Confiar no Senhor
Confiar no Senhor é a base de toda vida espiritual. A confiança em Deus nos livra do medo, nos dá paz e nos posiciona para receber as promessas divinas.
Confiar de todo coração
Confia no Senhor de todo o coração. Não te apoies em teu próprio entendimento — em todos os caminhos o reconheça.
Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu;
hubantii teetitti hin irkatin.
Karaa keeti maraan isa beeki;
inni daandii teeti si’iif hin qajeelcha.
Eegunsa Waaqaa Jala Jiraachuu
Nami gollaa Waaqa Ol Aana’aa jala le’u,
ka gaaddisa Waaqa Waan Mara Dande’uu jalatti foorfatu,
Mootii Waan Maraatiin, «Ati addee ani itti baqadhu, kushee tiyya,
Waaqa kiyya ka ani itti addadhu» hin jedha.
Waaqi tiyyoo nami si’iif afee fi
dhukkuba hamaa jalaa si hin baasa.
Inni koola ifiitiin si golla;
baala isaa jalatti baqatta;
addatamummaan isaa wonte’ee fi
kushee si’iif hin te’a.
Wobii Kolbaa Waaqaa
Faaruu Ittiin Ol Bayanu
Worri Mootii Waan Maraatitti addatu
akka gaara Xiyoonii,
ka ijjumaa hin tachoone,
ka haga bara baraa jabaatee dhaabbatuu ti.
Akkuma gaaroti Yerusaalem marsaneeranu,
ammaa jalqabee haga bara baraa,
Mootiin Waan Maraa
kolbaa ifii hin marsa.
Inni oduu hantuu hin sodaatu;
Mootii Waan Maraatitti waan addatuuf,
gadhaan isaa hin mamu.
Mootii Waan Maraatitti addadhuu waan dansaa godhi;
biyya keessa nageyaan le’i.
Mootii Waan Maraatitti gammadi;
inni halchaa gadhaa keetii si’iif hin kenna.
Karaa keeti Mootii Waan Maraatitti kennadhu;
isa addadhu; innille si’iif hin milkeessa.
Inni balchummaa teeti akka ifaa,
haqa haajaa keetii akka aduu saafowaa hin godha.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati worra si barbaadu waan hin lakkinneef,
worri maqaa keeti beeku sitti addata.
Segurança em Deus
Bem-aventurado o homem que confia no Senhor. Ele é como árvore plantada junto às águas — não temerá quando vier o calor.
Ammoo nami Mootii Waan Maraa addatu,
ka Mootii Waan Maraa addii godhatu ka eebbifame.
Inni akka muka bisaan biratti dhaabamee,
ka hidda ifii gara lagaa yaafatuu hin te’a.
Muki sun o’i yennaa dhufu hin sodaatu;
baalli isaa yennaa mara bisile’e.
Bara oola’aa hin yaadu;
midhaan buusiisa hin lakkisu.
Inni rassaa bara baraa waan te’eef,
haga bara baraa
Mootii Waan Maraatitti addadha’a.
Dhuguma Waaqi fayyisaa kiyya;
ani isatti hin addadha;
womaalle hin sodaadhu.
Mootiin Waan Maraa hunnaa fi jabeenna kiyya;
inni fayyisaa kiyya naaf te’eera.
Ee Mootii Waan Maraa
Ka Waan Mara Dadde,
nami si’itti addatu ka gammade.
Worri gariin
garreettaa lolaa ka fardaan harkifamu ifiititti,
worri gariin fardoo ifiititti addata;
nuuti ammoo
maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatitti addanna.
Isaan gufatanee hin jigan;
nuuti ammoo kaanee jabaannee hin dhaabbanna.
Namatti addatiisaa mannaa,
gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.
Qondaaltotatti addatiisaa mannaa,
gara Mootii Waan Maraa baqatiisa woyya.
Não confiar no homem
Não temas — em ti confiarei. Melhor é confiar no Senhor do que confiar no homem ou nos príncipes.
Waaqa jecha isaa leellifadhuun,
Mootii Waan Maraa jecha isaa leellifadhuun,
Waaqa itti addadhuun, ani hin sodaadhu;
nami foonii maan na godhuu dande’a ree?
Ani ammoo marartii guddoo sanitti addadheera;
gadhaan kiyyalle fayyisiisa keetitti hin gammada.
Ee Mootii Waan Maraa,
ani ammoo si’itti addadha;
«Ati Waaqa kiyya» jedha.
Nami Mootii Waan Maraatitti addatu,
gara worra koorameeyyi’iitii fi,
dharaameyyi’ii deebi’iisaan ka itti hin addanne,
ka gammade.
Karaan Gara Abba’aa Geessu Yesuus
Yesuus barattoota ifiitiin, «Gadhaan keessan hin raafamin, Waaqatti dhugeeffadha’a; analle’etti dhugeeffadha’a!