Compaixão
A compaixão é o coração de Deus em ação. Ele é compassivo e misericordioso, tardio em irar-se e grande em amor. Somos chamados a refletir essa compaixão no mundo.
Akkuma abbaan ijoollee ifiitiif gadhaa laafu,
maarre Mootiin Waan Maraalle
worra isa sodaatuuf gadhaa laafa.
Ee Gootta’a, ati ammoo,
Waaqa mararaa arja’a;
aari’iif hin ariifattu;
jaalalli keeti ka bara baraatii fi
addatamummaan teetille baca’a.
Jaalalli keeti ka bara baraa
jiruu waan caaluuf,
arrabi kiyya si leellisa.
Jaalalli Waaqaa ka bara baraa waan te’eef,
marartii isaa ta dhuma hin qanne irraa ta kaate
nuuti badiisa dhanne.
Jaalallii fi marartiin isaa barii mara haareya;
addatamummaan isaa guddo’o.
Mootiin Waan Maraa, «Haati annuu ifii ta hoosittu
dedhuu dandeettii?
Yookiin finna ifii ta deetteef hin marartuu ree?
Haati annuu ifii deetulle ani ijjumaa Xiyoon hin dedhu.
Ee Xiyoon, kunoo ani ganaa harka kiyyaa irratti
si barreeffadheera;
dalleenni keeti ka dhaka’aan ijaarame
yennaa mara fuula kiyya dura jira.
Mootiin Waan Maraa ammalle isin marariisaaf hin ossata; inni isiniif nayiisaaf hin ka’a; Mootiin Waan Maraa Waaqa haqaa ti; tanaaf worri isatti addatu duudiin gammaduu ti.
Kolbaa ifii worra lubbu’uun hafeef, ka cubbuu isaanii lakkisee, yakkaa isaanii araaramuuf, Waaqi akka keetii eennu? Ati marartii mudhisiisatti gammadda malee aari’iin haga bara baraa hin turtu.
«Ani kolbaa Yihuda’aa hin jabeessa;
kolbaa Israa’eliille hin fayyisa.
Ani isaaniif waan nawuuf,
akka duriititti isaan hin deebisa.
Isaan akka ani tanaan qara
ijjumaa isaan lakkisee hin beennee hin te’an.
Ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te’eef,
daadimata isaanii hin dhage’a.
«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Muraa dhuga’aa mura’a; woli woliif arjooma’a; wolille’eef marara’a. Haadhotii hiyyeessaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne, orma, yookiin hiyyeeyyii hin miicina’a. Gadhaa keessan keessatti hantuu woliif hin yaadatina’a› jedha» jedhe.
Yoona worra Waaqaaf filatantane, woyyoontanee fi jaalatantane akkuma teetanetti naasuu, arjummaa, ifi gad qabiisa, qajeelumma’aa fi ossata uffadha’a.
Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.
Dansaa Hujiisaan Rakkoo Fudhatuu
Muummee irratti, isin duudiin yaada tokkoon wolii gala’a; woliif dhiiga’a; akka obboleeyyanii wol jaaladha’a; arjoole’ee fi worra ifi gad qabu te’a’a.
Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree?
Phawuloos Waaqa Galateeffate
Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti’iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te’u. Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa.
Hayyichi Guddaan nuuti qannu ka dadhabbii teenna nu’uuf nayuu dande’u; inni waan maraan akkuma keenna ataabameera; te’uu malee ijjumaa cubbuu hin hunye.
Worra gammadu woliin gammada’a; worra bowu woliin bowa’a.
Nageya Muumme’ee
Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee’a’a; leetoo teessan sirreeffadha’a; gorsa kiyya dhage’a’a; wolii gala’a; nageyaan le’a’a; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata.