Autocontrole
O autocontrole é fruto do Espírito e virtude indispensável. A graça de Deus nos ensina a renunciar à impiedade e a viver com sobriedade, domínio próprio e piedade no mundo presente.
Fruto e virtude
O domínio próprio é fruto do Espírito. Acrescentai ao conhecimento o autocontrole. A disciplina interior produz maturidade.
Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama, qajeelumma'aa fi ifi qabatiisa. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru.
Sababa kanaaf, dhugeeffannaa irratti dansummaan akka dabalantu, dansummaa irratti beekkumsa, beekkumsa irratti ifi qabatiisa, ifi qabatiisa irratti ciniinnatanee ossiisa, ciniinnatanee ossiisa irratti nama Waaqaa te'iisa, nama Waaqaa te'iisa irratti, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa irratti jaalala nama maraa qabaadha'a.
Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera. Badhaadhi kun cubbu'uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa.
Ayyaanni Waaqi nu'uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu'uuti malee, Ayyaana soda'aatii moti.
Worra dhibi'iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggommi'iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka naaf ajajamu godha.
Worri doggommo'oof qophowu mara leenjii jadduu leenji'a. Isaan badhaasa taree badu dhaggatiisaaf kana godhan; nuuti ammoo badhaasa bara baraa akka dhaggannuuf tana goona.
Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te'eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.
Dominar a si mesmo
Melhor é quem domina o seu espírito do que quem toma uma cidade. A cidade sem muros é quem não tem autocontrole.
Nama hunnaamessaa mannaa,
nama ossataa woyya;
nama hunnaan qachaa tokko qabatuu mannaa,
nama ifi qabatu woyya.
Nami ifi qabatiisa hin dandeenne,
akka qachaa guddicha dalleenni dhaka'aa irraa jigee ti.
Nami gowwaan yaada aarii ifii mara dubbata;
nami qaroon ammoo ossaan ifi qabataa dubbata.
Gara middaa yookiin gara bita'aa hin gorin;
miila keeti waan hantuu irraa eegadhu.
Aariin nama gowwa'aa yoosuma beekkanti;
nami qalbeeffataan ammoo
arraba tuffatee lakkisa.
Arrabi hunna du'aa fi jiru'uu qaba;
worri isa jaalatu bu'aa isaa hin nyaata.
Fedhiin Waaqaa dansitti'ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina'a.
Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, tana hubatuu qaddan! Nami martinuu dhage'iisaaf ka ariifate, dubbatiisaa fi aariisaaf ka hin ariifanne te'uu ti;
Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te'in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te'ane, irree ayyaana hamaalessa ol-gubba'aatiin mormiisa.
Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuutii malee, akka worra dhibi'ii me rannuu ti.
«Ani ila halcha'aatiin gara durraa akka hin ilaalle
ila tiyya woliin gondooroo gondooradheera.
Gatii guutuu akka dhaggattanu malee, gatii waan hujjanee akka hin dhanne ifi eeggadha'a!