Esperar em Deus
Esperar em Deus não é passividade — é confiança ativa no Senhor que age no tempo perfeito. Os que esperam nele não serão confundidos nem envergonhados.
Esperança em Deus
Descanse somente em Deus, ó minha alma, pois dele vem a minha esperança. Ele é rocha e salvação — não serei abalado.
Lubbuun tiyya Waaqa qofa cadhittee eeggatti;
addiin tiyya isa irraa naa dhutti.
Mootii Waan Maraa duratti cadhisiitii,
ossaan isa eeggadhu;
worra hamaaleyyii
yaad hamaan isaanii toleef itti hin aarin.
Worri hamaaleyyiin hin badan;
Worri Mootii Waan Maraa eegatu ammoo
lafa hin dhaalan.
Mootii Waan Maraa addi’iin eegadhu;
karaa isaalle eegadhu;
inni lafa si dhaalchisiisaaf ulfinna si’iif hin kenna;
badii worra hamaaleyyi’iille hin dhaggita.
Ani ossaan Mootii Waan Maraa eegadhe;
innille gara kiyya deebi’ee iyya tiyya dhage’e.
Ani Mootii Waan Maraa eegadha;
Lubbuun tiyyalle hin eegatti;
addi’iin jecha isaa eegadha.
Eeddota bari’iisa eegatanu caalaa,
ee, eeddota bari’iisa eegatanu caalaa,
lubbuun tiyya Goottaa eegatti.
Worri addii sitti godhatu hin fokkifatu;
worri si’iif hin addatanne ammoo hin fokkifatan.
Ee Mootii Waan Maraa,
ani ammoo addi’iin si eegadha;
Ee Goottaa Waaqa kiyya,
atille deebii naaf hin kennita.
Mootii Waan Maraa eegadhu;
jabaadhu; addii hin kutatin;
Mootii Waan Maraa eegadhu.
Confiança na espera
O Senhor é bom para os que esperam nele. O olho não viu o que Deus preparou para os que o amam e o aguardam.
Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,
hunna ifii hin haareffatan.
Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;
hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.
Ee Mootii Waan Maraa, nuuti addii si godhannaa, nuu marari. Ganama ganama jabeenna, yennaa rakko’oolle qarqaarsa nuuf te’i.
Worra isa addi’iin eegatuuf ka maadee huju, Waaqi akka keetii ka dhibiin tokkolle hin jiru; durii jalqabee dhage’amee, dhaggameelle hin beekkamu.
Nami si irratti waan hantuu yoo huje,
«Anille deebisee waan hantuu irratti huja» hin jedhin;
Mootiin Waan Maraa si baasaa,
isa eegadhu.
Obboleeyyan tiyya! Haga Goottaan deebi’ee dhufutti ossadha’a. Qonnaan bulaan tokko haga latti isaa bokkeya matoomaatii fi eege’ee dhaggattutti ossataa, midhaan gatii-qabeessa fichaan isaa kennu, akka inni eegatu ilaala’a. Isinille akkasuma ossadha’a! Guyyaan Goottaan dhufu waan dhikaatteef, gadhaa keessan jabeeffadha’a.
Marartiin Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta gara jiruu bara baraatitti isin geessitu eeggataa, jaalala Waaqaa keessatti ifi eega’a!
Nuuti ammoo nama biyya ol-gubba’aa ti; nuuti Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, Fayyisaa achii dhufu dharra’aan eeganna.