Crianças
As crianças ocupam lugar especial no coração de Deus. A Bíblia instrui a educá-las, protegê-las e ensiná-las nos caminhos do Senhor desde cedo — formando gerações que temem a Deus.
Herança do Senhor
Os filhos são herança do Senhor. Eles são presentes de Deus — cada criança é um milagre e uma responsabilidade sagrada.
Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;
midhaan gadaamessaa,
eebba isaa ti.
Ilmaan teenna dargaggummaa ifiitiin
akka biqiltuu guddinna toltee,
ijoolleen durraa teenna
akka utubaa mana mootumma’aa seesiisaaf
bocamee te’anuu ti.
Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;
gadaamessa haadha tiyyaa keessatti
sittuu na dade.
Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
Dargaggooti attamiin karaa ifii
qulqullumma’aan eegatiisa dande’an?
Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.
Dargaggooti attamiin karaa ifii
qulqullumma’aan eegatiisa dande’an?
Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.
Ee ijoolle! Gara kiyya kowa’aatii, na caqasa’a;
ani Mootii Waan Maraa sodaatiisa isin hin barsiisa.
Instruir as crianças
Instrui a criança no caminho em que deve andar. A educação cristã é mandamento repetido através de toda a Escritura.
Ijoollee karaa sirri’ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Ijoollee karaa sirri’ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Ijoollee karaa sirri’ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Gowwummaan yaada ijoolle’ee qabatteerti;
uleen xixxa’aa ammoo gowwummaa isaan irraa hin fageessiti.
Gowwummaan yaada ijoolle’ee qabatteerti;
uleen xixxa’aa ammoo gowwummaa isaan irraa hin fageessiti.
Nami ilma ifii adabiisa mararfatu ilma ifii jibba;
ka jaalatu ammoo malaan adabee isa guddisa.
Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata;
ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage’u.
Ilma kiyya, waan ani si barsiisu hin dedhin;
ajajoota kiyya gadha’atti qabadhu.
Isaan guyyoota sii ede’anee,
woggoota hedduu si leesisan;
qananumma’aa fi nageya sii kennan.
Ilma kiyya, waan ani si barsiisu hin dedhin;
ajajoota kiyya gadha’atti qabadhu.
Abbaan ilma itti gammadu akkuma qajeelchu,
Mootiin Waan Maraalle nama jaalatu qajeelcha.
abbaan kiyya na barsiisee,
«Jecha kiyya mara
gadhaa tokkochaan qabadhu;
hin leetaa,
ajaja kiyya eegadhu.
Qarummaa dhaggadhu;
hubantii qabaadhu;
jecha kiyya hin dedhin
yookiin irraa hin deebi’in.
Disciplinar com amor
A vara e a repreensão dão sabedoria. A disciplina produz o fruto pacífico da justiça nos que são exercitados por ela.
Ijoollee xixanee adabuun qarummaa kennitiif;
ijoolleen gad lakkifante ammoo haadha ifii qaanessiti.
Ijoollee teeti adabiisa hin lakkisin;
kuta’aan yoo dhaante isaan hin du’anu.
Abbaa keeti ka si uume dhage’i;
haadha teetille yennaa isiin dulloonte hin tuffatin.
Dhuga’aa fi qarummaa,
gorsaa fi hubantii bitadhu malee hin gurgurin.
Ka abbaa ifii saamu,
haadha ifiille ka manaa ari’u,
ilma fokko’oo fi salphinna fidu.
Gowwaa dubbii micciiruu mannaa,
hiyyeessa komii male le’u woyya.
Nami balchaan komii malee le’a;
ijoolleen isa gula ideentulle ta hiree dansaa qaddu.
Ijoolleenuu qulqulloota akka te’ane,
sirrii te’uu isaaniille,
hujii ifiitiin hin beekkaman.
Ilmi gowwaan gadda abbaa ifiititti fida;
haadha isa deettelle jiruu itti hadheessa.
Ilmaan ilmaan isaanii
maanguddootaaf kallacha isaanii ti;
worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
Ilmaan ilmaan isaanii
maanguddootaaf kallacha isaanii ti;
worri ijoollee ifiitiif ulfinna isaanii ti.
Gowwaan gorsa abbaa ifii tuffata;
nami xixicha dhage’u ammoo qarummaa mudhisa.
Ilmi qaroon abbaa ifii gammachiisa;
nami gowwaan ammoo haadha ifii tuffata.
Ka seera eegu ilma qalbeeffata’a;
ka gadhitoo woliin jaalomu ammoo
abbaa ifii salphisa.
Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage’i;
barsiisa haadha teetiille hin lakkisin
Barsiisi isaanii,
mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti;
morma keetiifille,
akka meya seesaaf diramee ti.
«Ammalle ilmaan tiyya, na caqasa’a;
worri karaa kiyya eegatu ka gammade.
Gorsa kiyya caqasa’aatii,
qaroo te’a’a;
gorsa kiyya cadhittanee hin ilaalina’a.
Obediência e promessa
Filhos, obedecei a vossos pais no Senhor. Honra a teu pai e tua mãe para que viva muito tempo sobre a terra.
Ijoolle! Waan barbaachisaa te’eef, abbooti’ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama’a. «Abba’aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.
Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.
Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.
Isin jaalatantoota ijoollee Waaqaa eega teetanee, fakkeenna isaa gula deema’a.
Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te’eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama’aatii, waan isaan jedhanu mara godha’a.
Abbootii! Akka isaan addii hin kutanne, ijoollee teessan hin aarsina’a.
Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin. Ajajoota kana irra deddeebi’iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu.
Ajajoota kana irra deddeebi’iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu.
Isiniif, isiniin duuballe ijoollee teessaniif akka toltu, lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan bara baraaf isinii kennu keessa bara dheeraa akka leetanu, seerataa fi ajajoota adha ani isin ajaju eegadha’a» jedhe.
Ila Mootii Waan Maraa Waaqa keetii duratti waan dansa’aa fi sirrii te’e waan hujjuuf, si’ii fi ijoollee teeti ta si’iin duubaatiif haga bara baraa akka toltuuf, ajajoota ani adha siif kennu mara muummessiisaaf ifi eegadhu.
isaaniin, «Jecha seera kanaa mara, ijoolleen teessan akka dansaa akka eegattu, akka isaan ajajjanu jecha ani adha isinitti himu kana mara gadhaa keessanitti qabadha’a; jechi kun ka jiruu isiniif kennu malee, ka bu’aa hin qannee moti; jecha kanaan isin laga Yordaanosii gamatti buutanee lafa qabatu’uuf jirtanu keessa bara dheeraa hin leetan» jedhe.
Crianças e o reino
Deixai vir a mim as crianças. Jesus honrou as crianças como modelo de fé e humildade para todo o seu povo.
Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa’a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina’a» jedhe.
Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa’a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina’a» jedhe.
Yennaa san barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Mootummaa Waaqaa keessatti ka caalu eennu?» jedhaneen. Inni daa’ima tokko waamee, isaan dura dhaabbachiisee, «Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa’immaanii hin te’in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubba’aatitti hin galtanu. Eennulle ka akka daa’ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubba’aa keessatti mara ka caalu te’a.
«Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa’immaanii hin te’in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubba’aatitti hin galtanu. Eennulle ka akka daa’ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubba’aa keessatti mara ka caalu te’a. Eennulle daa’ima akkasii maqaa kiyyaan ka fudhatu na fudhata.
Yesuus, «Ani isinitti hima, ergantooti Waaqaa ta ol-gubbaa jirtu, ta isaan eeddu yennaa mara fuula Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu waan ilaaltuuf, worra didiqqaa kana keessaa tokkocha akka hin tuffanne ifi eegadha’a. [
Yennaa san Yesuus, «Abba’a, Goottaa ol-gubba’aa fi lafaa! Waan kana mara beekkole’ee fi qaroolee dhossitee, ijoollota didiqqo’otti waan mudhitteef ani si galateeffadha.
Worri nageya buusu gammaduu;
isaan ijoollee Waaqaa hin jedhaman!
Namooti gariin akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee eebbisuuf, ijoollee didiqqoo gara isaa fidane. Barattooti ammoo isaan dheekkamane. Yesuus yennaa waan kana dhagge aaree, «Mootummaan Waaqaa waan ta worra akka ijoollee tanaa teeteef, ijoolleen gara kiyya dhuttuutii, hin dhooggina’aa lakkisa’a!
Achiin duuba Yesuus daa’ima tokko fuudhee isaan dura dhaabbachiise. Inni isa habbaarratee, «Eennulle ka daa’ima diqqaa akkanaa kana maqaa kiyyaan fudhatu, na fudhata; eennulle ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata malee na calla’aa moti» isaan jedhe.
Yesuus Waaqaa fi nama duratti, nafaan, qarumma’aa fi gaaro’oon guddate.
Diiranteeffatanee ka’aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Simoonii ilma Yohaannisii, worra kana caalaa na jaalattaa?» jedhe.
Inni, «Ee, Goottaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise.
Yesuus isaan, «Ilmoolee tiyya dheedisiisi» jedhe.
Identidade e crescimento
Somos filhos de Deus pelo Espírito de adoção. Crescer em Cristo é amadurecer em fé, obediência e amor ao próximo.
Te’uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te’anuuf midda kenne.
Worri Ayyaana Waaqaatiin sooreffamu mara ijoollee Waaqaa ti.
Isin Ayyaana ilmoomaa ka, «Abba’a! Abbaa keenna!» jettanee waantanuun fudhattane malee, soda’aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne.
Ayyaanni Waaqaatuu ayyaana keenna woliin wolii galee, nuuti ijoollee Waaqaa akka teene dhugaa baya.
Dadi duudiin mudhachuu ijoollee Waaqaa dharraa gudda’aan eegiisatti jirti.
Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatiisaan, isin martinuu ijoollee Waaqaa ti. Isin worri Kiristoos woliin tokko te’iisaaf cuuphantane maraa, Kiristoos akka woya’aa uffattaneertan.
Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.
Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te’uu malee yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna. Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.
Ijoolle! Cubbuu teessaniif maqaa Kiristoosiitiin araarri waan kennameef isiniif barreessa.
Ijoollee tiyya, waaqota dharaameyyii irraa ifi eeggadha’a!
nama maatii ifii sirri’itti bulfatu, nama ijoolleen ulfinnaan isaaf ajajantu te’uu qaba.
Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hama’a.
Gorsa Waaqi akka ijoollee ifiititti isinitti dubbate deetaneertan; inni,
«Ilma kiyya! Yennaa Goottaan sirreessiisaaf si xixu,
akka kaso’ootitti hin ilaalin;
yennaa inni si adabelle,
gadhaa hin kutatin!
Sababille Goottaan nama jaalatu hin xixa;
nama akka ilma ifiititti fudhatulle
hin adaba» jedha.
Waaqi akka ijoollee ifiititti waan isin ilaaluuf, rakkoo adabbi’ii ossadha’a! Ilmi abbaan hin adabane kam inni? Adabbii ijoolleen fudhattu maraa isinille yoo hin fudhanne, isin baana malee ijoolle’ee moti. Kana maleelle nuuti martinuu abbootii nu adabanu qanna; nuutille isaan hin ulfeessina. Akka jiru’uun leenuuf irra caalaa Abbaa keenna ka ayyaanaatiif ajajamu’uu mallee motii ree?
Adabbiin kennantu yennaa san ka nama gaddisiittu malee, ka nama gammachiittu hin fakkaatu; duuba ammoo worra itti barateef midhaan balchumma’aa ka nageyaan guutame hin buuchi.
Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane.
Halchaa badduu dargaggumma’aa irraa baqadhu; worra gadhaa qullu’uun Goottaa waammatu woliin balchummaa, dhugeeffannaa, jaalalaa fi nageya hordof.
Dhugaa baatota hedduu duratti waan na irraa dhageette, namoota dhibii barsiisiisaaf worra dandeettii qabu, worra addatama’atti magannee kenni.
Transmitir a fé
Contaremos à geração vindoura os louvores do Senhor. O legado de fé é o maior presente que damos aos nossos filhos.
Ilmaan teeti marti
ana Mootii Waan Maraa irraa
ka baratte hin teeti;
ijoolleen teetille
nageya guddaa hin dhaggatti.
Ilmaan teeti marti
ana Mootii Waan Maraa irraa
ka baratte hin teeti;
ijoolleen teetille
nageya guddaa hin dhaggatti.
Akkuma ani si leellifadhu,
worri jiru’uun jiru si leellifatan;
addatamummaa teeti
abbootiin ijoollee ifiititti hin himan.
Mootiin Waan Maraa, «Haati annuu ifii ta hoosittu
dedhuu dandeettii?
Yookiin finna ifii ta deetteef hin marartuu ree?
Haati annuu ifii deetulle ani ijjumaa Xiyoon hin dedhu.
Ee Xiyoon, kunoo ani ganaa harka kiyyaa irratti
si barreeffadheera;
dalleenni keeti ka dhaka’aan ijaarame
yennaa mara fuula kiyya dura jira.
Ani akka kolbaan sodaatte dhaggee, kolba’aa fi sooreyyii isaaniitiin, qondaalotalle’een, «Diinota keessan hin sodaatina’a. Waaqi guddaan sodaatamaan, worra keessaniif, ijoollee teessaniif, haadhotii manaa teessaniif, maatii teessaniif akka isiniif lolu qaabadha’a» jedheen.
Saamu’eliin dargaggeessichi Elii duratti Mootii Waan Maraa tajaajilaayyu; bara san Mootiin Waan Maraa yennaa tokko tokko malee, namatti hin dubbatu; mudhiin bacaalle hin jirtu.
Ijoolleen tiyya dhuga’aan jiraachuu isi’ii dhage’iisaan irra wonni na gammachiisu hin jiru.
Ijoolleen tiyya dhuga’aan jiraachuu isi’ii dhage’iisaan irra wonni na gammachiisu hin jiru.
nuuti ijoollee isaanii hin dhossinu;
marroo leellisa Mootii Waan Maraatii fi hunna isaa,
marroo bilbaasa inni hujee,
dhaloota dhufutti hin hinna.
Inni ajaja sanyii Yaaqoobiitiif kennee,
seera Israa’el keessatti baasee,
ijoollee ifiille akka barsiisanu
abbootii teenna ta durii ajaje.
Wonni inni tana godheef,
dhalooti itti aanu tana akka beeku,
worri amma hin dhalatinille
ijoollee ifii akka barsiisu.
Achiin duuba ijoolleen sun Waaqatti addatti;
hujii Waaqaalle hin deetu;
ajaja isaalle yennaa mara eeggatti.