Dia das crianças
As crianças são preciosas aos olhos de Deus. Jesus as acolheu, abençoou e ensinou que delas é o Reino dos Céus — modelos de fé, pureza e humildade.
Jesus e as crianças
Deixai vir a mim as crianças. Jesus abraçou, abençoou e honrou as crianças como modelo de fé para os adultos.
Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa’a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina’a» jedhe.
Ka Caalu Eennu
Yennaa san barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Mootummaa Waaqaa keessatti ka caalu eennu?» jedhaneen. Inni daa’ima tokko waamee, isaan dura dhaabbachiisee, «Ani dhugumaan isinitti hima, yoo hin jijjiiraminii fi deebitanee akka daa’immaanii hin te’in, isin ijjumaa mootummaa ol-gubba’aatitti hin galtanu. Eennulle ka akka daa’ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubba’aa keessatti mara ka caalu te’a.
Mammaassa Hoolee Baddee
Yesuus, «Ani isinitti hima, ergantooti Waaqaa ta ol-gubbaa jirtu, ta isaan eeddu yennaa mara fuula Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jiruu waan ilaaltuuf, worra didiqqaa kana keessaa tokkocha akka hin tuffanne ifi eegadha’a. [
Sooreyyiin hayyootaatii fi barsiisoti Seeraa waan baasaa ka inni godhe yennaa dhagganee fi ijoollee Galma Waaqaa keessatti, «Hosaa’inaa Ilma Daawitiitiif» jedhaa iyyitu yennaa dhaggane aarane. Tanaaf Yesuusiin, «Ati waan ijoolleen tun jettu dhageettaa?» jedhane.
Yesuus, «Ee hin dhage’a; isin ijjumaa, ‹Afaan ijoolle’eetii fi daa’immaan hootuutiin galata ifiif qopheeffatte› ka jedhu hin dubbinnee?» isaaniin jedhe.
Ani dhugumaan isinitti hima; eennulle mootummaa Waaqaa akka ijoolleen takka fudhattutti ka hin fudhanne, itti hin galu» jedhe. Achiin duuba ijoollee habbaarratee harka ifiitiin qaqqabee, isaan eebbise.
Achiin duuba Yesuus daa’ima tokko fuudhee isaan dura dhaabbachiise. Inni isa habbaarratee, «Eennulle ka daa’ima diqqaa akkanaa kana maqaa kiyyaan fudhatu, na fudhata; eennulle ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata malee na calla’aa moti» isaan jedhe.
Instruir e proteger
Instrui a criança no caminho de Deus. Elas são herança do Senhor — presentes sagrados que devemos educar com amor.
Ijoollee karaa sirri’ii barsiisi;
yennaa dulloomanelle isaan
karaa san irraa hin goranu.
Ilmaan teeti marti
ana Mootii Waan Maraa irraa
ka baratte hin teeti;
ijoolleen teetille
nageya guddaa hin dhaggatti.
Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;
midhaan gadaamessaa,
eebba isaa ti.
Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te’eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama’aatii, waan isaan jedhanu mara godha’a.
Abbootii! Akka isaan addii hin kutanne, ijoollee teessan hin aarsina’a.
Ijoolle’ee Fi Worra Isaanii
Ijoolle! Waan barbaachisaa te’eef, abbooti’ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama’a. «Abba’aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.
Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.
« ‹Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu!
« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu!
« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!› jedhiin.