Coração puro
Bem-aventurados os puros de coração, porque verão a Deus. A pureza de coração é alvo, privilégio e busca constante do cristão que deseja contemplar a face do Senhor.
Coração puro
Bem-aventurados os puros de coração. A pureza interior precede toda transformação externa e abre os olhos para ver a Deus.
Worri gadhaa qullu’uu gammaduu;
isaan Waaqa hin dhaggan!
Gara kooba Mootii Waan Maraa ka ol bayu eennu?
Dunkaanii isaa woyyittii keessa ka dhaabbatu eennu?
Nama harka qulqullu’uutii fi gadhaa qullu’uu,
ka waaqota dharaa hin waaqonfanne,
ka sobaan hin kakanne qofa.
Inni Mootii Waan Maraa biraa eebba,
Waaqa fayyisaa biraa balchummaa hin dhaggata.
Fuula keeti cubbuu tiyya irraa deebifadhu;
yakkaa tiyya mara haxowii balleessi.
Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi;
ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni.
Fuula keeti duraa na hin fageessin;
Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin.
Worra Israa’elootaa ka gadhaa qulqullu’uutiif,
Waaqi dhugumaan dansa’a.
Purificar-se
Todo o que tem essa esperança em Cristo se purifica. O amor procede de coração puro, boa consciência e fé sincera.
Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.
Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te’uu malee yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna. Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.
Yaadi ajaja kanaa ammoo jaalala gadhaa qulluu irraa, wodanaa dansa’aa fi dhugeeffannaa dhuga’aa irraa ka ka’e.
Halchaa badduu dargaggumma’aa irraa baqadhu; worra gadhaa qullu’uun Goottaa waammatu woliin balchummaa, dhugeeffannaa, jaalalaa fi nageya hordof.
Jaalalli keessan beekkumaa fi hubanti’iin ka guutame te’ee ittuma akka guddatuuf hin daadimadha. Waan irra caalu qorattanee akka beettanuu fi yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu qulliyye’ee fi komii malee akka dhaggantanuuf ani tana godha. Akka kanaan jiruun teessan midhaan balchumma’aa, ka Yesuus Kiristoosiin dhaggamuun ta guutante teetee, ka ulfinnaa fi galata Waaqaaf dhaggisiittanu hin teetan.
Waan mara gungumiisaa fi moromaa malee godha’a! Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota micciirama’aa fi hamaa kana keessatti akka urji’ii hin issitan. Jecha jiru’uu jabeessitanee yoo qabattane, rukke’ee fi dadhabbiin tiyya gatii malee waan hin hanneef, guyyaa Kiristoos mura’aaf dhufu waan ittiin ifi jaju hin qabaadha.
Isin dhuga’aaf ajajamiisaan ifi qulqulleessitanee, worra dhibiille jaalala dhuga’aatiin jaalattaneertan; maarre gadhaa tokkochaan guddisa’aa wol jaaladha’a.
Nami akka ifiif ilaalutti
karaan isaa marti qulqulluu isatti fakkaata;
yaada gadhaa isaa ammoo
Mootiin Waan Maraa hin madaala.