Publicidade

Bem

Por Bíblia Online

Fazer o bem é mandamento de Deus e expressão prática do amor cristão. A Bíblia convida a praticar o bem a todos, com alegria, sem se cansar — porque colheremos no tempo próprio.

Waan hantuu irraa fagaadhuutii,

waan dansaa godhi;

nageya barbaadiitii,

gula deemi.

Mootii Waan Maraatitti addadhuu waan dansaa godhi;

biyya keessa nageyaan le’i.

Lafa worra jiraata’aa keessatti

dansummaa Mootii Waan Maraa

akka dhaggu hin addadha.

Ee Mootii Waan Maraa,

marartii teetii guddo’oo fi

jaalala keeti ka bara baraa,

ka durii jalqaddee mudhitte yaadadhu.

Ee Mootii Waan Maraa, ati dansaa waan teeteef,

akka jaalala keeti ka bara baraatitti

naa yaadadhu malee,

cubbuu dargaggummaa tiyyaa

yookiin yakkaa tiyya hin yaadatin.

Mootiin Waan Maraa

karaa hujii ifii maraan balcha’a;

waan huju maraan addatama’a.

Achiin duuba ati balchumma’aa fi haqa,

waan dhugaa te’ee fi daandii dansaa mara hin hubatta.

Wonni nami barbaadu jaalala bara baraa ti;

dharaamessa te’iisaa mannaa,

hiyyeessa te’uu woyya.

Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama, qajeelumma’aa fi ifi qabatiisa. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru.

Maarre yennaa daguu dhagganne maratti, nama maraaf, keessattuu worra dhugeeffannaa keessa jiruuf, waan dansaa goonuu ti.

Dubbii bu’aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage’uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin.

Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.

Jaalalli keessan dhugaamessa te’uu ti. Waan hantuu jibba’a; waan dansaa jabeessa’aa qabadha’a;

Hantuu dansa’aan injifadhu malee, hantuun si hin injifatin.

«Wonni marti eeyyatanteerti» jedhama, ammoo wonni marti bu’aa hin qaddu. Wonni marti eeyyatanteerti; wonni marti ammoo hin jabeessitu.

Hin gowwoomina’a. «Hari’aan badduun amala dansaa balleessiti».

Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa’aafille ka geyee hafu akka qaabattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande’a.

Dubartootille mataa shoobaa dhowattee, yookiin worqi’iin yookiin dooqaan seefatiisa, yookiin woyaa gatii guddo’oo uffatiisa adoo hin te’in, ifi qabattee woyaa isi’iif malte akka uffattu barbaada. Dubartooti Waaqa waaqonfanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa’aan ifi seefattuuti.

Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera.

Sababa kanaaf, dhugeeffannaa irratti dansummaan akka dabalantu, dansummaa irratti beekkumsa, beekkumsa irratti ifi qabatiisa, ifi qabatiisa irratti ciniinnatanee ossiisa, ciniinnatanee ossiisa irratti nama Waaqaa te’iisa, nama Waaqaa te’iisa irratti, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa irratti jaalala nama maraa qabaadha’a.

Waan dansaa godhiisaaf yoo hinaattane ka isin irratti hantuu huju eennu?

Israa’el Karaa Waaqaa didde

Mootiin Waan Maraa, «Qaxxaamura kara’aa irra dhaabbadha’aatii ilaala’a; daandii durii, karaa dansaa gaafadha’aatii irra ideema’a; lubbuu teessaniifille foora hin dhaggatan» jedhe.

Isin ammoo, «Nuuti isa irra hin ideennu» jettane.

Waaqi dansa’a;

yennaa rakkinnaa addee itti baqatanu.

Inni worra itti baqatu rakkinna irraa hin dhoogga;

Eennulle ifa issee, akka nama mana keessa jiru maraaf ifa kennu, waan ifi irra keyamu irra keya malee, gonbisoo jala hin keyu. Akkasuma akka kolbaan hujii dansaa teessan dhaggitee Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru ulfeessitu, ifi keessan nama duudii duratti ifuu ti» jedheen.

Abbaan keessan ka ol-gubbaaa ka namaaf mararu akka te’e, isinille namaaf marara’a.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-