Publicidade

Tomar uma decisão

Por Bíblia Online

Tomar decisões com sabedoria é um dos maiores desafios da vida. A Bíblia nos ensina a buscar a Deus em oração, na Palavra e no conselho, confiando que Ele dirige os nossos passos.

Buscar a Deus

Se algum de vós tem falta de sabedoria, peça a Deus. Ele dá generosamente e sem repreensão a todos os que pedem.

Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma’aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna.

Waaqa dura dhikaatiisaaf ifi-addiin nuuti qannu tana: waan mara akka fedha isaa yoo isa gaafanne inni nu hin dhage’a.

Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.

Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu;

hubantii teetitti hin irkatin.

Karaa keeti maraan isa beeki;

inni daandii teeti si’iif hin qajeelcha.

Karaa keeti maraan isa beeki;

inni daandii teeti si’iif hin qajeelcha.

Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.

Conselho e direção

Onde não há conselho os planos se frustam. Toda Escritura é útil para nos guiar nas decisões da vida.

Gorsitooti yoo hin jiraatin

mootummaan takka hin jiddi;

gorsitooti hedduun yoo jiraatte ammoo

nageyaan jiraatti.

Murtee godhatiisaaf kolbaan hixaa buufatti;

waan mara ka murteessu ammoo Mootii Waan Maraa ti.

Nami nama woliin wolii hin galle,

fedhii ifii qofa gula deemuu barbaada;

muraa haqaa maraayyuu hin morma.

Nami gowwaan yaada ifii qofaa

namatti mudhisuu barbaada malee,

hubanti’itti hin gammadu.

Hammeenni yennaa dhufu,

tuffatamiisille hin dhufa;

salphinnalle woliin qaani’itti dhufa.

Dubbiin afaan namaa akka bisaan qile’ee ti;

maddi qarumma’aa ammoo akka bisaan yaa’uu ti.

Nama hama’aaf goluun,

yookiin nama yakkaa hin qanne

haqa dhoogguun dansa’aa moti.

Haasonni nama gowwa’aa lola isatti kaasa;

afaan isaalle dhaanamiisa isatti fida.

Gowwaa dubbii isaatittuu isa balleessa;

afaanuma isaatittuu akka tiyyo’oo isa qaba.

Dubbiin nama nama hamatuu

akka sagalee mi’oottuuu ti;

isiin gara qochumaanii gad hin buuti.

Nami huji’itti booseyu

obboleessa nama wo balleessuu ti.

Mootiin Waan Maraa

akka xelleephoo jaddu’uu ti;

worri balchooleen

itti baqatanee bayan.

Qabeenni dureeyyi’ii isaaniif

akka qachaa dalleya dhaka’aa jabaa qabuu ti;

isaan akka dalleya dheera’aatitti

isa hedatan.

Badiisa ifiitiin dura nami hin koora;

ulfinnaan dura ammoo

gad ifi qabiisatti dhufa.

Dubbii adoo hin caqasin deebii kennuun,

gowwumma’a;

fokko’ollee.

Yaadi namaa dhibee hin ossata;

yaadi yoo cabe ammoo

eentu isa fayyisuu dande’a ree?

Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa.

Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.

Yennaa fuullee lafa Misiyaasii geyane godina lafa Bitaaniya’aa, dhaqiisaaf wodhaanane. Ayyaanni Yesuusii ammoo isaaniif hin eeyyanne.

Baarnaabaasii Fi Saa’ol Ergamane

Wolde’a kiristaanaa ka Anxokiya’aa keessa raagotaa fi barsiisoti jiraniiyyu: isaanille Baarnaabaas, Simoon ka «Gurraacha» jedhamu, Luukiyoosii biyya Qareena’aa, Maanaa’enii Heroodisii bulchaa woliin guddatee fi Saa’ol fa’a. Isaan Goottaa tajaajilaa adoo laamanuu Ayyaanni Woyyichi isaaniin, «Baarnaabaasii fi Saa’ol hujii ani isaan waameef, isaan naaf fowa’a» jedhe.

Isaan laamanee daadimatanee, harka ifii isaan irra keyaneen duuba ergane.

Confiar e seguir

Seja o que for que façais, fazei tudo para a glória de Deus. O sábio ouve a Deus antes de agir.

Maarre yennaa nyaattanulle te’e yennaa untanu, yookiin waan gootanu mara ulfinna Waaqaatiif godha’a.

Waaqi Abbaa Keenna

Maarre dhugaa baatota akka duumensaa adaala keenna naannessane kana mara waan qannuuf, kowa’a waan ba’aa nu irratti te’e maraa fi cubbuu nu’utti maxxante ifi irraa balleessinee, doggommii rukkee nu dura jirtuu ciniinnannee ossatiisaan rukkinna.

Halkan san achitti Mootiin Waan Maraa oojju’uun Solomoonitti mudhatee, «Akka si’iif kennu waan barbaaddu na gaafadhu» jedhe.

Solomoon deebisee, «Abbaan kiyya Daawiti tajaajilaan keeti addatamumma’aan, balchumma’aa fi qajeelumma’aan si dura waan deddeebi’eef, jaalala keeti guddaa ka bara baraa isaaf mudhitteerta; jaalala keeti guddaa ka bara baraa kana isaaf eeddee, adhalle ilma addee isaatitti barcumaa mootummaa isaa irra tee’u isaaf kenniteerta. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani tajaajilaan keeti addee abbaa kiyya Daawitiititti mootii akka te’u gooteerta; ani ammoo ijoolle’e; attam akka bulchanulle hin beeku. Kunoo ani tajaajilaan keeti, kolbaa ati filatte bindillaa laakkowanee hin dhaqqanne odduu jira. Tanaaf kolbaa teeti bulchiisaaf, hantu’uu fi dansaa gargar baasee akka beeku, qalbii hubanti’ii ana tajaajilaa keetiif kenni. Yoo akkas hin te’in kolbaa teeti guddoo tana eentu bulchuu dande’a ree?» jedhe.

Solomoon tana waan gaafateef Mootiin Waan Maraa gammade. Maarre Waaqi Solomooniin, «Ati ifiif bara dheeraa le’iisaaf yookiin duroomiisaaf yookiin diinoti keeti akka du’anuuf adoo hin te’in, muraa haqaa kenniisaaf qarummaa waan na gaafatteef, ani waan ati na gaafatte siif hin godha; qarumma’aa fi hubantii nami tokkoolle tanaan qara hin qanne yookiin haganaa achille dhaggatuu hin dandeenne si’iif hin kenna.

Niitiin isaa, «Ati ammalle addatamummaa teeti qabattee jirtaa? Waaqa abaariitii du’i!» jette.

Iyoob ammoo isi’iin, «Ati akkuma dubartiin gowwaan dubbattu dubbataarta; Waaqi waan dansaa yennaa nuu kennu gammadaan fudhanna; hantuulle hin fudhannuu ree?» jedhe; tana duudii keessatti Iyoob cubbuu hin hunye; hantuulle hin dubbanne.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-