Pular para o conteúdo
Publicidade

Comunidade

Por Bíblia Online

A comunidade cristã é essencial para o crescimento da fé. A Bíblia ensina que fomos criados para viver em comunhão — edificando-nos, encorajando-nos e servindo uns aos outros.

Viver em unidade

Os que creram eram um coração e uma alma. A comunidade primitiva partilhava tudo e vivia em harmonia e alegria.

Dhugeeffattooti martinuu yaadaa fi gadhaa tokkoon jiraniiyyu. Isaan keessaa nami tokkolle, «Kun kiyya» waan jedhu hin qabuuyyu; isaan waan qabanu mara wolumaan qabaniiyyu.

Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma’aan le’aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.

Guyyaa guyya’aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle’etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu’uun areerrataa, Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaayyu. Goottaalle guyyuma guyya’aan worra fayyanu isaanitti dabale.

Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii haadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu.

Adoo Pheexroos mana hidha’aa keessatti eegamuu, wolde’i kiristaanaa ammoo jabaatee gara Waaqaa isaaf daadimate.

Addee namooti lama yookiin sad maqaa kiyyaan wolitti qabamanutti, ani isaan woliin jira» jedhe.

Edificação mútua

Vivam em harmonia uns com os outros. Não haja divisões entre vós. A comunidade cresce quando cada membro contribui.

Gargar Bayiisa Wolde’a Kiristaanaa Keessa Jiru

Obboleeyyan tiyya, gargar bayiisi odduu teessanitti hin jiraatin; isin duudiin waan dubbattanutti akka wolii galtanu, yaadaa fi akeettii takka’aan jabaattanee akka leetanu maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin gorsa.

Nuuti Yihudoota yoo teenelle, worra Giriikootaa yoo teenelle, garboolee yoo teenelle, worra bilisa yoo teenelle, nafa tokkocha akka teenuuf Ayyaana Woyyichaan cuuphanneerra; nuuti duudiinuu akka unnuuf Ayyaanni tokkochi nu’uuf kennameera.

Nuuti nafa keenna tokkocha irratti mitikaa hedduu qanna; mitikaan kun martinuu hujii adda addaa qaba. Maarre nuutille, adoo hedduu teenee jirruu, Kiristoosiin nafa tokkocha; mitikoota nafa tokkochaa akkuma teenetti wol qabanneerra.

Yaada tokkoon wolii gala’aatii le’a; ifi ol qabiisa lakkisa’aatii worra gadee woliin le’a; nuuti beekkole’e jedhaa ifi hin saadina’a.

Namatti Hin Murin

Nama dhugeeffanna’aan dadhabeeru ifitti qabadha’a malee, yaada isaa irratti isa woliin hin mormina’a.

Waaqi, ossaa fi jajjabeenna namaaf kennu, yaada tokko qabaattanee, fakkeenna Yesuus Kiristoosii hordottanee, addee tokko qoonqoo takka’aan, Waaqa Abbaa Yesuus Kiristoosii akka leellifattanu isin dandeessisu.

Gorsa Gara Dhumaarratti Kenname

Obboleeyyan tiyya! Worra barnoota isin fudhattaneen mormiisaan, dhugeeffannaa kolba’aalle garagalchuu fi sababa gargar qoqoodamiisaa te’u irraa akka ifi eegattanu isin gorsa. Isaan irraa fagaadha’a!

Amor e compromisso

Não deixemos de congregar. O vínculo perfeito é o amor — ele une a comunidade e produz frutos que duram.

Jaalalaa fi hujii dansa’aan dammandhee akka leenuuf, kowa’a wolii yaadannaa. Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa me lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta’aa akka dhikaate qaabataa waan kana irra caalaa godha’a.

Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a.

Nageya wolitti isin qabu ka Ayyaanni Woyyichi kennu eegatiisaaf waan dandeettanu mara godha’a.

Jaalala Kolbaa Waaqaa

Faaruu Daawitii Ta Ittiin Ol Bayanu

Kolbaan Waaqaa

tokkumma’aan yennaa woliin leetu,

attam attam dansa’a;

attam attam nama gammachiisa!

Dansaa Hujiisaan Rakkoo Fudhatuu

Muummee irratti, isin duudiin yaada tokkoon wolii gala’a; woliif dhiiga’a; akka obboleeyyanii wol jaaladha’a; arjoole’ee fi worra ifi gad qabu te’aa.

Jaalota tiyya! Waaqi akkana yoo nu jaalate, nuutille wol jaalatuu qanna.

Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa.

Karaa Kiristoos Yesuusiitiin, isin martinuu tokko waan teetaneef, worra Yihudi’iitii fi Giriikii, garbichaa fi ka garbicha hin te’in, dhiiraa fi dubartii oddu’utti garaagarummaan hin jirtu. Ka Kiristoosii eega teetane, isin sanyii Abrahaamii ti; waan Waaqi isiniif addii kennelle hin dhaaltan.

Dubartii dhugumaan haadha hiyyeessaa teete kabaji.

Ani dhugaa isinitti hima: Nami ka ani erge fudhatu na fudhata; nami na fudhatulle ka na erge fudhata» isaaniin jedhe.

Seja o primeiro