Bom ânimo
Tende bom ânimo! Jesus repetiu estas palavras aos seus discípulos em meio às tempestades. No mundo tereis aflições, mas Ele já venceu o mundo — e nos dá coragem para enfrentar tudo.
Anaan nageenni akka isinii te’uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha’a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.
Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille’e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.
Iyaasuulle ajajjuu woraana ifiitiin, «Diinota keessan worra isin lolu’uuf jirtanu duudii Waaqi akkasuma waan godhuuf hin sodaatina’a; hin nayina’a, jabaadha’a jajjabaadha’a» jedheen.
Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!
Ani Waaqa keeti waan te’eef hin rifatin!
Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;
harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.
Ayyaanni Waaqi nu’uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu’uuti malee, Ayyaana soda’aatii moti.
Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande’a.
Isin worri Mootii Waan Maraatitti addii godhattanu marti,
jabaadha’a; jajjabaadha’a.
Yennaa ani si waame,
ati deebii naaf kennite;
ati na jabeessitee,
lubbuun tiyya hunna horatte.
Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
ani eennu sodaadha ree?
Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;
eentu na sodaachisa ree?
Yennuma san ammoo Yesuus, «Jabaadha’a! Wonni anaa, hin sodaatina’a!» jedhee dubbate.
Isaan maraa yennaa isa dhaggane bararaqane. Yesuus ammoo yennuma san, «Jabaadha’a! Wonni Ana; hin sodaatina’a!» isaaniin jedhe.
Yesuus isi’iin, «Intala tiyya dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe.
Nafa keenna ka lafa tanaatiin haga jirru, Goottaa irraa ka fagaanne akka teene yoo beennelle, yennaa maraa isatti addanna.
Guyyaa itti aanu, Solomoon ji’a torbeesso’oo keessa guyyaa diddamii sadeesso’ootitti kolbaan gara mana ifii akka galanu godhe. Isaan marroo waan dansaa Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif, Daawitii fi Solomooniif godhee gammadaa galane.
«Jabaadha’a! Jajjabaadha’a! Hunna guddoo isa woliin jirtu caalaa, ta nu woliin jirtu waan caaltuuf, mootii Asooriitii fi loltoota isa woliin jirtu bacaa tana sodaattanee hin nayina’a!
Ati bara rakko’oo keessa yoo raafante,
jabeenni keeti attam attam diqqa’a!
Tanaaf, jarana jabaadha’a! Akkuma inni natti hime akka teetu ani Waaqatti hin addadha.
Waaqi hujii dansaa isin keessatti jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi’ee dhufuutitti, akka muummessu ani mama hin qabu.
Amma yennaa gabaaddu’uuf haga ilaallatama gara garaatiin gadditanulle, marroo waan kanaa guddoo gammada’a.
Mootiin Waan Maraa balchoolee hin baasa;
yennaa rakkinnaa addeen isaan itti baqatanu isa.
Isin jajjabeessiisaaf, eebba Ayyaanaa isiniin geyiisaaf, ani isin dhaggiisaaf guddoo barbaadeera. Isin dhugeeffannaa tiyyaan anille dhugeeffannaa teessaniin, nuuti lamaanuu akka wol jajjabeessinu jechuu kiyya.
Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba’aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya’aan hin haareffama.
Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara’a.
Tanaaf obboleeyyan tiyya, rakkoo fi farra keenna maraa keessatti, sababa dhugeeffannaa teessaniitiif isiniin jajjabaanneerra.
Kolbaan deebittee, «Mootii Waan Maraa lakkinne waaqota dhibii ijjumaa hin waaqonfannu! Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, abbootii teennaa fi nu’u garbummaa biyya Gibxi’ii jalaa baaseera; bilbaasota inni godhelle dhaggineerra; kolbaa biyya adda addaa ta keessa dabarre duudii oddu’utti nageyaan nu eegeera.
Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.