Publicidade

Confiança

Por Bíblia Online

A confiança em Deus é âncora da alma em tempos de tempestade. Quem confia no Senhor não será abalado — porque o Deus fiel sustenta, protege e guia os que nele esperam.

Confiança inabalável

Tudo posso naquele que me fortalece. O meu Deus suprirá toda necessidade. Quem confia não será confundido.

Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande’a.

Waaqi kiyyalle durummaa ulfinna ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin, waan isiniif barbaachisu maraa isiniif hin mijeessa.

Waaqi hujii dansaa isin keessatti jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi’ee dhufuutitti, akka muummessu ani mama hin qabu.

Jaalala Waaqaa

Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande’a?

wonna gubbaa jirulle te’ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te’e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande’ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.

Eegunsa Waaqaa Jala Jiraachuu

Nami gollaa Waaqa Ol Aana’aa jala le’u,

ka gaaddisa Waaqa Waan Mara Dande’uu jalatti foorfatu,

Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya,

Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.

Fayyinnii fi ulfinni kiyya Waaqa irraa dhufe;

inni rassaa jabaa kiyya; addee ani itti baqadhulle’e.

Ani yennaa sodaadhu,

si’itti addadha.

Marroo jecha isaatiif, isa leellifadha;

ani Waaqatti addadha; hin sodaadhu;

nami foonii maan na godhuu dande’a?

Fundamento de confiança

Deus não é homem para que minta. Todas as suas promessas são firmes. Confiar em Deus é segurança absoluta.

Waaqi ilma namaatii motii, inni hin hollu;

yookiin akka namaa yaada ifii hin jijjiiratu.

Inni waadaa gale hin muummessa;

waan dubbatelle hin guuta.

Jaalala beese’ee irraa if qusadha’a; wonni isin qaddanu isin gewuu ti. Waaqi, «Ani ijjumaa si hin lakkisu, ijjumaa si hin gatu» jedheera.

Maarre sodaa malee,

«Goottaan gargaaraa kiyya,

ani hin sodaadhu;

nami maan na godhuu dande’a ree?» hin jenna.

Barumsa fayyaalessa akka fakkeennaatitti hordofiisaaf na irraa baratte, dhugeeffanna’aa fi jaalala tokkummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu jabeessii qabadhu.

Loltuu Dansaa Yesuus Kiristoosii

Ilma kiyya Ximootewoos, yoona badhaadha Yesuus Kiristoosiin dhaggamutti jabaadhu.

Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu;

hubantii teetitti hin irkatin.

Karaa keeti maraan isa beeki;

inni daandii teeti si’iif hin qajeelcha.

Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu;

hubantii teetitti hin irkatin.

Karaa keeti maraan isa beeki;

inni daandii teeti si’iif hin qajeelcha.

Waan gootu mara

Mootii Waan Maraatitti magannee kennadhu;

wonni ati yaaddu marti si’iif hin milkootti.

Nami gorsa dhage’u,

qananummaa dhaggata;

nami Mootii Waan Maraa

addatulle hin gammada.

Nama sodaatiis tiyyoo keessa nama seensisa;

nami Mootii Waan Maraatitti addatu ammoo nageyaan le’a.

Confiar em todas as coisas

Não pertenço ao mundo — minha cidadania é do céu. A confiança cristã repousa na fidelidade de Deus, não nas circunstâncias.

Marroo waan ol-gubbaa jiruu yaadadha’a malee, marroo waan lafa irra jiruu hin yaadatina’a.

Yesuus, «Maaf Yoo dandeettejetta? Nama dhugeeffannaa qabuuf wonni marti hin dande’anti» jedhee deebise.

Yesuus deebisee, «Wonni namaaf hin dande’ane Waaqaaf hin dande’anti» jedhe.

Sinbirroota ilaala’a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara’atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree?

Anaan nageenni akka isinii te’uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha’a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.

Ammoo nami Mootii Waan Maraa addatu,

ka Mootii Waan Maraa addii godhatu ka eebbifame.

Inni akka muka bisaan biratti dhaabamee,

ka hidda ifii gara lagaa yaafatuu hin te’a.

Muki sun o’i yennaa dhufu hin sodaatu;

baalli isaa yennaa mara bisile’e.

Bara oola’aa hin yaadu;

midhaan buusiisa hin lakkisu.

Yennaa ati bisaan keessa dabartu

ani si woliin hin jiraadha;

yennaa ati laga gamatti buutu

bisaan si hin fudhatu;

ibidda keessa yennaa ideentu hin gubattu;

bobeenni ibiddaalle si hin gubu.

Waaqa dura dhikaatiisaaf ifi-addiin nuuti qannu tana: waan mara akka fedha isaa yoo isa gaafanne inni nu hin dhage’a.

Waaqa dura dhikaatiisaaf ifi-addiin nuuti qannu tana: waan mara akka fedha isaa yoo isa gaafanne inni nu hin dhage’a.

Nuuti jaalala Waaqi nu’uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra.

Waaqi jaalala; nami jaalalaan jiraatu Waaqaan jiraata, Waaqille isaan jiraata.

Ayyaana Dhugaamessaa Fi Ayyaana Dharaamessa

Jaalota tiyya! Ayyaana maraayyuu hin dhugeeffatina’a; raagoti dharaameyyiin hedduun gara biyya lafaa waan yaa’aneeranuuf, ayyaanni isaan qabanu Ayyaana Waaqaa akka te’e qorqora’aatii ilaala’a.

Esperar com confiança

O Senhor está perto de todos os que o invocam. Na espera confiante encontramos descanso e direção divina.

Mootiin Waan Maraa

worra isa waammatu maraaf,

worra dhuga’aan isa waammatu maraaf

dhikoo jira.

Ani waan si addadhuuf,

ganama ganama bari’iin

jaalala keeti ka bara baraa natti lallabi.

Lubbuun tiyya gara keeti waan yaadduuf,

karaa ani irra deemu’uu male na barsiisi.

Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu;

ka si eegu hin mugu.

Mootii Waan Maraatitti addadhuu waan dansaa godhi;

biyya keessa nageyaan le’i.

Wonni dansaan ta ati worra si sodaatuuf massite,

dansummaan ta ati ilmaan namootaa duratti,

worra sitti baqatuuf mudhitte,

attam attam guddo’o!

Ol-gubbaatti si malee eennu qaba ree?

Lafa irralle’etti si malee ka ani barbaadu,

ka dhibiin hin jiru.

Haga muumme’ee ciniinnattanee ossiis keessan worra bilchaatee fi guutuu te’e, ka dhidhinna hin qanne akka teetanu isin gootuu ti.

Ammoo adoo hin mamin dhugeeffanna’aan gaafatuu ti; nami mamu akka danbalii abbaaya’aa ta qilleensaan asii fi achi darbantuu ti.

Nuuti ka jiraannulle dhugeeffanna’aan malee, isa dhaggiisaanii moti.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-