Pular para o conteúdo
Publicidade

Corpo é o templo de Deus

Por Bíblia Online

O corpo do cristão é templo de Deus. Ele habita em nós pelo Espírito Santo, fazendo do crente morada viva e sagrada do Altíssimo.

Templo do Deus vivo

Vós sois o templo do Deus vivo. Deus disse: habitarei neles e entre eles andarei. O criador mora em sua criação redimida.

Isin galma Waaqaa akka teetanee fi Ayyaanni Waaqaa isin keessa akka jiru hin beettanuu? Nami galma Waaqaa yoo diige, Waaqi isa hin diiga. Sababille galmi Waaqaa woyyicha, galmi kunille isinuma.

Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te’e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti. Waaqi gati’iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa’a.

Galmi Waaqaa, waaqota dharaa woliin woliigaltee maan qaba? Akkuma Waaqinuu,

«Mana kiyya kolbaa tiyya oddu’utti hin godha;

odduu isaaniille hin le’a;

Ani Waaqa isaanii hin te’a,

isaanille kolbaa tiyya hin te’an» jedhe,

nuuti Galma Waaqa jiraata’aa ti.

Tanaaf, isin worri Yihudoota hin te’in haganaa achi orma yookiin alaga’aa moti; isin amma miseensota maatii Waaqaatii fi kolbaa Waaqaatiin woliin nama biyya tokkoo ti. Isinille hundee ergantootii fi raagoti hundeessan irratti ijaarantaneertan; dhakaan roga qaccee ijaarsaalle Kiristoos Yesuus. Kiristoos Yesuusiin ijaarsi duudiin wolitti qabamee, Galma Waaqaa woyyicha te’iisaaf Gootta’aan guddata. Isinille isumaan worra dhibii woliin addee Waaqi Ayyaana ifiitiin jiraatu te’iisaan ijaaramiisatti jirtan.

Manni maraa namaan ijaarame; waan mara ka ijaare ammoo Waaqa. Muuseen waan gara duraa jedhamu’uu maleef dhugaa bayiisaaf, akka tajaajilaa tokkootitti mana Waaqaa duudii keessatti addatamaa te’e. Kiristoos ammoo mana Waaqaatitti akka ilmaatitti addatama’a. Nuutille waan itti addannuu fi addii ittiin koorru jabeessinee yoo qabanne mana isaa ti.

Muuseen waan gara duraa jedhamu’uu maleef dhugaa bayiisaaf, akka tajaajilaa tokkootitti mana Waaqaa duudii keessatti addatamaa te’e. Kiristoos ammoo mana Waaqaatitti akka ilmaatitti addatama’a. Nuutille waan itti addannuu fi addii ittiin koorru jabeessinee yoo qabanne mana isaa ti.

Cristo em nós

Já não sou eu quem vive, mas Cristo vive em mim. A presença de Deus no crente é privilégio e responsabilidade sagrada.

Maarre haganaa achi Kiristoos ana keessa le’a malee, ani ifiif hin le’u. Le’ii amma fooniin le’ulle, Ilma Waaqaa ka ana jaalatee, ifi dabarsee naaf kennetti dhugeeffatiisaan le’a.

Yesuus deebisee, «Nami na jaalatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaalata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena.

Kowa’a Gara Waaqaa Dhikaanna

Obboleeyyan tiyya, yoona dhiiga Yesuusiitiin addee woyyittii woyyootaa seeniisaaf ifi-addii dhagganneerra. Nuuti karaa golla’aatiin, jechuun karaa haareyaa fi jiraataa inni foon ifiitiin nu’uuf baneen seenna. Nuuti Hayyicha Guddaa mana Waaqaa irratti baallii qabu qanna. Tanaaf wodanaa hamaa irraa akka qulloonnu yaada gadha’aa qulleeffannee, nafa keennalle bisaan qullichaan dhiqannee, gadhaa qajeela’aa fi dhugeeffannaa dhugittii qabannee, kowa’a gara Waaqaa dhikaannaa.

Isin ammoo sanyii fowante, hayyoota mooti’ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame.

Seja o primeiro