Publicidade

Beleza

Por Bíblia Online

A verdadeira beleza vem de dentro. A Bíblia ensina que o encanto é enganoso e a formosura é vã, mas a mulher que teme ao Senhor — essa sim merece louvor.

Miidhagiis nama soba;

dansummaan hin baddi;

dubartiin Mootii Waan Maraa sodaattu ammoo hin leellifanti.

Shaggummaan teessan waan alaan mudhatuun mataa dhowatiisaan, worqii naqatiisaan, yookiin woyaa gatii guddo’oo uffatiisaan ifi seefatiisaan hin te’in. Ammoo shaggummaan teessan, ka ayyaanni qajeela’aa fi sirnaamessi Waaqa duratti gatiin isaa guddaa te’e keessa jiru, ka yennaa mara hin banne, seefata keessa nafa keessanii te’uu ti.

Mootiin Waan Maraa ammoo Saamu’eliin, «Ani waan isa tuffadheef bifa isaa yookiin dheerinna hojjaa isaa hin ilaalin; Mootiin Waan Maraa akka nami ilaalu hin ilaalu; nami fuula ilaala; Mootiin Waan Maraa ammoo qalbii ilaala» jedhe.

Dubartootille mataa shoobaa dhowattee, yookiin worqi’iin yookiin dooqaan seefatiisa, yookiin woyaa gatii guddo’oo uffatiisa adoo hin te’in, ifi qabattee woyaa isi’iif malte akka uffattu barbaada. Dubartooti Waaqa waaqonfanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa’aan ifi seefattuuti.

Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;

gadaamessa haadha tiyyaa keessatti

sittuu na dade.

Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,

ani si leellisa;

hujiin teeti waan maade’ee ti;

anille tana miidhassee beeka.

Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti’i!

Womaa dhidhinna hin qaddu.

Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade.

Nuuti hujii harka isaa waan teeneef, hujii inni duraan dursee qopheesse akka hunyuuf, Waaqi karaa Kiristoos Yesuusiitiin hujii dansa’aaf nu dade.

Ulfinna Yerusaalemii Ka Gara Duraa

Ee Yerusaalem, ifi keeti waan dhufeef, ka’ii issi!

Ulfinni Mootii Waan Maraalle si irratti ifeera.

Marri hin qoora;

daraaraalle hin harca’a;

jechi Waaqa keennaa ammoo,

haga bara baraa jabaatee le’a» jette.

Dhugeeffanna’aan Jiraatuu

Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba’aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya’aan hin haareffama.

«Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina’a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu?

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-