Pular para o conteúdo
Publicidade

Compreensão

Por Bíblia Online

A verdadeira compreensão vem de Deus. Os caminhos do Senhor são mais altos que os nossos. Mas Ele nos convida a buscar entendimento — e promete iluminar quem o busca de coração.

A sabedoria de Deus

Os meus pensamentos não são os vossos pensamentos. A incompreensibilidade de Deus nos leva à humildade e adoração.

Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu,

karaan kiyya karaa keessan irraa,

yaadi kiyyalle yaada keessan irraa ol hin fagaata.

Nama ka isa Dade woliin moromuuf aanne’e!

Inni akka faaraa

harka nama faara dhowu keessa jiruu ti;

faarri nama isa dhowuun,

«Ati maan hujaarta?» hin jedhaa ree?

Wonni inni dhowu sunille,

«Ati harka hin qaddu» hin jedhaa ree?

Ati hin beennee? Ati hin dhageennee?

Mootiin Waan Maraa Waaqa bara baraa ti;

biyya lafaa duudii ka dade isa;

Inni ijjumaa hin dadhabu yookiin hin laafu;

eennulle hubantii isaa qorqoree bira gewuu hin dande’u.

Mootiin Waan Maraa gudda’a;

guddoo leellifamuu male;

guddinni isaa

qorqoramee bira hin geyamu.

Gaarri adoo hin dadamin dura,

yookiin ati lafaa fi biyya lafaa adoo hin dadin dura,

baraa haga bara baraatitti ati Waaqa.

Woggaan kum tokko,

si’iif akkuma guyyaa kalee dabaree ti;

yookiin akkuma yennaa diqqoo halkan keessaa ti.

Galata Waaqaa Gale

Durummaan Waaqaa attam attam guddo’o! Beekkumaa fi qarummaan isaa attam attam gad fagaatti! Muraa isaa qorqoriisa eentu dande’a? Karaa isaa eentu hubatiisa dande’a?

Buscar entendimento

Clama a mim e responder-te-ei. A sabedoria é a coisa principal — busque o entendimento com todo o coração.

inni, Na waammadhu! Anille si’iif hin deebisa; waan guddoo ati hin beenne ta ati qorqortee bira hin geenne sitti hin himajedha.

Qarummaan waan mara caalti;

tanaaf isii dhaggadhu.

Waan ati qaddu mara si kaffalchiittulle,

hubantii bitadhu.

Nami ossatu hubantii guddoo qaba;

nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa.

Gadhaa namaa keessa Yaada heddu’utti jira;

ka te’u ammoo yaada Mootii Waan Maraa qofa.

Namatti hujiin inni huju martinuu

sirrii isatti fakkaatti;

Mootiin Waan Maraa ammoo

yaada isaa hin madaala.

Abbaa ulfinnaa, Waaqa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, akka isin isa beettanu, Ayyaana qaroo isin godhuu fi ka Waaqa isinitti mudhisu, akka isinii kennuuf daadimadha.

Ammoo badhaadhaa fi beekkuma Gootta’aa fi Fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ittuma guddadha’a. Ammaa fi haga bara baraa ulfinni isaaf te’u! Ameen.

Iluminação divina

A entrada da tua Palavra dá luz e entendimento. Deus revela verdades ocultas e transforma nossa visão da realidade.

Hiiki jecha keetii ifa kenna;

worra wollaala’aaf hubantii kenna.

Mootiin Waan Maraa,

«Ani karaa ati deemu’uu malte

si hubachiisee si barsiisa;

si gorsa; si toowadha.

Qilleensi eessa akka deemu yookiin jiruun yookiin hafuurri gara finna gadaamessa haadhaa keessa jiruu attam akka seenu akkuma beekuu hin dandeenne, ati hujii Waaqa waan mara dadee beekuu hin dandeettu.

Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande’u» jedhee deebise.

Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande’antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande’anti» jedhe.

Yesuus tee’een duuba barattoota kudhanii lamaan gara ifii waamee, «Nami caalaa namaa te’iisaaf barbaadu, gadee namaa te’ee, tajaajilaa nama maraa te’uu ti» jedhe.

Karaa Kiristoos Yesuusiitiin, isin martinuu tokko waan teetaneef, worra Yihudi’iitii fi Giriikii, garbichaa fi ka garbicha hin te’in, dhiiraa fi dubartii oddu’utti garaagarummaan hin jirtu. Ka Kiristoosii eega teetane, isin sanyii Abrahaamii ti; waan Waaqi isiniif addii kennelle hin dhaaltan.

ammoo waan maraa qorqora’aa ilaala’a; waan dansaa qabadha’a; waan hantuu duudii irraa fagaadha’a.

Biyya lafaa keessa leenulle, nuuti akka biyya lafaa hin lollu.

Nuuti ka eegannu waan hin mudhanne malee, waan mudhatuu moti. Wonni mudhatu ka haguma yenna’aa ti; wonni hin mudhanne ammoo ka haga bara baraa ti.

Nami yennaa ataabamu, «Waaqi na ataabe» hin jedhin; Waaqi hantu’uun hin ataabamu; ifille’eef nama hin ataabu.

Seja o primeiro