Publicidade

A comunhão

Por Bíblia Online

A comunhão cristã é dom e mandamento. Juntos somos mais fortes. A Bíblia celebra a unidade dos crentes em Cristo como antecipação do céu na terra.

Ani isaaniin, atille anaan akkuma jirtu, isaanille ijjumaa tokko akka te’anu, biyyi lafaalle akka ati na ergitee fi akkuma na jaalatte, isaanille akka jaalatte akka beettuuf daadimadha.

Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha’a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a. Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan» jedhe.

Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane. Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane. Guyyaa guyya’aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle’etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu’uun areerrataa, Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaayyu. Goottaalle guyyuma guyya’aan worra fayyanu isaanitti dabale.

Isinille nu woliin tokkummaa akka qabaattanuuf, waan dhagginee fi waan dhageenne isinitti hinna; tokkummaan teennalle Abba’aa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin.

Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.

Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara’a.

Isin dhugeeffannaa tiyyaan anille dhugeeffannaa teessaniin, nuuti lamaanuu akka wol jajjabeessinu jechuu kiyya.

Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa me lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta’aa akka dhikaate qaabataa waan kana irra caalaa godha’a.

Akkuma sibiilli sibiila cabbu,

namille nama cabba.

Ba’aa wolii ba’adha’a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan.

Maarre yennaa daguu dhagganne maratti, nama maraaf, keessattuu worra dhugeeffannaa keessa jiruuf, waan dansaa goonuu ti.

Eloo ifiitiif bu’aa dansaa waan dhaggatanuuf, tokko te’uu irra lama te’uu woyya. Tokko yoo jige, kuun ol kaasa; yoo jige, ka ol isa kaasu, nama hin qanneef ammoo aanne’e. Nami lama yoo woliin rafe, wol hin o’isa; nami tokko attam qofuu ifi o’isuu dande’a ree? Nami tokko nama qofuu jiru injifatulle, nami lama ifi irraa dhooggatuu dande’an. Wodaroon sadiin dhowante ariifattee hin cittu.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-