Publicidade

A carne

Por Bíblia Online

A carne representa a natureza pecaminosa que milita contra o Espírito. A Bíblia ensina que os que pertencem a Cristo crucificaram a carne com suas paixões e desejos.

Carne versus Espírito

Os que são segundo a carne inclinam-se para as coisas da carne. O nascido da carne é carne; o nascido do Espírito é Espírito.

Worri akka fedha foonii le’u waan foonii, worri akka fedha Ayyaanaa le’u ammoo waan ayyaanticha yaadatan. Yaada fooniitiin mowamuun du’a fida; yaada Ayyaanaatiin mowamuun ammoo jiru’uu fi nageya kenna. Nami yaada fooniitiin mowamu diina Waaqaa ti; sababille inni Seera Waaqaatiif hin ajajamu; ajajamiisaafille hin dande’u. Worri yaada fooniitiif ajajamu Waaqa gammachiisuu hin dande’u.

Dhugumaan, Ayyaanni Waaqaa isin keessa waan jiruuf, isin akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha foonii hin leetanu. Nami Ayyaana Kiristoosii hin qannelle nama Kiristoosiitii moti.

Ayyaana Waaqaatiin Jiraachuu

Maarre worri Kiristoos Yesuusiin le’u, amma muraa yakka’aa jala hin jiru. Seerri Ayyaana Woyyichaa, ka jiruu kennu karaa Kiristoos Yesuusiitiin, seera cubbu’uutii fi du’aa jalaa na baaseera. Namummaan namaa dadhadduu waan teeteef, waan Seerri godhuu dadhabe, Waaqi godheera. Inni Ilma ifii ka namummaa teenna cubbaalettii fakkaatee, cubbuu haqiisaaf dhufe, ergiisaan cubbuu namummaa namaa keessa jirtutti yakkaa mure. Nu worra akka fedha foonii adoo hin te’in, akka fedha Ayyaanaa leenu keessatti, wonni Seerri nu irraa gaafatu balchichi akka muummowuuf, Waaqi tana godhe.

Yoo akka fedha foonii leetane, hin duutan; ammoo hunna Ayyaana Woyyichaatiin hujii fedha foonii yoo ijjeettane jiru’uun leetan. Worri Ayyaana Waaqaatiin sooreffamu mara ijoollee Waaqaa ti.

Maarre ani Seerri hujii irra ooluun dhagga; ani yennaa waan dansaa godhiisaa barbaadu, seerri namumma’aa akka ani hantuu qofa godhu na tolcha. Keessi kiyya Seera Waaqaatitti gammada. Te’uu malee seera dhibii ka nafa kiyya keessatti, seera qalbiin tiyya fudhatu woliin wol lolu dhagga. Seerri dhibiin na keessatti hujiisatti jiru sun, seera cubbu’uu ti; inni garba ifii na godhateera.

Yennaa nuuti akka yaada foonii leenu san, halchaan hantuun Seeraan nunnuffantu, akka nuuti du’aaf midhaan buunnu, qoqooda nafa keennaa keessatti hujiisatti jirtiiyyu.

Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana.

Ayyaanni Waaqaa jiruu kenna; hunni namaa womaa bu’aa hin qaddu. Jechi ani isinitti dubbadhe Ayyaana Waaqaa ti; jiruulle’e.

Vencer a carne

Andai no Espírito e não cumprireis os desejos da carne. Os que são de Cristo crucificaram a carne com suas paixões.

Hujii Ayyaanaatii Fi Hujii Foonii

Wonni ani jedhu tana: yoona Ayyaanaan sooreffamaa le’aa malee, halchaa foonii hin muummessina’a!

Hujiin foonii ta beekkante. Isiille: sagaagaluu, battummaa, baalagummaa, waaqota dharaa waaqonsuu, moruu, diinummaa, moromaa, hinaaffaa, mufii, ifi jaalatuu, wol dhabuu, wol fojuu, dhiibbaleessa te’uu, machii, sarbicha dhiitu’uu fi ta tana fakkaattu. Akkuma kanaan dura isinitti hime, ammalle itti deebi’ee isinitti hima: worri waan akkasii huju mootummaa Waaqaa hin dhaalu.

Worri ka Kiristoosii te’e, halchaa hantu’uu fi fedha isaa woliin foon ifii fanniseera.

Obboleeyyan tiyya, isin bilisumma’aaf waammantaneertan; jaalalaan wol tajaajila’a malee, bilisummaa teessan tana halchaa foonii muummeffatiisaaf karaa dagu’uu hin godhatina’a!

Nami akka fedha foon ifii facaasu, fedha foon ifii irraa du’a haammata; nami akka fedha Ayyaanaa facaasu, Ayyaana irraa jiruu bara baraa haammata.

Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.

Isin waan isaan jirtanuuf haqanqabaa qabattaneertan; haqanqabaa qabatuun keessan kunille namummaa foonii cubbicha balleessiisaaf ka Kiristoosiin te’e malee, ka harka namaatiin te’ee moti.

Akka ataabe’etti hin gallelle daadimadha’a; ayyaanni dhugumaan fedha qaba, foon ammoo dadhaba’a» jedheen.

Obboleeyyan tiyya! Nami foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqaa dhaaluu akka hin dandeenne, yookiin nafi du’aan badu nafa jiraataa hin banne akka hin dhaalle isinitti hima.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-