Publicidade

Céu

Por Bíblia Online

O céu é a morada eterna de Deus e a esperança final do cristão. A Bíblia descreve o céu como lugar de glória, alegria e comunhão perfeita com o Criador.

A morada de Deus

Na casa de meu Pai há muitas moradas. Os céus declaram a glória de Deus — e um dia habitaremos lá eternamente.

Mana Abbaa kiyyaa keessa addeen leeto’oo heddu’utti jira; anille addee isiniif qopheessiisaaf deemaara. Adoo isiin hin jirre teetee ani silaa tana isinitti hin himuuyyu.

Dadi Ulfinna Waaqaa Mudhitti
Faaruu Daawitii, sooressa faarfattootaatiif.

Ol-gubbaan ulfinnaa Waaqaa hinti;

gubbaan hujii harka isaa lalladdi.

Guyyaan guyyaa itti aanutti kanuma dabarsa;

halkanille halkan itti aanutti woma kana hima.

Ee Waaqa, ol-gubbaaan gubba’atti saadami;

ulfinni keeti lafa duudii irratti te’uu ti.

Maqaa Mootii Waan Maraa

ol-gubbaaa fi lafa dadeen,

nuuti qarqaarsa dhagganne.

Ol-gubbaatti si malee eennu qaba ree?

Lafa irralle’etti si malee ka ani barbaadu,

ka dhibiin hin jiru.

Dabarsii Dadaa

Waaqi jalqaba ol-gubbaaa fi lafa dade. Latti akka hin qadduuyyu; duwwaalle’e. Dukkanti qilee abbaaya’aa irra jirtiiyyu; Ayyaanni Waaqaalle bisaan irra tatacho’aa ture.

Ka mana ifii ol-gubbaatti ijaare,

hundee mana sanii lafa irratti ka hundeesse,

ka bisaan abbaaya’aa waamee,

lafatti lolaasu

maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti.

Akka ani isa hin dhaggine, addee dhokaataatitti nami dhokatuu dande’u jiraa ree? Lafaa fi ol-gubbaa ka guute anaa motii ree?

«Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Ati jabeenna keeti gudda’aa fi irree teeti hunnaametti’iin lafaa fi ol-gubbaa daddeerta; wonni ati hin dandeenne takkaalle hin jirtu.

Cidadania celestial

A nossa cidadania está nos céus. Ajuntai tesouros no céu, não na terra. O céu é a pátria do cristão.

Nuuti ammoo nama biyya ol-gubbaaa ti; nuuti Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, Fayyisaa achii dhufu dharra’aan eeganna.

Karra Ol-gubbaaa

Yesuus dabalee, «Addee qooqqanna’aa fi ciillayiisi balleessutti, hattuulle cassitee seentee hattutti, as lafa tana irratti karra teessan hin kuufatina’a. Ammoo addee qooqqanna’aa fi ciillayiisi dande’ee hin balleessine, hattuulle cassitee seentee hatuu hin dandeenne, ol-gubbaatti karra teessan kuufadha’a.

Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa’a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina’a» jedhe.

Yesuus deebisee, «Ka dhidhuu hin qanne te’uu yoo feete, dhaqii, waan qaddu mara gurgurii beesee hiyyeeyyi’iif kenni; ol-gubbaatti karra hin qabaatta; achiin duuba koyiitii, na hordofi» jedheen.

Lafaa fi ol-gubbaan hin dabaran, jechi kiyya ammoo hin dabaru» jedhe.

Marroo waan ol-gubbaa jiruu yaadadha’a malee, marroo waan lafa irra jiruu hin yaadatina’a.

Esperança eterna

Seremos arrebatados para encontrar o Senhor nos ares. Ainda não se manifestou o que havemos de ser — mas seremos semelhantes a Ele.

Qoonqoo ajaja gudda’aatiin, qoonqoo mootii erganticha Waaqaatiin, qoonqoo tultullaa Waaqaatiin bookarfamee, Goottaanuu ol-gubbaa irraa gadi hin dhufa. Worri Kiristoositti dhugeeffatee du’e, dursee hin ka’a; achiin duuba nuuti worri adoo hin du’in jirru isaanuma woliin qilleensa irratti Gootta’aan wolde’iisaaf duumensa keessa ol butanna. Maarre haga bara baraalle Goottaa woliin leena.

Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te’uu malee yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna. Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.

Goottaan hammeenna hamaa duudii jalaa na baasee, gara mootummaa ol-gubbaaa nageyaan na hin geessa. Ulfinni baraa haga bara baraa isaaf te’u! Ameen.

Yesuus Gara Ol-Gubbaaa Deebi’e

Achiin duuba Yesuus qachaa keessaa baasee, haga Bitaaniya’aa isaan geesse; achitti harka ifii lamaanuu ol kaasee isaan eebbise. Adoo isaan eebbisiisatti jiruu, isaan irraa gargar bayee gara ol-gubbaaa fudhatame.

Yesuus kana jedheen duuba, adoo isaan isa ilaalanuu gara ol-gubbaaa fudhatame; duumensille isaan duraa isa golle.

Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te’in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te’ane, irree ayyaana hamaalessa ol-gubbaaatiin mormiisa.

Nuuti waan tokkolle finnee gara biyya lafaa hin dhunne; waan tokkolle isii keessaa fuunee deemiisa hin dandeennu. Ammoo woya’aa fi sagalee yoo qabaanne sun nu hin geetti.

Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu,

karaan kiyya karaa keessan irraa,

yaadi kiyyalle yaada keessan irraa ol hin fagaata.

Waan Maraaf Yennaan Jirti

Waan maraaf yennaan jirti;

waan biyya lafa irraa maraaf yennaan jirti.

Nami qullaa ifii gadaamessa haadha ifii keessaa dhalata; akkuma dhalate san deebi’ee hin deema; waan itti elowe keessaa tokkolle harkatti qabatee hin deemu.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-