Casa de Deus
A casa de Deus é lugar de adoração, refúgio e encontro com o Sagrado. A Bíblia exalta o tabernáculo, o templo e a igreja como morada do Altíssimo entre seu povo.
A presença de Deus
Quão amáveis são os teus tabernáculos! Uma coisa pedi ao Senhor: habitar na casa do Senhor todos os dias da minha vida.
Addee dhibii
guyyaa kuma tokko ooliisaa mannaa,
badhinna Galma woyyicha keetii keessa
guyyaa tokko ooluu woyya;
Dunkaanii worra hamaaleyyi’ii
keessa tee’iisaa mannaa,
eedduu balbala mana Waaqa kiyyaa
te’u naa woyya.
Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha;
isiille dhaggatuu barbaada:
bara jiruu tiyyaa mara
mana Mootii Waan Maraa keessa akka le’u,
dansummaa isaa akka dhaggu,
Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti
akka isa barbaadadhu.
Worri ati filattee
badhinna mana keetii keessa akka le’anu
ka ifitti dhikeeffatte ka eebbifame.
Nuuti waan dansaa mana keetii,
ta Dunkaanii Woyyittii teetiitiin hin quunna.
«Gara mana Mootii Waan Maraa dhandha!»
yennaa isaan naan jedhane
ani gammade.
Dhugumaan, bara jiruu tiyyaa mara,
dansummaan teetii fi
marartiin teeti na gula deeman;
bara le’ii tiyyaa mara
mana Mootii Waan Maraa keessa hin le’a.
Ani ammoo mana Waaqaa keessatti,
akka muka ejersaa oshoba;
Jaalala Waaqaa ka bara baraatitti
bara baraan itti addadha.
Hinaaffaan mana keetiif qabu na gudde;
arrabi si arrassanu na irra bu’e.
O templo
Minha casa será chamada casa de oração. O zelo da tua casa me consumiu. O verdadeiro templo é o corpo do cristão.
Achiin Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra Galma Waaqaa keessatti bitatuu fi gurguratu mara gad yaase; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garagaggalchee, «‹Manni kiyya mana daadimataa jedhamee hin waamama› jedhantee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu’uu gootane» isaaniin jedhe.
Guyyaan Jila Irra Dabaramaa dhikaateeruun, Yesuus gara Yerusaalemii dhaqe. Achitti inni Galma Waaqaa keessatti kolbaa loon, hoole’ee fi saphaliisa gurgurattu, worra beesee jijjiiratulle xarapheessaa isaanii bira tee’iisatti jiranuun dhagge. Maarre inni lichee wodaro’oo dhowatee, isaan maraa, hoole’ee fi loon, horii maraayyuu Galma Waaqaa keessaa gad oofe; inni xarapheessaa worra beesee jijjiiratuu garaggaggalchee beesee isaaniille bittinneesse. Worra saphaliisa gurguratu saniin, «Waan kana as keessaa gad baasa’a! Mana Abbaa kiyyaa addee dikko’oo hin godhina’a!» jedhee ajaje. Barattooti isaa, «Hinaaffaan mana keetii, akka ibiddaa na guddi» jedhantee ta barreeffante san qaabatane.
Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te’e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti.
Ammoo yoo ani ture, mana worra Waaqaa keessatti nami amala attamii qabaachuu akka male akka beettuuf kun si gargaara; manni kunille utuba’aa fi hundee dhugaa wolde’a kiristaanaa ka Waaqa jiraata’aa ti.
Kiristoos ammoo mana Waaqaatitti akka ilmaatitti addatama’a. Nuutille waan itti addannuu fi addii ittiin koorru jabeessinee yoo qabanne mana isaa ti.
«Abbootiin teenna goomolee keessatti dunkaanii dhugaa bayaa qaddi. Dunkaaniin sun akka Waaqi Muuse’etti mudhisee, ‹Akkas huji› jedhetti ta hujante. Abbootiin teenna dunkaanii san abbootii ifii irraa fudhatteen duuba, Iyaasuu woliin gara lafa gosa worra Waaqi isaan duraa ari’etti fudhatanee galane; dunkaaniin sunille haga bara Daawitii achi turte. Daawiti Waaqa duratti fudhatama dhaggatee, Waaqa Yaaqoobiitiif mana ijaariisaaf gaafate. Ammoo Waaqaaf ka mana ijaare Solomoon.
«Ammoo Waaqi ol aanaan mana harka namaatiin ijaarame keessa hin le’u; kunille akkuma raagichi,
«‹Ol-gubbaan barcumaa mootummaa tiyyaa ti;
lattille ijjata miila kiyyaa ti.
Manni isin naaf ijaartanu ka attamii ti ree?
Addeen ani itti foorfadhu eessa ree?
Waan san duudii ka huje anaa motii? jedha Goottaan› jedhe.
Mootiin Waan Maraa, «Ol-gubbaan teessoo tiyya; lattille ijjata miila kiyyaa ti. Isin eessatti mana naaf ijaartan? Addeen foora kiyyaalle eessa? Tana mara harka kiyyattuu huje; wonni martinuu tiyya. Ani gara worra gad ifi qabuu, gara worra mataa hin jabaanneetii fi gara worra jecha kiyya sodaatuu hin ilaala.
Achiin duuba Yaaqoob hirriibaa dammaqee, «Mootiin Waan Maraa dhugumaan addee tana jira! Ani ammoo hin beenne» jedhe. Inni sodaatee, «Addeen tun attam attam sodaachitti! Isiin mana Waaqaa ti; balbala ol-gubba’aa ti» jedhe.