Despedida
As despedidas na Bíblia são momentos sagrados de bênção, oração e confiança em Deus. Mesmo na separação, os filhos de Deus se despedem com fé, carinho e esperança de reencontro.
Despedidas bíblicas
Paulo se despediu dos anciãos de Éfeso com oração e lágrimas. As despedidas entre irmãos são marcadas por afeto e fé.
Phawuloos tana dubbatee fixeen duuba, isaan woliin jilbiiffatee daadimate. Isaan duudiin bowaa morma isaatitti maratanee sunqatane. Keessattuu inni isaaniin, haganaa achii deebitanee na hin dhaggitanu waan jedheef guddoo gaddane; achiin duuba isaan haga hobolo’oo isa woliin deemane.
Phawuloos Biyya Maqedooniya’aatii Fi Giriikii Dhaqe
Hogaan qabbanoween duuba, Phawuloos dhugeeffattoota duudii waamee, jajjabeessee, nageya itti dhaamee, isaan lakkisee gara Maqedooniya’aa dhaqiisaaf ka’e.
Yihuda’aa fi Siilaas guyyoota diqqaa achi turaneen duuba, dhugeeffattootaan nageya wolitti dhaamanee, gara worra isaan ergee deebi’ane. [
Dharraa Phawuloos Deebi’ee Isaan Ilaaliisaaf Qabu
Obboleeyyan tiyya, gadhaan keenna adoo isin bira jiruu, yennaa diqqo’oof ilaan wol dhagguu dhannee gargar baanulle, waan guddoo isin dharraaneef ila teennaan isin dhaggiisaaf guddoo wodhaanneerra.
Jaalala Yesuus Kiristoosiitiin attam akka ani isin maraa dharra’u Waaqi hin beeka.
Amizades profundas
Davi e Jônatas se despediram com lágrimas e pacto de amizade. Rute se apegou a Noemi com lealdade inabalável.
Mucaan deemeen duuba, Daawiti dhakaa biratti dhokateeru san gara kibbaatii ol ka’ee, yennaa sad fuulaan lafatti gad gombifamee sagade; achiin duuba wol sunqatanee bowane; Daawiti garuu Yonaataan caalaa bowe. Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Nuuti, ‹Si’ii fi ana, sanyii teetii fi sanyii tiyya wodhakka’atti Mootiin Waan Maraa haga bara baraa dhugaa bayaa keenna› jennee maqaa isaatiin waan kakanneef, nageyaan deemi» jedhe. Achiin duuba Daawiti ka’ee deemee, Yonaataanille gara qacha’aa deebi’e.
Mucaan deemeen duuba, Daawiti dhakaa biratti dhokateeru san gara kibbaatii ol ka’ee, yennaa sad fuulaan lafatti gad gombifamee sagade; achiin duuba wol sunqatanee bowane; Daawiti garuu Yonaataan caalaa bowe.
Naa’oom ammoo niitota ilmaan ifii lamaaniinuu, «Gara mana haadhotii teessanii deebi’a’a. Akkuma isin anaa fi worra isin irraa du’eef dansaa gootane, Mootiin Waan Maraa waan dansaa isinii godhu. Tokko tokkoon keessanuu deebitanee heerumtanee, bulii dansaa akka dhaggattanu Mootiin Waan Maraa isin qarqaaru» isaaniin jette.
Achiin duuba isiin sunqattee nageya itti dhaante; isaan ammoo iyyanee bowanee, «Waawwo’o, nuuti si woliin gara kolbaa teetii ideenna» isi’iin jedhane.
Naa’oom ammoo, «Durra tiyya, deebi’a’a, maaf na woliin deentan? Ani ilmaan dhibii ta isin dhaaltu gadhaa kiyya keessaa qaba seetanii? Durra tiyya, deebi’a’a, karaa keessan qabadha’a, ani akka malee waan dulloomeef hin heerumu. Ani silaa yoo addii qabaadheeyyuu, edanumaayyuu heerumee, ilmaanille deye, haga isaan gugurdatanutti hin eegattanii? Tanaaf jettanee heeruma dhaddanii ree? Waawwo’o, durra tiyya, waan harki Mootii Waan Maraa natti fideen, akkas te’uun keessan guddoo na gaddisiitteerti» isaaniin jette.
Achiin duuba isaan ammalle iyyanee wolitti bowane. Orphaan haadha sodda’aa ifii sunqattee nageya itti dhaante, Ruuti ammoo itti maxxante.
Achiin duuba isaan ammalle iyyanee wolitti bowane. Orphaan haadha sodda’aa ifii sunqattee nageya itti dhaante, Ruuti ammoo itti maxxante.
Achiin duuba Muuseen abbaa sodda’aa ka ifii Yetro geegessee, abbaan sodda’aa ka isaa Yetro gara biyya ifii deebi’e.
Bênçãos de despedida
O Senhor te abençoe e te guarde. O Senhor faça resplandecer o seu rosto sobre ti e te dê a paz.
« ‹Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu!
« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu!
« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!› jedhiin.
Mootiin Waan Maraa
Waan hantuu mara irraa si eega;
inni jiruu teeti hin eega.
Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti
ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.
Badhaadhi Waaqaa isin mara woliin jiraatu! Ameen.
Nageya Muumme’ee
Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee’a’a; leetoo teessan sirreeffadha’a; gorsa kiyya dhage’a’a; wolii gala’a; nageyaan le’a’a; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata.
Nageya Muumme’ee
Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee’a’a; leetoo teessan sirreeffadha’a; gorsa kiyya dhage’a’a; wolii gala’a; nageyaan le’a’a; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata.
Sunqata woyyichaan wol sunqataa nageya wol fuudha’a.
Kolbaan Waaqaa marti nageya isinii dhaanteerti. Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Ayyaana Woyyichaalle isin duudii woliin jiraattu.
Meya Woraanaa Ka Waaqaa
Yoona, Gootta’aa fi hunna isaa jaddu’uun jabaadha’a.
Achiin duuba Iyaasuun isaan eebbisee ifi irraa geegesse; isaanille gara mana ifii galane.
Achiin duuba ammalle nami dhibiin, «Gootta’a, ani si hordofa; ammoo dursee dhaqee maatii tiyyaatii nageya akka dhaamuuf naa eeyyami» jedhe. Yesuus isaan, «Nami qottoo harkatti qabatee, ifiin duuba ilaalu mootummaa Waaqaatiif hin te’u» jedhe.
Achiin duuba Elsaa’i qotiyyoo lakkisee, gara Eliyaasii rukkisee, «Abbaa kiyyaa fi haadha tiyya sunqadhee, nageya itti dhaamee deebi’ee akka si hordofu naa eeyyam» jedhe.
Eliyaas deebisee, «Tole; ani si hin dhooggu deemi» jedhe.
Maarre Elsaa’i isa biraa deebi’ee deemee qotiyyoo lama qale; inni meya qotiyyo’oo ka ittiin qotu san bobeessee, foon san iffeelee kolba’aaf kenne; isaanille nyaatane. Achiin duuba Elsaa’i ka’ee, Eliyaas hordofee qarqaaraa isaa te’e.