Confissão
A confissão é caminho de libertação e restauração. Quando confessamos nossos pecados, Deus é fiel e justo para nos perdoar e nos purificar de toda injustiça.
Confessar e receber perdão
Se confessarmos os nossos pecados, Ele é fiel e justo para nos perdoar. A confissão abre a porta da graça restauradora.
Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.
Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase;
yakkaa tiyyalle hin dhoffanne.
Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe;
atille cubbuu tiyya naaf araarante.
Ani yennaa cubbuu tiyya faaci’atuu dhabe,
guyyaa guutuu aada.
Nami cubbuu ifii dhoffatu,
hin milkowu;
nami cubbuu ifii faaci’atuu fi ka isii lakkisu ammoo
marartii hin dhaggata.
«Nuuti cubbuu hunyeerra; yakkineerralle’e; hantuu hunyee finqilleera; ajajaa fi seera keeti irralle’ee deebineerra;
« ‹Eennulle waan akkasii kana keessaa waan tokkoon yakkaamessa yennaa te’e, cubbuu ifii faaci’atuu ti.
Confissão como fé
Se com a boca confessares que Jesus é Senhor e creres, serás salvo. A confissão de fé é alicerce da vida cristã.
Yesuus Goottaa akka te’e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du’a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita.
Nami gadhaa keessatti dhugeeffatee balchooma; afaaniin dhugaa bayee fayya.
Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera. Ammoo karaa wodoo te’iisa Yesuus Kiristoosiitiin toluma badhaadha Waaqaatiin balchoomeera.
Lola dansaa dhugeeffanna’aa loli. Jiruu bara baraa ta yennaa gara isaa waammante dhugaa baatota hedduu duratti dhugaa baate qabadhu.
Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi’aatii, gara Waaqaa dacha’a’a.
Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha’a, woliifille daadimadha’a! Daadimannaan nama balcha’aa hunnaametti’ii fi bu’aa qabeetti’i.
Gara Waaqaa dhikaadha’a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha’a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha’a.