Deus nos chamou
Deus nos chamou antes da fundação do mundo. Ele nos conhece pelo nome, nos predestinou para sermos conforme a imagem de Cristo e nos capacita para o chamado.
Chamados por Deus
Os que Deus predestinou, também os chamou. O Seu chamado é irrevogável — fundamentado no propósito eterno e na graça abundante.
Worra Waaqa jaalatu ka akka fedha isaa waamameef, Waaqi waan maraa dansa’aaf akka isaanii godhu hin beenna. Worri inni dursee filate akka Ilma isaa fakkaatuu fi Ilmi isaalle obboleeyyan hedduu oddu’utti angafa akka te’uuf, waan Waaqi dursee murteesseeruuf tun teete. Worra dursee murteesse waameera; worra waamelle balchoonseera; worra balchoonselle ulfeesseera.
Addiin inni itti isin waame maan akka teete, eebbi baasaa ka inni kolbaa ifiitiif addii kennu durummaa attamii akka te’e, qalbiin teessan banantee ifa isaa akka dhaggitanu, nu worra dhugeeffatulle’eef, hunna isaa ta waan duudi’iin ol teete, attam guddoo akka teete, akka beettanu daadimadha. Hunni tun jabeenna guddaa tama akka,
Yoona, hunna Waaqi siif kenneen, Oduu Gammadaatiif na woliin rakkadhu malee, Goottaa keennaaf dhugaa bayuu yookiin marroo tiyya ka ani Kiristoosiif jedhee hidhame hin fokkifatin. Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te’in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu’uun dura karaa Kiristoosiitiin nu’uuf kenname. Amma ammoo karaa dhufiisa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii du’a balleessee, karaa Oduu Gammadaatiin jiru’uu fi badii irraa hafuu, gara ifaa fideetiin, nutti mudhifameera.
Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi’ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa.
«Ani gadhaa haadha teetii keessatti adoo si hin dadin si beeke; adoo ati hin dhalatin adda si baafadhee, gosa biyya adda addaatiif, raagaa akka teetu si filadhe» naan jedhe.
A resposta ao chamado
Ninguém pode vir a mim se o Pai não o atrair. Deus escolheu os fracos para confundir os fortes — e nos chamou para a luz.
Abbaan na erge yoo isa harkise malee, eennulle gara kiyya dhufiisa hin dande’u; anille guyyaa muumme’ee du’aa isa hin kaasa.
Obboleeyyan tiyya, yennaa Waaqi isin waame nama attamii akka teetane qaabadha’a. Akka yaada namaatitti isin keessaa worri hedduun qaroolee, yookiin jajjaba, yookiin worra gugurda’aa moti. Waaqi ammoo qaroolee qaanessu’uuf, worra biyya lafaatitti akka gowwoole’ee laakkowamanu fowate; worra jajjaba qaanessu’uuf worra biyya lafaatitti akka dadhaboole’ee laakkowamanu fowate.
Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, dhage’aa! Waaqi akka isaan dhugeeffanna’aan dureeyyii te’anuu fi mootummaa inni worra isa jaalatanuuf waadaa gale san akka dhaalanuuf, worra biyya lafaatitti hiyyeeyyii te’ane filateeraa motii?
Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaalatamee akka gallu nu tolcheera. Nuuti Ilma isaatiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhagganneerra.
Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama’a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan. Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille’eef» jedhee deebise.
Confirmando o chamado
Procurai tornar cada vez mais firme a vossa vocação. Deus começou a boa obra e a completará até o dia de Cristo.
Tanaaf obboleeyyan tiyya! Waamamiisaa fi filamiisa keessan mirkaneessiisaaf, worra caalchittanee dharraatanu te’a’a; tana yoo gootane dhugeeffannaa teessan irraa ijjumaa hin jiddanu. Akka kanaan, gara mootummaa Goottaa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta bara baraatitti akka galtanu middi guutuun isiniif hin kennama.
Waaqi hujii dansaa isin keessatti jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi’ee dhufuutitti, akka muummessu ani mama hin qabu.
Worri waamame heddu’u, worri filame ammoo diqqa’a» jedhe.