Consolo
O consolo de Deus é bálsamo para a alma ferida. Ele nos conforta em todas as tribulações para que possamos consolar outros com o mesmo consolo divino.
Deus consola
Ainda que eu ande pelo vale da sombra da morte, não temerei mal algum. O Senhor consola, guia e está sempre presente.
Ani dhooqa gaaddisa du’aa keessa yoo ideemelle,
ati waan na woliin jirtuuf,
Ani waan hantuu natti dhuttu hin sodaadhu.
Uleen teetii fi borjoon teeti na jajjabeessan.
Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;
ani eennu sodaadha ree?
Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;
eentu na sodaachisa ree?
Waadaan keeti
jiruu waan naa kenneef,
rakkinna kiyya keessatti
jajjabeenni kiyya kana.
Akkuma ana tajaajilaa keetiif waadaa galtetti,
jaalalli keeti ka bara baraa
na jajjabeessuu ti.
Waaqi worra addi’iin isa eegatuuf,
worra isa barbaaduuf dansa’a.
Confiança na aflição
Eu sei que o meu Redentor vive. Deus é força e escudo — mesmo na tribulação, Ele nos sustenta e consola.
Ka na wodu jiraataa akka te’e,
muummee irralle’etti,
dhugaa bayiisaaf lafa irra akka dhaabbatu hin beeka.
Gogaan kiyya nyaatamee dhumateen duuba te’ulle
foon kiyyaan jiraadhee
Waaqa akka dhaggu hin addadha.
Dhuguma Waaqi fayyisaa kiyya;
ani isatti hin addadha;
womaalle hin sodaadhu.
Mootiin Waan Maraa hunnaa fi jabeenna kiyya;
inni fayyisaa kiyya naaf te’eera.
Mootiin Waan Maraa ifiifuu si’iin dura hin deema; si wolille’een hin jiraata; inni ijjumaa si hin lakkisu yookiin si hin gatu; hin sodaatin; addii hin kutatin» jedhe.
Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille’e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.
Maarre sodaa malee,
«Goottaan gargaaraa kiyya,
ani hin sodaadhu;
nami maan na godhuu dande’a ree?» hin jenna.
Worri gadde gammaduu;
Waaqi isaan hin jajjabeessa!
Ani ammoo Mootii Waan Maraa addii hin godhadha; Waaqa fayyisaa kiyya hin eegadha; Waaqi kiyya naaf hin dhage’a.
«Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi’ee gara keessan hin dhufa.