Publicidade

Domínio próprio

Por Bíblia Online

O domínio próprio é fruto do Espírito e marca de maturidade espiritual. A Bíblia ensina que quem governa o próprio espírito é melhor do que quem conquista uma cidade.

Fruto do Espírito

O fruto do Espírito inclui domínio próprio. A graça de Deus nos ensina a viver de maneira sóbria e justa neste mundo.

Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama, qajeelumma’aa fi ifi qabatiisa. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru.

Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera. Badhaadhi kun cubbu’uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa. Addii gammachiittuu fi ulfinnaan mudhatiisa Waaqa guddaa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii hin eeganna.

Ayyaanni Waaqi nu’uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu’uuti malee, Ayyaana soda’aatii moti.

Sababa kanaaf, dhugeeffannaa irratti dansummaan akka dabalantu, dansummaa irratti beekkumsa, beekkumsa irratti ifi qabatiisa, ifi qabatiisa irratti ciniinnatanee ossiisa, ciniinnatanee ossiisa irratti nama Waaqaa te’iisa, nama Waaqaa te’iisa irratti, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa irratti jaalala nama maraa qabaadha’a.

Governar a si mesmo

Melhor é o que domina o seu espírito do que o que toma uma cidade. A cidade sem muros é o homem sem domínio próprio.

Nama hunnaamessaa mannaa,

nama ossataa woyya;

nama hunnaan qachaa tokko qabatuu mannaa,

nama ifi qabatu woyya.

Nami ifi qabatiisa hin dandeenne,

akka qachaa guddicha dalleenni dhaka’aa irraa jigee ti.

Nami gowwaan yaada aarii ifii mara dubbata;

nami qaroon ammoo ossaan ifi qabataa dubbata.

Jechoota bacaa keessaa,

cubbuun hin dhabantu;

nami arraba ifii eegatu ammoo qaro’o.

Worri wol doggomu duudiin akka rukkisuu fi isaan keessaa tokkochi callaan badhaasa akka fudhatu hin beettanuu? Isinille akkasuma badhaasa akka dhaggattanu rukkisa’a. Worri doggommo’oof qophowu mara leenjii jadduu leenji’a. Isaan badhaasa taree badu dhaggatiisaaf kana godhan; nuuti ammoo badhaasa bara baraa akka dhaggannuuf tana goona. Tanaaf ani akka nama yaada hin qannee toluma hin rukkisu; ani akka nama qilleensa tuntummu’uun dhowuu nama toluma aggatuu moti. Worra dhibi’iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggommi’iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka naaf ajajamu godha.

Ifi qabatiisa yoo dadhabane ammoo, addee halchaa fooniitiin gubatanu fuudhuu woyya.

Haga ilaallatam namatti dhufee hin beenne, isinitti hin dhunne. Waaqi addatamaa waan te’eef, akka hunna teessaniin ol haga ilaallatantanuuf isinitti hin lakkisu. Ammoo yennaa haga ilaallatantanu jabeenna ittiin ossattanu isinii kennaa, karaa keessaa baatanu isiniif qopheessa.

Disciplina e vigilância

Sede sóbrios e vigilantes. O diabo anda em derredor como leão rugidor. A sobriedade nos protege e fortalece.

Gumeeffadha’a; dammaqa’a! Diinni keessan Seexanni, akka neenqa waan liqinsu barbaadee dhangaa dhowuu, adaala keessan garmaama. Obboleeyyan teessan ta biyya lafaa duudii keessa jirtu, rakkoo akkasii akka fudhatu beeka’aatii, dhugeeffanna’atti jabaadha’aatii Seexana morma’a.

Muummeen waan maraa dhikaatteerti; tanaaf akka daadimatiisa dandeettanu, worra ifi qabatuu fi dammaqe te’aa.

Akka Fedha Waaqaa Le’uu

Eega Kiristoos nafa ifiitiin rakkate, isinille akka nama meya woraanaa hidhatee yaada kanaan jabaadha’a; sababille nami nafa ifiitiin rakkatu cubbuu dhiiseera. Haganaa achi bara le’ii isaa ta lafa irraa, akka halchaa foonii adoo hin te’in akka fedhii Waaqaa le’uu qaba. Tanaan qara barri isin akkuma worri Yihudoota hin te’in huju: baalagumma’aan, halchaa baddu’uun, machi’iin, akka malee nyaataa caaqu’uun, akka malee uniisaa fi waaqonfannaa farra teete waaqota dharaa waaqonsu’uun dabarsitane hin geya. Amma lansooti teessan ta durii waan isin isaan woliin samaamuruu dhaddaneef maadeffatanee, isin arrassan. Isaan ammoo waan godhane kanaaf, Waaqa worra jiruu fi du’etti muriisaaf qophoweef, deebii mataa ifii hin kennan.

Nami duudiin haadha manaa woyyumma’aa fi ulfinnaan qabatee eegatiisa beekuu ti. Akka worra Yihudoota hin te’inii, ka Waaqa hin beennee halchaa foonii badduu hin qabaatin.

O senhorio de Cristo

Todo domínio pertence a Cristo. Ele é Senhor dos senhores e Rei dos reis — e nos capacita a viver em santidade.

Wonni inni dade marti,

mootummaa isaa keessa

addee jirtanu maratti

Mootii Waan Maraa leellisa’a.

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi.

Mootummaan teeti

mootummaa bara baraa ti;

ati haga bara baraa hin bulchita.

«Ani ilma namaa ka fakkaatu duumensa ol-gubbaaatiin dhufiisatti jiruun, halkan mudhi’iin dhagge; inni gara ka haga bara bara jiraatuu dhufee isa duratti dhikeeffame. Kolbaan hedduun, gosi biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu akka isa tajaajilanuuf baalliin, ulfinnii fi hunni Mootii waan maraa te’iisaa isaaf kennante; barri bulchiisa isaa ka haga bara baraa hin dabarre; mootummaan isaalle ijjumaa dhuma hin qaddu.

Ani bilbaasaa fi maadee ka Waaqi Ol-Aanaan naaf huje isinitti himuu fedha.

«Bilbaasi isaa attam attam gudda’a!

Maadeen isaa attam attam jaddu’u!

Mootummaan isaa ta bara baraa ti;

inni dhalootaa haga dhalootaatitti bulcha.

Annuun nuuf dhalateera;

ilmi nuuf kennameera;

Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti;

maqaan isaa, «Gorsaa maade’ee,

Waaqa hunnaamessa,

abbaa bara baraa,

qondaala nageyaa» hin jedhama.

Baalliin isaatii fi

nageenni isaa dhuma hin qabanu;

inni barcumaa mootummaa Daawitii irra tee’ee,

mootummaa isaa hin bulcha;

haqaa fi balchumma’aan dhaabee,

ammaan jalqabee haga bara baraatitti

isii hin jabeessa;

hinaaffaan Mootii Waan Maraa

Ka Waan Mara Dadee, tana hin gooti.

Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaalatamee akka gallu nu tolcheera. Nuuti Ilma isaatiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhagganneerra.

yennaa inni Kiristoos du’a keessaa kaasee, ol-gubbaatti midda ifiititti isa teessise ittiin hujee ti. Waaqi Abbaan bulchitootaa, worra baallii qabu, hunnootaa fi goottota maraa ol, akkasuma biyya lafaa tana qofatti adoo hin te’in, ta dhuttulle’etti, maqaa ulfinnaa ka maqaa maraa olii kenniisaan Kiristoos midda ifiititti teessise.

Nuuti ammoo nama biyya ol-gubbaaa ti; nuuti Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, Fayyisaa achii dhufu dharra’aan eeganna. Inni hunna ittiin waan mara baallii ifii jala godhuun, nafi keenna salphataan kun, nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira.

Kiristoos waan du’aa ka’eef, deebi’ee akka hin duunee fi duutille isa irratti baallii akka hin qanne hin beenna.

Worri yaada fooniitiif ajajamu Waaqa gammachiisuu hin dande’u.

Dhugumaan, Ayyaanni Waaqaa isin keessa waan jiruuf, isin akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha foonii hin leetanu. Nami Ayyaana Kiristoosii hin qannelle nama Kiristoosiitii moti.

Nami marti akkuma Addaamiin du’u, akkasuma nami marti Kiristoosiin jiruu hin dhaggata. Tun tokko tokkoofuu badoo badoo’oonuu teeti; Kiristoos du’aa ka’ee angafa akkuma te’e, worri ka Kiristoosii te’anelle, yennaa inni dhufu du’aa hin ka’an. Achiin duuba Kiristoos bulchitoota, worra baallii qabuu fi hunna qabu balleessee, mootummaa Waaqa Abba’atti yennaa kennu, muummeen biyya lafaa hin teeti. Waaqi diinota isaa mara miila isaa jala haga keyutti, Kiristoos mowuu qaba.

«Mootumma’aa fi sodaatamuun ta Waaqaa ti;

inni ol-gubbaa oliititti nageya hin buusa.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-