Publicidade

Comunhão com Deus

Por Bíblia Online

A comunhão com Deus é o propósito supremo da existência humana. Fomos criados para viver em intimidade com o Criador — e em Cristo, esse acesso é plenamente restaurado.

Em comunhão com Deus

Deus é fiel, pelo qual fostes chamados à comunhão de seu Filho. A comunhão com Deus é dom da graça e fruto da redenção.

Ilma isaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoos woliin, tokkummaa akka qabaattanu ka isin waame Waaqi addatama’a.

Isin galma Waaqaa akka teetanee fi Ayyaanni Waaqaa isin keessa akka jiru hin beettanuu?

Nafi Tokko Qooda Adda Addaa Qaba

Nafi tokkochi qooda adda addaa qaba; nafi tokkochi qooda hedduu qaba. Akkasuma Kiristoosille akka nafa tokkocha qooda hedduu qabuu ti.

Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Ayyaana Woyyichaalle isin duudii woliin jiraattu.

Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu,

«Mana kiyya kolbaa tiyya oddu’utti hin godha;

odduu isaaniille hin le’a;

Ani Waaqa isaanii hin te’a,

isaanille kolbaa tiyya hin te’an» jedhe,

nuuti Galma Waaqa jiraata’aa ti.

Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti. Tun duudiin Waaqa karaa Kiristoosiitiin ifi woliin nu araarsee fi tajaajila araarsiisaa nu’uu kenneen teete. Tunille Waaqi Kiristoosiin kolbaa biyya lafaa duudii ifi woliin araarsiisatti jiraayyu jechu’u; yakkaa namootaalle itti hin laakkonne; nu’ulle’eef jecha namoota Goottaa woliin araarsinu kenne.

Presença divina

Eis que estou à porta e bato. O Senhor fez sua morada entre nós — e toda a criação é convidada à comunhão eterna.

Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage’ee yoo balbala naaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille na woliin nyaata.

Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage’e; isiin barcumaa mootumma’aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba’aa jira; kolbaa wolille’een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te’an. Waaqinuu isaan woliin le’a; Waaqa isaaniille te’a.

Achiin duuba ani Israa’eloota odduu jiraadhee Waaqa isaanii hin te’a.

Addee namooti lama yookiin sad maqaa kiyyaan wolitti qabamanutti, ani isaan woliin jira» jedhe.

«Worra dubbii isaanii dhage’ee natti dhugeeffatuufille gaafadha malee, isaan calla’aaf hin gaafadhu. Ani akka isaan maraa tokko te’anu daadimadha. Abba’a! Akkuma ati anaan jirtu anille akkuma si’iin jiru, isaanille nu’uun akka jiraatanu, akka ati na ergitelle biyyi lafaa akka dhugeeffattuuf daadimadha. Akkuma atii fi ani tokko teene, isaanille tokko akka te’anuuf, ulfinnuma ati naaf kennite, anille isaaniif kenne. Ani isaaniin, atille anaan akkuma jirtu, isaanille ijjumaa tokko akka te’anu, biyyi lafaalle akka ati na ergitee fi akkuma na jaalatte, isaanille akka jaalatte akka beettuuf daadimadha.

Viver na comunhão

Quem permanece nele e ele no Senhor, esse dá muito fruto. A comunhão com Deus produz transformação e alegria.

Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le’a; Waaqille isaan keessa le’a. Ayyaana inni nu’uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna.

Ilmi Waaqaa dhufee Waaqa dhugaamessa akka beennuuf, hubantii akka nu’uuf kenne hin beenna. Nuuti Waaqa dhugaamessaa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos keessa leena. Waaqi dhugaamessi kana, jiruun bara baraalle tana.

Inni Ayyaana ifii irraa waan nu’uuf kenneef, nuuti isa keessa, innille nu keessa akka jiraatu hin beenna.

Waaqi Jaalala

Jaalota tiyya! Jaalaltiin Waaqa irraa waan teeteef, kowa’a wol jaalannaa! Nami jaalatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka.

Isinille nu woliin tokkummaa akka qabaattanuuf, waan dhagginee fi waan dhageenne isinitti hinna; tokkummaan teennalle Abba’aa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin.

Yoona, ijoolle! Yennaa Kiristoos mudhatu sodaa malee akka jiraannuu fi guyyaa dhufa isaa akka hin fokkifanne isaan jiraadha’a!

Waaqa Duratti Balchoomuu

Tanaaf, eega dhugeeffanna’aan Waaqa duratti balchoonne, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa woliin nageya qanna. Kiristoos gara badhaadha Waaqaa, ka amma ittiin dhaabbannee jirru kanaa nu fideera; nuutille addii ulfinna Waaqaa ittiin qoodannuun ifi jajna.

Tanaaf wodanaa hamaa irraa akka qulloonnu yaada gadha’aa qulleeffannee, nafa keennalle bisaan qullichaan dhiqannee, gadhaa qajeela’aa fi dhugeeffannaa dhugittii qabannee, kowa’a gara Waaqaa dhikaannaa.

Maarre Waaqaaf ajajama’a; Seexana ammoo morma’a, innille isin baqata. Gara Waaqaa dhikaadha’a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha’a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha’a.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-