Corpo
O corpo é templo do Espírito Santo. A Bíblia ensina a cuidar do corpo com responsabilidade, moderação e respeito — honrando a Deus com nosso ser integral.
Templo do Espírito
Vosso corpo é templo do Espírito Santo. Glorificai a Deus no vosso corpo — ele não é vosso, foi comprado por preço.
Nafi keessan galma Ayyaana Woyyicha Waaqi isiniif kennee, ka isin keessa jiraatuu akka te’e hin beettanuu? Yoona isin ka Waaqaa ti malee ka mataa keessaniitii moti. Waaqi gati’iin isin bitate. Maarre nafa keessaniin Waaqa ulfeessa’a.
Worra dhibi’iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggommi’iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka naaf ajajamu godha.
Waan qabu mara hiyyeeyyi’iif kennee, nafi kiyyalle akka gubatuuf dabarsee kennee, jaalala qabaatuu yoo dhabe ammoo, womaa naa hin baatu.
Nuuti Yihudoota yoo teenelle, worra Giriikootaa yoo teenelle, garboolee yoo teenelle, worra bilisa yoo teenelle, nafa tokkocha akka teenuuf Ayyaana Woyyichaan cuuphanneerra; nuuti duudiinuu akka unnuuf Ayyaanni tokkochi nu’uuf kennameera.
Nuuti nafa keenna tokkocha irratti mitikaa hedduu qanna; mitikaan kun martinuu hujii adda addaa qaba. Maarre nuutille, adoo hedduu teenee jirruu, Kiristoosiin nafa tokkocha; mitikoota nafa tokkochaa akkuma teenetti wol qabanneerra.
Cuidar do corpo
O exercício físico é proveitoso, mas a piedade tem promessa para a vida presente e futura. Cuide do corpo com sabedoria.
Nafa jajjabeessu’uuf ifi leenjisuun bu’aa diqqoo qaba; leetoo Waaqi fedhu le’iisaaf ifi leenjisuun ammoo, le’ii ammaatii fi ta dhuttulle’eef addii waan qabuuf karaa maraan bu’aa qaba.
Gadhaan gammadu akka qorsa dansa’aa ti;
yaadi cabaan ammoo lafee goggossa.
Dubbiin dansaan akka nadhii dammaa ti;
namatti mi’ootti;
lafee namaatiifille fayyinna kenniti.
«Ani qaro’o!» ifiin hin jedhin;
Mootii Waan Maraa sodaadhu;
waan hantuu irraa fagaadhu.
Kun nafa keetiif fayyaa,
lafee teetiifille jabeenna hin te’a.
Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;
gadaamessa haadha tiyyaa keessatti
sittuu na dade.
Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
Foon kiyyaa fi keessi kiyya dadhabuu dande’an;
Waaqi ammoo jabeenna kiyyaa fi
qooda kiyya ka bara baraa ti.
Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya;
ani si barbaada.
Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee,
lubbuun tiyya si dheebotti;
nafi kiyyalle si dharra’a.
Corpo e espírito
O espírito está pronto, mas a carne é fraca. Não vos preocupeis com o corpo — a vida é mais do que alimento.
Akka ataabe’etti hin gallelle daadimadha’a; ayyaanni dhugumaan fedha qaba, foon ammoo dadhaba’a» jedheen.
Ilti teeti ta middaa yoo cubbuu si hujisiitte, ifi keessaa baasiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile’ee gatamu’uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko fafoottu si’iif woyya.
«Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina’a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu?
Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina’a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande’u Waaqa sodaadha’a.
Yennaa san gumiin kuma heddu’utti laakkowantu haga wol irra i’ijjattutti yennaa wolitti qabante, Yesuus dursee barattoota ifiitiin, «Uukoo worra Fariisaayotaa, jechuun kijiba isaanii irraa ifi eegadha’a. Wonni gollaa jiru maraa hin mudhata, wonni dhossaa jiru maraa hin beekkama. Tanaaf wonni isin dukkana keessatti dubbattane, ifa guyya’aatitti bayee hin dhage’ama, wonni isin diinqa cufamaa keessatti qofuu haasottane guutuu manaa irratti hin lallabama» jedhe.
«Jaalota tiyya, ani isinitti hima; worra isin ijjeesee ammoo waan badduu dhibii tana caalaa hujuu hin dandeenne hin sodaatina’a. Ani ka sodaatiisaa maltane isinitti mudhisa: Ka ijjeeseen duuba, ibidda bara baraatitti gatiisaaf baallii qabu, Waaqa sodaadha’a. Ee, ani isinitti hima isa callaa sodaadha’a!
«Sinbirrooti didiqqoon shanan saantimii lamaanitti gurgurantii motii? Te’uu malee isaan san keessaa takkattiin Waaqa duratti dedhantee hin jirtu. Rifeensi mataa keessaniituu maraa laakkowameera. Maarre hin sodaatina’a; isin sinbirroota didiqqoo san caalaa gatii guddoo qaddan.
«Ani isinitti hima, eennulle nama dhibii duratti ka naaf dhugaa bayu, Ilmi Namaalle ergantoota Waaqaa duratti akkasuma isaaf dhugaa baya. Ammoo nama duratti ka na mormatu, ergantoota Waaqaa duratti hin mormatama. Eennulle Ilma Namaa mormee dubbii ka dubbatu araara hin dhaggata; ammoo eennulle Ayyaana Woyyicha mormee ka faanshessu araara hin dhaggatu.
«Yennaa isaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaatitti, bulchitoota fi worra baallii qabu duratti, murti’iif isin geessane, attam akka falmattanu yookiin maan akka dubbattanu hin yaadina’a. Yennuma san Ayyaanni Woyyichi waan isin dubbatu’uuf maltane isin barsiisa» jedhe.
Gumii keessaa nami tokko, Yesuusiin, «Barsiisa’a, dhaala abbaa keennaa, akka naaf qoodu obboleessa kiyyatti himi» jedheen.
Yesuus deebisee, «Jaali, akka ani isin irratti abbaa mura’aa yookiin qoodduu dhaalaa te’u eentu na fowe?» jedhe.
Itti aansee inni isaan maraanuu, «Jireenni namaa baceenna karraatiinii moti; tanaaf ilaalladha’a, joljolummaa maraa irraa ifi eegadha’a» jedhe.
Achiin duuba Yesuus isaanitti mammaakee, «Namichi dureessi ka fichaa midhaan hedduu baase qabu tokko jira. Inni ‹Addee midhaan kiyya kana mara itti galchu hin qabu. Maan godha?› jedhee yaadate. ‹Akkana godha› ifiin jedhe; ‹Gootaraa kiyya maraa diigee ka dhibii gugurdaa ijaara, achitti midhaan kiyyaa fi meya kiyya ka dhibii maralle galfadha. Achiin duuba ani ifiin, Waan dansaa woggaa heddu’uuf sii barbaachisu mara hin qadda; foorfadhu, nyaadhu, uni, ifi gammachiisi!› jedha. Waaqi ammoo isaan, ‹Ati gowwa’a! Edanuma tana lubbuun teeti fudhatanti; waan ati ifiif kuufatteertu kana mara eentu fudhata?› jedhe.
«Nami lafa tana irratti ifiif karra kuufatu, Waaqa duratti ammoo ka dureessa hin te’in akkasuma te’a» jedhe.
Yesuus barattoota ifiitiin, «Maarre ani isinitti hima, jireenna keessaniif maan nyaanna yookiin nafa keessanitti maan uffanna jettanee hin yaadina’a. Jireenni nyaata caalaa, nafi woyaa caalaa guddoo barbaachisa’a. Me harraaqessoota ilaala’a: isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee hin galchanu; addee midhaan itti galchanu yookiin gootaraa hin qabanu; Waaqi isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota caaltan! Isin keessaa nami tokko haga fedhe itti yaadee le’ii ifii diqqumalle ka dheereffatuu dande’u eennu? Yoo waan diqqoo akkanaa kanaayyuu dandeettanee hin goone, maaf marroo waan dhibi’iitiif yaaddan ree? Daraaroti attam akka guddatanu ilaala’a: Isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. Ammoo ani isinitti hima, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan woyaa akka daraarota sanii dansittii hin uffanne. Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas seesee itti uffise, isin fa’a attam caalchisee uffisuu dhaba. E, isin worra dhugeeffannaa diqqo’oo!
«Tanaaf ‹Maan nyaanna? Maan unna?› jedhaa yaadaan hin rakkatina’a. Kolbaan lafa tanaalle waan kana dhaggatiisaaf itti yaadaa rakkatti. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba’aa hin beeka. Addee tanaa, mootummaa Waaqaa barbaada’a, tun marti isiniif hin dabalanti.
«Gumii diqqo’o, Abbaan keessan mootummaa ifii isinii kenniisaaf waan jaalateeruuf, hin sodaatina’a. Waan qaddanu mara gurgura’aatii beesee worra hiyyeeyyi’iif kenna’a. Subba beese’ee ka hin dulloonne qopheeffadha’aatii beesee teessan addee hattuun hin dhaqqannee fi biliin hin balleessine ol-gubba’atti maffadha’a. Addee beeseen teessan jirtu gadhaan keessanille hin jiraata» jedhe.
Yesuus itti aansee, «Huji’iif hidhadha’aatii qophowa’a, ifa keessanille iffadha’a! Tajaajiltoota goottaan isaanii jila fuudhaatii deebi’u eegatanu fakkaadha’a. Yennaa inni dhufee balbala dhodhowe, isaan yoosuma hin banan. Tajaajiltooti goottaan isaanii yennaa deebi’u dammaqaneeranuun dhaggu, ka eebbifamane. Ani dhugumaan isiniin jedha, inni woyaa ifii caccaffatee, addee nyaataa isaan teessisee hin areera. Halkan wodhakkaa yookiin fuullee bari’ii yoo dhufelle, worri qophowaneeranuun inni dhaggu ka eebbifamane! Ammoo tana beeka’a: abbaan manaa saatii hattuun itti dhuttu adoo beekee, hattuun mana isaa cassitee akka seentuuf hin lakkisu. Ilmi Namaalle saatii isin isa hin eennetti waan dhufuuf, isinille qophowa’aatii eegadha’a!» jedhe.
Pheexroos, «Gootta’a, mammaassa kana nu’uuf dubbatta moo yookiin nama maraafuu?» jedhee gaafate.
Goottaan deebisee, «Tajaajilaan addatama’aa fi qaroon, ka goottaan isaa akka inni maatii isaa sirri’itti bulchuu fi tajaajiltoota isaatiif sagalee yenna’aan akka kennuuf itti gaafatamummaa kennu kam ree? Tajaajilaan goottaan isaa yennaa deebi’ee dhufu akkanuma hojjatiisatti jiruun dhaggu sun ka eebbifame! Dhugumaan isiniin jedha, goottaan tajaajilaa san karra ifii mara irratti itti gaafatamaa hin godha. Ammoo tajaajilaan sun, ‹Goottaan kiyya dafee hin dhufu hin tura› jedhee yaadatee, nyaataa unaa, machowaa tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti’ii dhaaniisatti yoo ka’e, goottaan isaa guyyaa inni hin eennee fi saatii inni hin beennetti deebi’ee hin dhufa, isa hin ciccira, qooda isaalle worra hin dhugeeffanne woliin godha.
«Fedhii goottaa ifii adoo beekuu tajaajilaan hin qopheeffanne, yookiin ajaja goottaa ifii hin muummessine akka malee hin dhaanama. Ammoo tajaajilaan fedhii goottaa ifii beekuu dhabiisaan, waan isa dhaansisu yoo huje, diqquma dhaanama. Nama wonni guddoon itti kennante irraa waan guddo’otti barbaadama; nama maganneen guddoon itti kennante irraa ka caalu hin barbaadama» jedhe.
«Ani ibidda lafatti buusiisaaf dhufe, adoo duruu bobeeffamee jiraate ani attam halchaayyu! Ani cuuphama cuuphamaaru tokko qaba, haga inni muummowutti ani attam rakkadha! Biyya lafaatiif nageya buusiisaaf waan dhufe na seetanii? Waawwoo, gargar bayiisa malee nageyaa moti. Ammaa jalqabanee maatiin mana tokkoo shanan, sadiin lamaaniin wol mormanee lamaan sadiiniin wol mormanee gargar hin bayan. Abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii, haati intala ifii, intaltille haadha ifii, haati sodda’aa niitii ilma isi’ii, niitiin ilma isi’ii haadha sodda’aa woliin mormanee gargar bayan» jedhe.
Yesuus kolba’aan, «Isin yennaa duumensi karaa aduun seentuun dhufe, yennuma san bokkeenni roobaara jettan; hin rooballe’e. Yennaa qilleensi gara gadii dhowu dhaggitanu, o’i dhufaara jettan; akkasuma te’a. Isin kijiboole’e! Waan lafaatii fi duumensaa ilaaltanee himuu hin dandeettan; maaf waan bara kanaa hin beekin ree?
«Isin waan dhugaa te’e ifumaa maaf hin murre? Nami tokko si himatee gara abbaa seeraa si geessiisaaf yoo ka’e, adoo abbaa seeraa dura hin geyin kara’attuu isa woliin wolii galiisaaf wodhaan. Yoo hin wodhaanin gara abbaa seeraa harkisee si geessa, abbaan seeraalle bulchaa mana hidha’aatitti dabarsee si hin kenna, innille gara mana hidha’aa si galcha. Ani sitti hima, saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu» jedhe.
Tanaaf gadhaa keeti keessaa yaaddoo fageessi; nafa keeti keessaa waan hantuu baasi. Sababille dargaggumma’aa fi jabeenni bu’aa hin qaddu.
União e harmonia
O corpo é um só, mas tem muitos membros. Cristo é a cabeça; a paz de Cristo governe em vossos corações.
Akkuma addiin Waaqi itti isin waame takkaa teete, nafa tokkoo fi Ayyaana tokkotti jira.
Haadhotiin manaa, akkuma Goottaa Yesuusiif ajajamanu abbootii manaatiif ajajamanuu ti. Akkuma Kiristoos wolde’a kiristaanaatiif mataa te’e, abbaan manaa haadha manaatiif mata’a; Kiristoos nafa isaa ka teete, wolde’a kiristaanaatiifille fayyisa’a.
Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te’iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te’a.
Mootiin Waan Maraa Waaqi cinaacha namicha keessaa fuudhe san irraa, namittii dadee, gara namichaa fide.
Achiin duuba namichi,
«Amma reefuu, lafeen isi’ii lafee tiyya irraa,
foon isi’ii foon kiyya irraa dhaggame;
isiin namicha irraa waan dhagganteef,
‹Namittii› jedhantee waamantuu ti» jedhe.
Tanaaf nami abba’aa fi haadha ifii hin lakkisa niitii ifii woliin hin tokkooma; isaanille foon tokko hin te’an.
Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba’aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya’aan hin haareffama.
Akka nuuti cubbu’uuf duunee balchumma’aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba’ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan.
Nuuti martinuu dokonkora hedduu goona; nami dubbii ifiitiin hin dokonkorre, nama nafa ifii duudii toowatuu dande’u, nama miju’u.