a namaatitti waan hin gammanneef, cubbuu irraa deebi’a’aatii jiru’uun jiraadha’a› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
kolbaan tiyya ta maqaa kiyyaan waammantu yoo gad ifi qaddee, daadimattee fuula kiyyaa yoo barbaaddee, karaa ifii hamaa irraa yoo deebite, ani ol-gubbaa irraa isaaniif hin dhage’a; cubbuu isaaniille isaaniif araaramee, lafa isaanii hin fayyisa.
Hisqiyaas kolbaa Israa’eliitii fi Yihuda’aa maratti ergee, gosa Efreemiitii fi Minaase’eetitti xalayaa barreessee, gara Galma Mootii Waan Maraa ka Yerusaalem keessaa dhufanee Jila Irra Dabaramaa ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa’elii akka jilifatanuuf waame. Mootichii fi qondaaltoti isaa, gumiin Yerusaalemii marti Jila Irra Dabaramaa ji’a lammeesso’oo keessa jilifatiisaaf wolii galane. Laakkossi hayyoota ifi woyyoonsanee guutuu waan hin te’iniif, kolbaalle Yerusaalemitti wolitti waan hin qabaminiif jila yenna’atti jilifatiisaaf hin dandeenne. Mootichii fi gumiin marti karoora kanatti wolii galane. Tanaan dura jila Irra Dabaramaa tana akka barreeffantetti bacatanee jilifatanee waan hin beenneef, lafa Israa’elii mara keessaa, Bersheeba’aa jalqabanee haga Daaniititti lassii lassanee, namooti marti gara Yerusaalemii dhufanee, Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa Waaqa Israa’elii akka jilifatanu murteeffatane. Worri ergame xalayaa mootichaatii fi xalayaa qondaaltota isaa qabatanee, akkuma mootichi ajajetti, lafa Israa’eliitii fi Yihuda’aa mara keessa deemane.
Xalayaan sun: «Ee kolbaa Israa’elii, gara Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa’elii deebi’a’a; innille gara keessan gara worra lubbu’uun hafee harka mootota Asoorii jalaa bayee hin deebi’a. Isin akka abbootii teessan ta duriitii fi akka gosa teessan worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif hin addatannee hin te’ina’a; inni akkuma isin dhaggitanu waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan godhe. Isin Mootii Waan Maraatiif ajajama’a malee akkuma abbootii teessanii ta durii mataa hin jabaatina’a! Gara addee woyyittii inni haga bara baraa woyyoonsee kowa’a! Aariin isaa ta bobeettu sun isin irraa akka deebitu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan tajaajila’a! Isin gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arja’aa fi mararaa waan te’eef, worri fira keessanii fi ijoollee teessan booji’e gadhaa laafee akka isaan gara biyya ifii deebi’anu hin godhan. Isin gara isaa yoo deebitane innille fuula ifii isin irraa hin deebifatu» jedha.
Worri ergame sun biyya Efreemiitii fi Minaase’ee keessa qachaa kaan irraa gara qachaa kaanii dhaqanee haga biyya Zebuloonii deemane; kolbaan biyya sanii ammoo tuffi’ii fi murgo’oon itti kollane. Te’uu malee gosa Asheerii, gosa Minaase’eetii fi Zebuloonii keessaa gariin gad ifi qabanee gara Yerusaalemii dhufane. Biyya Yihuda’aa keessalle’etti kolbaan waan Mootichii fi qondaaltoti akka jecha Mootii Waan Maraatitti isaan ajajane gadhaa tokkochaan akka muummessanu Waaqi isaan qarqaare.
Ji’a lammeesso’ootitti jila daabboo uukoo hin qannee jilifatiisaaf kolbaan bacaan Yerusaalem keessatti wolitti qabante. Isaan addee ciinca’aatii fi addee hixaana irratti aarsanu ta waaqota ormaa Yerusaalem keessaa bubuqqisanee, dhooqa Qedroonii keessatti gatane. Isaan ji’a lammeesso’oo guyyaa kudhanii arfeesso’ootitti buruusota hoole’ee Jila Irra Dabaramaatiif qalane; hayyootii fi Lewwooti waan ifi hin woyyoonsiniif qaanowanee, ifi woyyoonsaneen duuba Galma Mootii Waan Maraa keessatti kennansa gubamu dhikeessane. Achiin duuba isaan akkuma seera Muusee nama Waaqaatitti addee addee ifii qabatane; hayyootille dhiiga harka Lewwootaatii fuutee fiffixxe. Kolbaa san keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna’aatitti qulqulluu waan hin te’iniif, Lewwooti worra ifi hin woyyoonsin saniif buruusota hoole’ee Jila Irra Dabaramaatiif qalanee Mootii Waan Maraa duratti isaan woyyoonsane. Ammalle, gosa Efreemii, gosa Minaase’ee, gosa Yisaakoriitii fi Zebuloonii keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna’aatitti adoo ifi hin qulqulleessin foon buruusota hoolee Jila Irra Dabaramaa nyaatane; Hisqiyaasiin mootichi isaaniif daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa akkuma arjummaa teetiititti ati isaaniif araaram! Akka aadaa dhugeeffanna’aatitti isaan qulqullummaa dhabanulle, worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif ajajamu maraaf araaram!» jedhe. Mootiin Waan Maraa daadimata Hisqiyaasii dhage’e; inni kolbaa san fayyise; miidhaa tokkolle isaan gubbaa hin geessinne. Lewwootii fi hayyooti meya faaru’uutiin bookarfamaa, guyyuma guyya’aan Mootii Waan Maraa leellifataa, gammada gudda’aan faarfataa, kolbaan Israa’elii ta Yerusaalemitti dhaggante guyyaa torba jila daabboo uukoo hin qannee jilifatane. Hisqiyaasille Lewwoota waaqonfannaa Mootii Waan Maraa sooressiisaan dandeettii guddoo mudhisane leellise; maarre kolbaan guyyaa torba qooda ifii nyaataa, kennansa tokkumma’aa dhikeessaa, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii galateeffatte. Achiin duuba gumiin marti guyyaa itti aanu torba jila jilifatiisaaf wolii galane. Maarre guyyaa dhibii torba gammadaan jilifatane. Mootiin Yihuda’aa Hisqiyaas dardaroota kuma tokko, hoole’ee fi re’ee kuma torba gumii saniif kenne; qondaaltotille dardaroota kuma tokko, hoole’ee fi re’e’ee kuma kudhan kennane; hayyooti bacaan akka aadaa dhugeeffanna’aatitti ifi woyyoonsane. Gumiin Yihuda’aa marti, hayyootii fi Lewwooti, kolbaan worri Israa’el keessaa dhufane marti, worri alagaan ka Israa’el keessa qubataneeranuu fi Yihudaa keessa qubataneeranu marti gammadane. Bara ilmi Daawitii Solomoon biyya Israa’elii duudii irratti mootii te’ee irraa jalqabee haga ammaatitti jilti akkanaa Yerusaalem keessatti jilifantee waan hin beenneef, qachaa Yerusaalemii keessatti gammad guddaan te’e. Hayyootii fi Lewwooti ka’anee kolbaan akka eebbifantu daadimatane. Waaqille addee woyyittii ifii ta ol-gubba’aa irraa daadimata isaanii dhage’e.
Gadda keessan mudhisiisaaf,
woyaa teessan tarsaasiis hin gewu;
Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arjaa, mararaa,
mufi’iif ka hin ariifanne, ka jaalala bara baraa guddaa qabu,
adabiisaafille ka hin ariifanne, waan te’eef,
gara isaa deebi’a’a!
Bara Daariyos mootii te’ee woggaa lammeesso’oo, ji’a saddeetesso’ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii raagicha ilma Baraakiyaa akaakoo Iddoo dhufee, «Mootiin Waan Maraa, abbootii teessanitti guddoo aareeraayyu. Tanaaf, ati isaaniin, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Gara kiyya deebi’a’a!» jedha Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade; Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Anille gara keessan hin deebi’a» jedha› jedhiin. Isin akka abbootii teessan ta durii, ta raagoti durii, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Karaa keessan hamaa irraa, hujii teessan hantuu irralle’ee deebi’a’a!» jedha› jedhanee adoo isaanitti himanuu, na dhage’iisa yookiin naaf ajajamiisa dhabane sanii hin ite’ina’a! Tana ana Mootii Waan Maraatittuu dubbate. Abbootiin teessan amma eessa jiran? Raagoti bara baraan hin le’anii ree? Dubbii tiyyaa fi qajeelcha kiyya ka ani karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin ajaje eegatuu dhabiisaan ammoo, adabamanee hin jiranuu ree? Tanaaf isaan cubbuu ifii irraa deebi’anee, ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, akkuma murteessetti akka huji’ii fi ideensa keennaatitti nutti mure› jedhane» jedhe.
Daariyos mootii te’ee woggaa lammeesso’oo, ji’a kudha tokkeessoo ka «Shebaax» jedhamutti, guyyaa diddamii arfeesso’ootitti jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii raagicha ilma Baraakiyaa Iddoo dhufe. Ani Zakaariyaas halkan san mudhi’iin nama farda arrowa irra tee’eeru tokko dhagge; inni mukoota dakkaraa odduu, dhooqa keessa dhaabbateera; duuba isaatille’een fardi arroonni, fardi boorrii fi fardi adiin jiraniiyyu. Anille, «Ee goottaa kiyya, fardoon tun maan?» jedhee gaafadhe.
Inni deebisee, «Isaan maan akka te’ane ani si’itti hin mudhisa» jedhe. Maarre namichi mukoota dakkaraa odduu dhaabbateeru sun deebisee, «Isaan worra Mootiin Waan Maraa lafa qorqoriisaaf ergeeru» jedhe. Isaanille ergamaa Mootii Waan Maraa ka mukoota dakkaraa odduu dhaabbateeru saniin, «Nuuti lafa duudii qorqorreerra; latti duudiin nageya» jedhane.
Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa waan mara Dadde! Ati qachaa Yerusaalemiitii fi Yihuda’aa ka woggaa torbaatama itti mufatte kana, ka hin mararre haga yoomiiti ree?» jedhe.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, ergamaa na woliin dubbatiisatti jiru sanitti, dubbii gammachiittuu fi jajjabeessitu deebise. Tanaaf ergamaan na woliin dubbatiisatti jiru sun anaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif guddoo hinaafeera; ani kolbaa tiyyatti diqqoo aareeraayyu; gosi biyya adda addaa worri nageyaan le’a ifi seyu ammoo, ittuma dabalee hantuu waan hujjeef, guddoo itti aareera. Tanaaf ani mararti’iin gara qachaa Yerusaalemii hin deebi’a; manni kiyyalle deebi’ee hin ijaarrama; wodaroon miki’ii Yerusaalem ijaariisaaf hin diriirfama; waan kana ana Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadetti dubbate› jedhii lallabi» jedhe.
Ammalle ergamaan, anaan, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Qachooti kiyya waan dansa’aan deebi’anee hin guutaman; Mootiin Waan Maraa ammalle Xiyoon hin jajjabeessa; Yerusaalemille hin fooyata› jedhii lallabi» jedhe.
Ani ol ilaalee gaafota afur dhagge. Ergamaa na woliin dubbate saniin, «Gaafoti kun maan?» jedhee gaafadhe.
Innille deebisee, «Gaafoti kun kolbaan Yihuda’aa, kolbaan Israa’eliitii fi Yerusaalemii akka bittinnowanu ka godhe» anaan jedhe.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa namoota sibiila tumanu afur natti mudhise. Anille, «Isaan maan godhiisaaf dhufane?» jedhee gaafadhe.
Innille deebisee, «Isaan, kolbaa biyya adda addaa ta lafa Yihuda’aa ijjumaa balleessitee, kolbaa isi’iille bittinneessitee, bararassiisaa fi jissiisaaf dhufane» jedhe.
Nami cubbuu ifii dhoffatu,
hin milkowu;
nami cubbuu ifii faaci’atuu fi ka isii lakkisu ammoo
marartii hin dhaggata.
Isin xixicha kiyya yoo dhageettane,
ani silaa waan gadhaa kiyya keessa jiru,
yaada kiyya akka beettanu hin godhaayyu.
Confissão e restauração
Se confessarmos, Ele é fiel e justo. Há alegria no céu por um pecador que se arrepende — o arrependimento abre o caminho da vida.
Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.
Ani isinitti hima, akkuma kana, balchoota sagaltamii sagali ka cubbuu irraa deebi’iisi hin barbaachinne caalaa, cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yoo deebi’e ol gubba’atti gammadi guddaan hin te’a» jedhe.
Ani isinitti hima; akkuma kana cubbichi tokko cubbuu ifii irraa yennaa deebi’u ergantooti Waaqaa hin gammadan» jedhe.
Gara Waaqaa dhikaadha’a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha’a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha’a.