Casal
O casal cristão é parceria abençoada por Deus. Juntos são mais fortes. O amor mutual, a paciência e a submissão ao Senhor são os pilares do casamento que honra a Deus.
Unidos em Cristo
Eu e minha casa serviremos ao Senhor. O vínculo perfeito é o amor que tudo suporta e tudo espera.
Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le’aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha’a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe.
Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. Jaalalli dhuga’atti malee, hammeennatti hin gammadu. Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.
Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a. Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te’iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te’a. Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a. Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji’iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha’a.
Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a.
Yennaa duudii wolii keessanii fi namoota duudi’iif dansaa godhiisaaf yaadadha’a malee, nami tokkolle waan hantu’uuf hantuu akka hin deebinne ilaalladha’a.
Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe.
Waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin!» isaaniin jedhe.
O projeto divino
Não é bom que o homem esteja só. Dois são melhores do que um — e o cordão de três dobras não se rompe facilmente.
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Waaqi, «Namichi qofii ifii te’uun dansa’aa moti; ani waa’ela qarqaartuu isaa, isaaf hin dada» jedhe.
Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.
Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.
Namichaa fi niitiin isaa lamaanuu qullaa jiraniiyyu, te’uu malee wol hin fokkifatanuuyyu.
Achiin duuba Waaqi, «Kowa’a, akka bifaa fi akka fakkeenna keennaatitti, nama dannaa ti. Nami qurxummii abbaaya’aa, sinbirroota, horii, bineensota lafa irraa maraa fi bineensota lafa irra lowanu mara irratti baallii qabaatuu ti» jedhe. Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade. Waaqi, «Hora’a, heddadha’a, lafa guuta’a, harkatti isii galfadha’a! Qurxummii abbaaya’aa irratti, sinbirroottan irratti, dada lafa irra munyuuqanu mara irratti baallii qabaatanuu ti» jedhee isaan eebbise.
«Isin hora’a, heddadha’a, bacadha’aa lafa guuta’a!» jedhe.
Eloo ifiitiif bu’aa dansaa waan dhaggatanuuf, tokko te’uu irra lama te’uu woyya.
Waaqi isinii fi muttaaraa teessan foonii fi Ayyaanalle’een tokko hin goonee ree? Maaf tana godhe? Sanyii Waaqa sodaattu waan barbaadeeruuf tana godhe; tanaaf ifi eeggadha’a! Muttaaraa teessaniif addatamummaa hin dhabina’a.
Amor conjugal
Maridos, amai vossas mulheres. A mulher virtuosa é achada de Deus. Cresçam juntos em graça e verdade.
Abbootii manaa! Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaa jaalatee ifi dabarsee kenne, isinille haadhotii manaa teessan jaaladha’a.
Akkasuma, abbootiin manaa akkuma nafa ifii jaalattu haadhotii manaa ifiille jaalatuu ti. Ka haadha manaa ifii jaalatu ifi jaalata. Nami nafa ifii jibbu hin jiru; ammoo akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif godhu, hin nyaachisa, hin qananiisa.
Barreeffam Woyyichi, «Sababa kanaaf nami haadhaa fi abbaa lakkisee, haadha manaa ifiititti maxxana; lamaanuu tokko hin te’an» jedha.
Hammeenni hadhawaan, mufiin, aariin, caanci moroma’aa, arrabii fi hammeenni martinuu isin irraa fagaattu. Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.
Maarre, yoona soba lakkisa’a! Nafa Kiristoosiitiin marti keenna miseensa wolii waan teeneef, dhugaa wolitti dubbannuu ti. Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin. Seexanaafille karaa hin kennina’a. Ka hatu hanna lakkisee, worra rakkata’aafille waan kennu akka qabaatu, harka ifiitiin hujii dansaa elowee addatamaan hujuu ti. Dubbii bu’aa qadduu fi akka barbaachittetti ta ijaartu, worra dhage’uufille badhaadha ta kennitu malee, dubbiin hantuun afaan keessanii hin bayin. Guyyaa itti wodantanuuf chaappaa ittiin mallatteeffantane, Ayyaana Woyyicha Waaqaa hin gaddisiisina’a. Hammeenni hadhawaan, mufiin, aariin, caanci moroma’aa, arrabii fi hammeenni martinuu isin irraa fagaattu. Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.
Nami haadha manaa dhaggatu waan dansaa dhaggata;
Mootii Waan Maraa biralle’ee fudhatama dhaggata.
Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa’aatii ilaala’a malee, halchaa ifi jaalatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina’a! Nami martinuu bu’aa worra dhibi’iille ilaaluutii malee, bu’aa ifii callaa hin ilaalin!
Ijoollee Waaqaa
Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatiisaan, isin martinuu ijoollee Waaqaa ti. Isin worri Kiristoos woliin tokko te’iisaaf cuuphantane maraa, Kiristoos akka woya’aa uffattaneertan. Karaa Kiristoos Yesuusiitiin, isin martinuu tokko waan teetaneef, worra Yihudi’iitii fi Giriikii, garbichaa fi ka garbicha hin te’in, dhiiraa fi dubartii oddu’utti garaagarummaan hin jirtu.
Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti.
Worra Hin Dhugeeffanne Woliin Hin Xaxamina’a
Worra hin dhugeeffanne woliin hin xaxamina’a. Balchumma’aa fi cubbuun attam wol qabatuu dande’an? Ifaa fi dukkanti attam woliin jiraatuu dande’an?
Jireenna Gootta’aan qannuun dubartiin dhiira malee hin jiraattu; dhiirtille dubartii malee hin jiraattu.